Gadda Ermiyaasii1gax_twf

Gadda Yerusaalemii

1Yerusaalemiin dur kolbaan keessa guutte attam qofi hatte!Ka gosa biyya adda addaa oddu'utti guddoo teete,attam akka haadha hiyyeessaa teete.Qachoota oddu'utti giittii ta teete,attam akka garbaa teete.2Halkan guutuu hin bootti,imimmaan boqoo isi'ii irra yaati.Jaalota isi'ii keessaaka isii jajjabeessu tokkolle hin jiru.Jaaloti isi'ii marti isii mormataneeran;diinalle itti te'aneeran.3Kolbaan Yihuda'aagarbumma'aa fi eloo jaddu'uun rakkattee,biyya ifii irraa ari'antee,addee «Teenna» hin jenne,lafa dhibii keessa leete.Karaan milixxu ka hin jirre,diinaan marfante.4Nami jilaaf gara Xiyoonii dhufu,waan hin jirreef,karaan karra isi'ii martinuu duwwaa te'e;Hayyootille gaddaan aadan.Durrooti isi'ii hin gadditi.Xiyoon gadda keessa jirti.5Diinoti isi'ii isii irratti goottomanee,badhaadhaneeran.Bacinna cubbuu isi'iitiif,Waaqi isii rakkise;Ijoolleen isi'ii diinaan booji'antee,fudhatanteerti.
6Ulfinni Yerusaalemii martiirraa deemeera.Sooreyyiin isi'iilleakka gadansa beelowee dadhabee,worra isa ari'u duraa hin baqannee te'aneeran.
7Yerusaalem rakkatee mana dhaddeewaan dansaa ifii durii qaabatte.Kolbaan isi'ii ammoo diinaan waan injifatanteef,nami isii qarqaarulle hin jiru.Diinoti isi'iille diigama isi'iititti kollane.
8Yerusaalem cubbuu guddoo hujjeexomorootteerti;isaan waan duwwaa isii dhagganeef,worri isii ulfeessanu marti tuffataneeran;isiinuu aadiisaan,fokko'oon fuula ifii achi garagalti.
9Xomorummaan isi'ii woyaa isi'ii irratti mudhatti;isiin waan hegeri teetu hin beenne;jinnanni isi'ii sodaachisa'a;ka isii jajjabeessu tokkolle hin jiru.Diinoti isi'ii waan isii injifataneef,rakkoo isi'ii akka ilaaluuf gara Waaqaa iyyite.
10Diinoti Yerusaalemiiqabeenna isi'ii dadansaa saamane.Isiin Galma Waaqaa ka ifii,ka Waaqi worri Yihudoota hin te'inakka hin seenne dhoogge seenanuun dhaggite.
11Kolbaan isi'ii marti sagale'eef aaddi;lubbu'uun jiraatiisaafqabeenna dadansaa ifii sagale'een jijjiiratti.Yerusaalem «Waaqa! Na ilaali;salphinna kiyya duudiille dhaggi!
12«Isin worri karaa tartanu,isiniif womaayyuu te'uu dhaddulle,ka Waaqi guyyaa mufii jaddu'uu natti fide,rakkinna kiyya kana ka fakkaatu jiraa ree?Me ilaala'aatii, dhagga'a!
13«Waaqi ol-gubbaa irraa ibidda erge;ibiddille lafee tiyya keessa gube.Inni tiyyoo miila kiyyatti afee,duubatti na deebise.Inni qofi na lakkisee,guyyaa guutuu na gaggasse.
14«Inni waanjoo cubbuu tiyyaa wolitti hidhee,morma kiyya irra keyeera.Isiin guddoo waan ulfaattuufhunna na dhooggite.Waaqi diinota ani dande'ee ifi irraa hin dhooggannettidabarsee na kenne.
15«Waaqi loltoota jajjaboo ani qabu dhidhiiteera;inni dargaggoota tiyya balleessiisaaf loltoota erge;kolbaa tiyya akka midhaan woyni'ii cunfe.
16«Wonni ani imimmaan tiyyadhangalaasee bowuuf tana:ka na jajjabeessu waan na irraa fagaateef,ka na jabeessu hin jiru;Diinni waan injifateef,ijoolleen tiyya qofi hatteerti» jetti.
17Xiyoon harka ifii badhitteerti;ka isii jajjabeessu ammoo hin jiru.Ollooti isi'ii duudiin sanyii Yaaqoobiitittidiinota akka itti te'anu Waaqi ajajeera.Yerusaalem odduu isaaniititti xomorootteerti.
18Yerusaalem, «Anattuu ajaja isaa dide malee,Waaqi sirrii godhe.Isin kolbaan marti dhage'a'a; rakkoo tiyyaalle ilaala'a;dargaggooti tiyya dhiiraa fi dubartiin marti booji'amaneeran.
19«Ani jaalota tiyya mara waammadhe;isaan ammoo na qarqaaruu didatane.Hayyootaa fi sooreyyiin tiyyalubbuu ifii jiraachisiisaaf, sagalee adoo barbaadatanuukaraa qacha'aa keessatti du'ane.
20«Waaqa kiyya, attam akka rakkadhee,keessi kiyya laalatee,gadhaan kiyya raafame ilaali;kolbaa tiyya alatti shallaagaan,mana keessatti duuti fixiisatti jirti.
21«Kolbaan aadiisa kiyya dhageetteerti;ammoo eennulle na hin jajjabeessine.Diinoti kiyya marti rakkoo tiyya dhage'anee,waan ati na irratti gootetti gammadaneeran.Guyyaa jette san fidiitii,isaanille akka kiyya te'anuu ti.
22«Hammeenni isaanii marti si duratti mudhatuu ti;akkuma cubbuu tiyyaaf na adadde isaanille adabi.Ani guddoo waan aadeef,gaggabeera» jetti.