Ergaa Yihuda'aa1gax_twf

1Ana Yihudaa garbicha Yesuus Kiristoosii, obboleessa Yaaqoobii biraa: Isin worra waamantanee, Waaqa Abba'aan jaalatantanee, Yesuus Kiristoosiin tiffantaneef:2Marartiin, nageennii fi jaalalli isiniif fakkanu.

Barsiisota Dharaameyyii

3Jaalota tiyya! Marroo fayyinna woliin qoodannuu isiniif barreessiisaaf ani guddoo barbaadeeraayyu; amma ammoo marroo dhugeeffannaa yennaa takka'atti yennaa maraaf Waaqi kolbaa ifiitiif kennee, jabaattanee akka falmattanu isin gorsiisaaf barreessuun, barbaachisaa te'ee natti dhage'ameera.4Worri Waaqa hin sodaanne gariin, dhokaataan luuxanee wodhakkaa teenna seenaneeran. Isaan worra badhaadha Waaqa keennaa akka fedhane le'iisatti jijjiiranuu fi Yesuus Kiristoos callaan bulcha'aa fi Goottaa akka te'e mormanu. Akka isaanitti muramu yennaa heddu'uun duraa barreeffameera.5Waan kana maraa isin duruu beettan, te'uu malee, akka Goottaan kolbaa ifii biyya Gibxii keessaa baasee fayyisee fi worra isatti hin dhugeeffatinille duuba irra akka balleesse isin yaadachiisu'uuf barbaada.6Akkasuma ergantoota Waaqaa ta baallii isaanii kennante irra dabaranee, addee tee'anu gad lakkisane qaabadha'a! Waaqi wodaroo sibiilaa ta hidhaa bara baraatiin dukkana keessatti hidhee, haga guyyaa muraa guddo'oo isaan eegaa turseera.7Akkasuma worri qachoota Sodoomiitii fi Gomora'aa, worri qachoota adaala saniille sagaagaltuute'anee, seera dadamaatiinille ala sagaagalane. Isaan worra ibidda bara baraatiin adabamiisaan rakkatuuf fakkeenna te'aneeran.8Akkasuma, worri kun oojjuu ifii hordofiisaan nafa ifii batteessan; baallii Waaqaalle hin tuffatan, worra ol-gubba'atti ulfinna qabullehin arrassan.9Mikaa'eliin angafi ergantoota Waaqaatuu, yennaa reeffa Muuse'ee irratti Seexanaan wol mormane, «Goottaan si xixu» jedhe malee, arrassee itti muriisaaf itti hin gamne.10Namooti kun ammoo waanuma hin hubanne arrassan; akka bineensota wo yaadanee gargar hin baannee, wonni isaan duuddittii yaada dhalootaatiin beekanu kun waan isaan balleessu.11Isaaniif aanne'e! Isaan karaa Qaayiniititti goraneeran; adoo beese'eef joljolanuu dokonkora Bala'aamii keessa galaneeran; akkuma Qoraahii finqilanee badane.12Jarri tun fokkoo malee isin woliin nyaatiisaan jila jaalalaa keessan batteessan. Isaan gadhaa ifii calla'aaf yaadan; isaan akka duumensa bokkeya ifi keessaa hin qannee, ka qilleensaan oofamuu ti. Isaan akka muka yennaa midhaan buusu'uuf maletti midhaan buusuu dhabee, hiddaan buqqa'ee gogee killi jedhee ti.13Isaan akka danbalii abbaaya'aa, hoomacha fokkoo ifii hoomachowaa, akka urjii taattottee ta addeen dukkana duudduu bara baraa isi'ii qophoottee ti.14Addaamii jalqabee dhaloota torbeesso'oo ka te'e Heenoki, marroo namoota kanaatiif raagee, «Kunoo, Goottaan nama duudii irratti muriisaaf woyyoota ifii bindillaa woliin hin dhufa. Inni hujii badduu worri Waaqa hin sodaanne hujee fi dubbii arrabaa ta cubbaaleyyiin Waaqa hin sodaanne isa irratti dubbatte maraaf itti hin mura» jedhe.16Namooti kun yennaa mara worra gungumanuu fi worra namoota dhibii komatanu; isaan halchaa badduu ifii hordofan, ifi hin jajan, bu'aa ifiitiif jedhanee kolbaa sobanee saadan.

Ifi Eeganno'oo Fi Gorsa

17Jaalota tiyya, isin ammoo dubbii ergantooti Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii tanaan dura dubbatte qaabadha'a!18Isaan isiniin, «Bara muumme'eetitti worri Waaqa hin sodaanne worri halchaa badduu ifii hordofu, worri shasheessu hin dhufa» jedhaneeran.19Worri kun worra isin gargar qoodu, worra Ayyaana Woyyicha hin qanne, worra duuddittii halchaa ifii ta biyya lafaa gula yaa'u.20Jaalota tiyya, isin ammoo dhugeeffannaa teessan ta waan duudi'iin irra woyyittii teete irratti dhaabbadha'aatii jabaadha'a! Hunna Ayyaana Woyyichaatiin daadimadha'a!21Marartiin Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, ta gara jiruu bara baraatitti isin geessitu eeggataa, jaalala Waaqaa keessatti ifi eega'a!22Worra mama qabuuf marartii qabaadha'a!23Worra kaan ibidda keessaa buta'aa baasa'aatii hambura'a! Worra kaan worra uffanni isaanii foon cubbama'aanbattowelle jibbaa, soda'aan marara'aaf!

Daadimata Galataa

24Akka isin hin jinne isin tissiisaa fi komatama malee, gammadaan ulfinna ifii dura isin dhikeessiisaaf ka dande'u,25Waaqa fayyisaa keenna tokkochaaf, karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin, ulfinni, guddinni, hunnii fi baalliin bara durii mara duraan jalqabee, bara ammaatii fi haga bara baraa isaaf te'u! Ameen.