Gadda Ermiyaasii3gax_twf

Adabama, Cubbuu Irraa Deebi'iisaa Fi Addii

1Ani nama ulee mufii Waaqaatiin,adabamee rakkinna dhagge.2Inni addee ifi hin jirre,dukkanatti na ari'e.3Inni dhugumaan guyyaa mara deddeebi'ee,harka ifiitiin na adabe.
4Inni foonii fi gogaa kiyya dulloonsee,lafee tiyyalle caccasse.5Inni na marsee,rakkinna hadhowa'aa fi laaleffata keessa na galche.6Inni akka worra dur du'ee awwaalamee,dukkana keessa akka le'u na tolche.
7Akka ani hin baaneef,dalleya marsee natti ijaaree,wodaroo sibiilaa ulfaattu'uun na hidhe.8Qarqaarsaaf itti iyyadhulle,na caqasuu dide.9Karaa kiyya dhaka'aan duuchee,daandii tiyyalle daddasse.
10Inni akka doobbaa ciisee na gaaduutii fiakka neenqa dhokaata jiruu ti.11Inni karaa irraa na harkisee, kukkutee,qarqaarsa malee na lakkise.12Guubee ifii dhisee,itti qajeelfata daaya ifii na godhe.
13Inni daaya subba ifii keessaa luqqisee,kalattii tiyya woraane.14Kolbaan tiyya marti natti kollitee,guyyaa guutuu weeddu'uun natti murgite.15Inni rakkinnaan jiruu tiyya hadheessee,waan akka hargiisaa na quusse.16Inni cabbi'iin ilkaan kiyya caccassee,bukuu keessatti na gangalche.17Ani nageya dhabee,gammadi maan akka te'e dedhe.18Tanaaf ani «Jabeenni kiyya,addiin ani Waaqa irraa eegadhu marti baddeerti» jedhe.
19Rakko'oo fi daaqa kiyya qaabatiis,akka qararu'uutii fi hadhoottu'uu natti teeteerti.20Ani yennaa tana qaabadhu mara,mataa buusa.21Teetulle yennaa waan tokko qaabadhu,addii qaba:
22Jaalalli Waaqaa ka bara baraa waan te'eef,marartii isaa ta dhuma hin qanne irraa ta kaatenuuti badiisa dhanne.23Jaalallii fi marartiin isaa barii mara haareya;addatamummaan isaa guddo'o.24Ani ifiin, «Waaqi qooda kiyya;tanaaf isatti addadha» jedhe.
25Waaqi worra addi'iin isa eegatuuf,worra isa barbaaduuf dansa'a.26Tanaaf nami cadhiseefayyisiisa Waaqaa eegatiis dansa'a.27Nami bara dargaggumma'aatittiwaanjoo ba'atiisa barachuun dansa'a.
28Yennaa Waaqi waanjoo isa ba'achiise,qofii ifii cadhisee tee'uu ti.29Ammalle addiin jiraatuu waan dandeettuuf,ifi gad qabuu ti.30Nama isa kabaluuf boqoo ifii kennuu ti;arraballe fudhatuu ti.
31Waaqi haga bara baraa isa hin gatu.32Inni nama gaddisiisulle,akka jaalala ifii ka bara baraa gudda'aatitti marartii qaba.33Inni nama rakkisu'uu fi gaddisiisu'utti hin gammadu.
34Hidhantooti biyya tokkooyennaa dhiitamanu,35Waaqa Ol-Aanaa durattimirgi ilmaan namaa yennaa dhooggamu,36Haajaan nama tokkoo haqa yennaa dhabu,Waaqi kana hin dhagguu?
37Waaqi adoo hin ajajin,ka dubbatee woy godhuu dande'u eennu?38Wonni dansa'aa fi hantuulleajaja Waaqa Ol-Aana'aatiin teetii motii ree?39Nami adoo hin du'insababa cubbuu ifiitiinyoo adabame maaf gunguma ree?
40Karaa keenna qorqorree ilaallee,gara Waaqaa deebinuu ti.41Kowa'a gadha'aa fi harka keennagara Waaqa ol-gubbaa jiruu ol kaannee,42«Nuuti ajaja keeti didannee, jallanneeatille nu'uuf hin araaranne.
43«Ati aari'iin guutantee, nu ariitee,marartii malee nu ijjeette.44Daadimannaan teenna si bira akka hin geenne,duumensaan ifi gollatte.45Gosa biyya adda addaa oddu'uttixuri'ii fi huuraa nu goote.
46«Diinoti keenna martiafaan bananee nutti murgane.47Soda'aa fi boolla bu'iis,diigamaa fi badiin nu dhaqqaddeerti» hin jenna.48Kolbaan tiyya waan badeefimimmaan ila tiyyaa akka lagaa lolaati.
49Imimmaan tiyya yennaa mara lolaati,50Tun haga Waaqi ol-gubbaa irraa gadilaalee na dhaggutti teeti.51Waan diinni kolbaa qachaa Yerusaalemii irratti godheyennaa dhaggitu gadhaan kiyya hin gadda.
52Diinoti kiyya ka sababa malee na jibbanuakka gororri'ii na adansane.53Jiru'uunuu boollatti na gataneeafaan boollaa dhaka'aan cufane.54Bisaan mataa kiyya irra dacha'ee,ani «Du'aara» jedhe.
55Qilee boollaa keessaa,maqaa keeti waammadhe.56Ati gaaffii tiyya dhageetteertaa,yennaa ani qarqaarsaaf sitti iyyadhu,gurra keeti hin qabatin; ammoo furii naa kenni!57Yennaa ani si waammadhe,ati na bira dhuttee, «Hin sodaatin!» naan jette.58Goottaa kiyya! Haajaa kiyya fudhattee,lubbuu tiyya wodatte.59Goottaa kiyya!Daba na irratti hujame dhaggiteerta,ati naaf muri!60Haluu diinoti na irratti qabanuu fimala isaan na irratti dhowanemara dhaggiteerta.
61Ee waaqa! Murgoo isaan natti murgane,mala isaan natti dhowane dhageetteerta.62Guyyaa guutuu diinoti kiyya,na irratti hasaasaa, gunguman.63Kunoo isaan yennaa tee'anu fi ka'anu mara,weeddu'uun natti murgan.
64Ee Waaqa!Akka hujii isaaniititti isaaniif kenni!65Abaarsi keeti akka isaanitti dhufu,mataa isaanii jabeessi!66Waaqa kiyya! Aari'iin isaan ari'iitii,Biyya lafaa irraa isaan balleessi.