Gadda Ermiyaasii2gax_twf

Adabamiisa Yerusaalemii

1Attam attam Waaqi mufii ifiitiinXiyoonitti duumensa uffise!Guddinna isi'iille ol-gubbaa irraagad lafatti darbe.Xiyoon ijjata miila isaa akka teete,guyyaa mufii ifii isii hin qaabanne.2Waaqi bultoo Israa'elii maramarartii malee balleesse.Kushee Yihuda'aa mufii ifiitiin diigee balleessee,Mootumma'aa fi bulchitoota isi'iigad lafatti gatee salphise.3Mufii ifii jaddu'uun,hunna Israa'elii mara dhoogge.Diinni yennaa isaanitti dhufelle,gargaaruu didate.Akkuma bobeenni ibiddaa,waan adaala isaa jiru mara gubu,Waaqi Israa'el gube.
4Inni akka diinaa daaya ifii itti qajeelfate;harka middicha ifiille qopheeffate.Worra ila namaatitti tolu duudii,akka diinaa ijjeese.Dunkaanii kolbaa Xiyoonii irratti mufii ifii,akka ibiddaa isaan irratti gabbise.
5Waaqi akka diinaatitti,Israa'el balleesse;inni kushee isi'ii maraa fimana mootummaa isi'ii mara balleesse.Kolbaa Yihuda'aa irrattibowichaa fi gadda bira dabarse.
6Galma ifii akka gosee fichaa keessaadiigee balleesse;Waaqi jilaa fi Sanbati Xiyoon keessattiakka dedhamanu godhe.Inni mufii ifii jaddu'uunmootichaa fi hayyicha salphise.
7Waaqi addee ciincaa ifii didee,Galma ifiille lakkise.Dalleya mana mootummaa isi'iiharka diinaatitti dabarsee kenne;akkuma guyyaa jilaatitti godhamu,Galma Waaqa keessatti diinni qeexale.
8Waaqi dalleya qachaa Xiyoonii diigiisaaf murteesseewodaroo miki'ii buuseera.Inni balleessiisaafharka ifii irraa hin deebifanne.Xelleepho'oo fi dalleya isi'iiwolumatti diigeera.
9Balbalti karra isi'ii marti awwaalante,danqaraan isi'iille caccabee bade.Mootichii fi qondaaltoti isi'ii ari'amaneegosa biyya dhibi'ii odduu jiran;Haganaa achi seerri hin jiraatu;raagoti isi'iille Waaqa irraamudhii hin dhagganu.
10Jaarsoleen qachaa Xiyooniimataa ifiititti bukuu firfirfatanee,woyaa gaddaa uffatanee,cadhi jedhanee lafa tee'ane.Durri qachaa Xiyooniigaddaan lafa ilaalti.
11Kolbaan tiyya waan fixanteef,ijoolle'ee fi annoolleenkaraa qacha'aa irratti waan gaggabaneefbowiisaan ilti na jaamaarti.Keessi kiyya na laalatee,addii kutadhe.
12Ijoolleen akka loltoota madoottee,karaa qacha'aa irratti gaggabanee,«Sagale'ee fi bisaan» meet jedhaa,harka haadha isaanii irratti du'an.
13Ee Yerusaalem, maan siin jedha?Maani'iin wol si qixxeessa?Xiyoonii tiyya, akka si jajjabeessuuf,maaniin wol si fakkeessa?Badiin si irra dhaqqadde akka abbaaya'aa badho'o;eentu si fayyisuu dande'a?
14Raagoleen teetimudhii dharaa ta bu'aa hin qanne si'iif dhaggite.Mudhii dharaatii fi dokonkora si'iif dhaggite malee,yakkaa teeti si'itti ifa baasaneebadii si'itti dhufaartu si'i irraa hin oolchine.
15Worri karaa dabaru marticooraa harka sitti dhowaa, mataa ifii raasaa,«Yerusaalemiin tun ta shaggummaa guutuu qadduu fiqachaa biyyi lafaa duudiin itti gammaddee motii?» jedhan.
16Diinoti keeti marti afaan bananee si'itti cooran.Ilkaan ciniinnatanee, «Yerusaalem balleessine.Guyyaan nuuti eeggataa turre kana;amma bira geennee dhaggine» jedhan.
17Waaqi waan yaade muummesse;jecha ifiille guute.Akkuma dur murteesse marartii malee si balleessee,hunna diinota keetii jabeessee,jinnana keetitti akka gammadanu godhe.
18Kolbaa qachaa Xiyoonii,gara Waaqaa iyya'a!Dalleya qachaa Xiyoonii,imimmaan teeti halkanii fi guyyaaakka lagaa yaatuu ti;hin cadhisin;boyiisalle hin lakkisin.
19Halkan guutuu yennaa yenna'atti ka'ii iyyi!Waan gadhaa keeti keessa jiru,Waaqa duratti dhikeessi.Lubbuu ijoollee teetii,ta qaxxaamura karaa irrattibeelaan gaggabaneef,daadimanna'aan harka keeti gara Waaqaa ol kaasi.
20Yerusaalem, «Ee, Waaqa, kunoo ilaali!Kolbaan ati akkana gooteertu jirtii?Dubartooti annoolee ifii deyane nyaatanuu tii?Hayyootii fi raagotiGalma Waaqaa keessatti ijjeefamanuu tii?
21«Dargaggootii fi maanguddooti,karaa irratti jiganee du'aneeran.Dargaggooti dhiiraatii fi dubarti'iishallaaga'aan ijjeefamaneeran.Guyyaa mufii teetiimarartii malee isaan qalte.
22«Akka guyyaa jilaa,diinota kiyya adaala mara irraa waanteerta.Guyyaa mufii Waaqaa,ka miliqe yookiin jiru'uun ka hafe hin jiru.Ijoollee ani uumadhee guddifadhediinni kiyya na jalaa fixe» jedhi.