Faaruu1gaz_bib
1Magaalaan dur namaan guutamtee turte sunakkamitti ontee hafte!Isheen yeroo tokko saboota gidduutti guddoo turteakkamitti akka haadha hiyyeessaa taate!Isheen kutaalee biyyaa gidduutti mootii turte sunamma garbittii taateerti.2Isheen halkan halkan hiqqifattee boossi;maddii ishee irra imimmaantu yaaʼa.Michoota ishee hunda keessaakan ishee jajjabeessu tokko iyyuu hin jiru.Michoonni ishee hundinuu ishee gananiiru;isaan diinota ishee taʼaniiru.3Rakkinaa fi cunqurfama guddaa booddeeYihuudaan boojiʼamtee fudhatamteerti.Isheen saboota gidduu jiraatti,lafa itti boqottu illee hin arganne.Warri ishee ariʼan hundirakkina ishee keessatti ishee qabatan.4Daandiiwwan Xiyoon ni booʼu;namni ayyaana ishee kan murteeffame kabajuuf dhufutokko iyyuu hin jiruutii.Karrawwan ishee hundi onanii jiru;luboonni ishee ni aadu;shamarran ishee ni gaddu,isheenis dhiphina guddaa keessa jirti.5Amajaajonni ishee gooftota ishee taʼaniiru;diinota isheetti toleera.Sababii cubbuu ishee baayʼee sanaatiifWaaqayyo gadda itti fideera.Ijoolleen ishee fudhatamanii deemaniiru;fuula amajaajota ishee duratti boojiʼamaniiru.6Intala Xiyoon irraamiidhaginni hundi fudhatameera.Ilmaan mootota isheeakkuma gadamsa lafa dheedaa dhabee taʼaniiru;isaan dadhabbiidhaanfuula warra isaan ariʼanii dura baqatan.7Baroota rakkinaa fi asii achi jooruu ishee keessaYerusaalem qabeenyabara durii kan ishee ture hunda ni yaadatti.Yeroo namoonni ishee harka diinaa seenanittinamni ishee gargaaru tokko iyyuu hin turre.Diinonni ishee ishee ilaalaniibadiisa isheetti kolfan.8Yerusaalem akka malee cubbuu hojjette;akkasiinis xuroofte.Warri ulfina kennaniifii turan hundi ishee tuffatan;isaan qullaatti hafuu ishee arganiiruutii;isheen mataan ishee guungumteeof irra garagalti.9Xuraaʼummaan ishee wandaboo isheetti maxxane;isheen waan gara duraatti itti dhufu hin yaadne;kufaatiin ishee nama rifachiisa;kan ishee jajjabeessu tokko iyyuu hin jiru ture.“Yaa Waaqayyo rakkina koo ilaali;diinni moʼateeraatii!”10Qabeenya ishee hundattidiinni harka isaa diriirseera;isheen Namoota Ormaawarra ati akka isaanwaldaa kee hin seenne dhowwite sanautuu isaan iddoo ishee qulqulluu seenanuu argite.11Namoonni ishee hundinuu utumaaadanuu buddeena barbaaddatu;isaan lubbuu ofii isaanii turfachuuf jechaqabeenya isaanii nyaataan geeddarratu.“Yaa Waaqayyo na ilaali, na yaadadhus;ani tuffatameeraatii.”12“Warra karaa irra dabartan hundi, kun isiniif homaa mitii?Naannoo keessan ilaalaatii argaa.Rakkinni akka rakkina kookan ani ittiin rakkadhe,kan Waaqayyo guyyaa dheekkamsa isaattinatti fide sanaa jiru tokko iyyuu jiraa?13“Inni ol gubbaadhaa ibidda erge;ibidda sana lafee koo keessa seensisa.Inni miilla kootiif kiyyoo diriirseedugda duubatti na deebise;inni kophaatti na hambiseeguyyaa guutuu na dadhabsiise.14“Cubbuun koo waanjootti hidhameera;isaan harka isaatiin walitti foʼaman.Isaan morma kootti rarraafaman;gooftaan humna koo dadhabsiise.Inni warra ani of irraa deebisuuhin dandeenyetti dabarsee na kenneera.15“Gooftaan gootota na keessatti argamanhunda gateera;inni dargaggoota koo caccabsuufyaaʼii waammate.Gooftaan iddoo cuunfaa wayinii isaattiDurba Qulqullittii Intala Yihuudaa dhidhiiteera.16“Wanni ani booʼeeiji koo imimmaaniin guutameef kanaa dha.Namni na jajjabeessuuf dhiʼoo jiru tokko iyyuu hin jiru;kan hafuura koo bayyanachiisus hin jiru.Sababii diinni humna argateefijoolleen koo harka duwwaa hafan.”17Xiyoon harka ishee balʼifatteerti;garuu namni ishee jajjabeessu tokko iyyuu hin jiru.Akka olloonni isaa amajaajota isaa taʼaniifWaaqayyo Yaaqoobitti ajajeera;Yerusaalemis gidduu isaaniittiwaan xuraaʼaa taateerti.18“Waaqayyo qajeelaa dha;taʼus ani ajajawwan isaatti fincileen ture.Yaa saboota, hundi keessan dhagaʼaa;rakkina koos ilaalaa.Dargaggoonnii fi shamarran kooboojiʼamanii fudhatamaniiru.19“Ani tumsitoota koo nan waammadhe;isaan garuu na ganan.Luboonni koo fi maanguddoonni kooutuu lubbuu isaanii oolfachuufnyaata barbaadatanuumagaalaa keessatti dhuman.20“Yaa Waaqayyo akka ani dhiphadhe ilaali!Ani keessa kootti dhiphadheera;garaa koo keessatti raafameera;ani nama akka malee fincilun tureetii.Alaa goraadeen nama qala;mana keessa immoo duʼa qofatu jira.21“Namoonni akka ani aadaa jiru dhagaʼaniiru;kan na jajjabeessu garuu hin jiru.Diinonni koo hundinuu rakkina koo dhagaʼaniiru;isaan waan ati gootetti gammadaniiru.Akka isaan akkuma koo taʼaniifmaaloo ati guyyaa jette sana fidi.22“Hamminni isaanii hundinuufuula kee duratti haa dhiʼaatu;waanuma sababii cubbuu koo hundaatiifnatti fidde sana isaanitti illee fidi!Aaduun koo baayʼateeraatii;onneen koos dadhabdeerti.”