Kitaaba Iyaasu'uu7gax_twf

Cubbuu Akaaniitii fi Adabamiisa Isaa

1Kolbaan Israa'elii waan Mootii Waan Maraatiif murteeffame fudhatiisaan addatamummaa dhadde; gosa Yihuda'aa keessaa Akaaniin ilmi Karmii, akaakoon Zabdii, abuuboon Zaara'aa waan Mootii Waan Maraatiif murteeffame irraa waan fudhateef, Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'eliititti guddoo aare.2Iyaasuun qachaa Yeriko'ootii gara qachaa Aayii ka Bet'el irraa gara aduun baatu, qachaa Bet-Aweenii bira jirutti namoota ergee, «Ol baya'aatii lafa dooya'a» jedhe; namootille ol bayanee qachaa Aayii dooyane.3Isaan gara Iyaasu'uu deebi'anee, «Worri Aayii diqqaa waan te'eef, isaan injifatiisaaf nama mara itti duulchisuu hin barbaachisu; akka adhanuuf namoota kuma lama yookiin kuma sad qofa itti ergi; kolbaan Aayii diqqoo waan teeteef loltoota mara hin dadhassiisin» jedhaneen.4Maarre Israa'elooti gara kuma sadii gara qachaa Aayii ol bayane; ammoo namoota Aayii duraa baqatane.5Namooti qachaa Aayii karra qacha'aatii haga Shebaariimiititti Israa'eloota ari'anee, irraa gadee irratti namoota soddomii jaa ijjeesane. Achiin duuba gadhaan kolbaa Israa'elii akka gaga'aa baqeera.6Yoos Iyaasu'uu fi sooreyyiin Israa'elii gaddanee woyaa ifii tarsaasane; isaan mataa ifii irratti bukuu facaafatanee, Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa duratti lafatti gad gombifamanee, haga galgalaa achi turane.7Iyaasuun, «Maaloo, Goottaa Mootii Waan Maraa! Kolbaa tana as laga Yordaanosii gamatti maaf buutte? Harka worra Amoorotaatitti kennitee nu balleessiisaafii? Adoo laga Yordaanosiitiin gamatti hannee hin jiraannuu!8Ee Gootta'a, Israa'elooti diinota ifii eega baqatte, ani maan jedha ree?9Worri Kana'aanotaatii fi worri lafa san keessa jiru duudiin marroo waan kanaa hin dhage'an. Isaan nu duudii marsanee, lafa irraa nu hin balleessan. Maqaa guddaa keetiif jettee maan goota ree?» jedhe.10Mootiin Waan Maraa Iyaasu'uun, «Ka'i! Maaf lafatti gad gombifante?11Kolbaan Israa'elii cubbuu hujjeerti! Gondooroo tiyya ta ani akka eegattuuf ajaje diiddeerti. Waan ana Mootii Waan Maraatiif murteeffame irraa fudhattee, hattee, soddee karra ifii wolille'een keyatteerti.12Tanaaf kolbaan Israa'elii diinota ifii dura dhaabbatuu hin dandeenne; akka woreegamanu ana Mootii Waan Maraatiif waan murteeffamaneef, isaan diinota ifii duraa baqatan. Waan akka badduuf ani murteesse yoo balleessitane malee, ani deebi'ee isin woliin hin jiraadhu.13Ka'iitii kolbaa qulleessi! ‹Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii: Ee Israa'el! Wonni Mootii Waan Maraatiif murteeffame odduu teessan jira. Waan Mootii Waan Maraatiif murteeffame kana odduu teessanii haga baattanutti diinota keessan dura dhaabbatuu hin dandeettanu; boruuf ifi qulleessa'a.14Barii gosuma gosa keessaniin dhikaadha'a. Gosi Mootiin Waan Maraa filu golii maatii maati'iitiin, maatiin Mootiin Waan Maraa filu dhiirti tokko tokkoon Mootii Waan Maraa duratti dhikaatuu ti.15Nami wonni Mootii Waan Maraatiif murteeffame biratti dhaggame, Gondooroo Mootii Waan Maraa diigee, salphinna hamaa kolbaa Israa'elii keessatti waan godheef, innii fi wonni inni qabu marti gubamuu ti› jedhii isaanitti himi» jedhe.16Iyaasuun barii halkaniin ka'ee Israa'el gosa gosaan fidee dhikeessee, Waaqi gosa Yihuda'aa file.17Iyaasuun gosa Yihuda'aa golii maatii maati'iitiin duratti dhikeessee, isaan keessaa Waaqi golii maatii Zaara'aa file. Achiin duuba maatiin Zaara'aa duudiin duratti dhikaattee, Waaqi maatii Zabdii file.18Achiin duuba Iyaasuun maatii Zabdii dhiira tokko tokkoon gara duraa dhikeesse. Waaqille Aakaanii ilma Karmii file; Karmi ilma Zabdii ti, Zabdi ilma Zaara'aa ti.19Iyaasuun ammalle Akaaniin, «Ilma kiyya, Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiif ulfinna kenni; isa leellifadhu. Waan gootelle amma na hin dhossinii natti himi» jedhe.20Akaan deebisee, «Dhuguma ani Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii yakkeera; wonni ani yakkelle,21meya dhagge keessaa woyaa dansaa worra Shiinaarii, meetii gara kiiloogiraama lamaatii fi worqii gara giraama shantamaa dhaggee kajeelee fudhadhe. Woyaan dunkaana kiyya keessatti awwaalantee, meetiille woyaa jalaan jirti» jedhe.22Maarre Iyaasuun ergantoota erge; isaanille gara dunkaana isaa rukkisanee mey dunkaana keessatti awwaalamee, meetiin jalaan jirtuun dhaggane.23Isaan meya dunkaana keessaa baasanee addee Iyaasu'uu fi kolbaan Israa'elii duudiin jirtutti fidanee, Mootii Waan Maraa dura naqane.24Achiin duuba Iyaasu'uu fi Israa'elooti duudiin Aakaanii ilma Zaara'aa, meetii, geellaa, Worqii cittuu, ilmaan isaatii fi ijoollee durraa ta isaa, loon, harree, hoolee, dunkaana isaatii fi waan inni qabu mara fuudhanee gara dhooqa rakko'ootitti geessane.25Iyaasuun Akaaniin, «Ati maaf rakkoo tana nutti fidde? Mootiin Waan Maraa adha rakkoo sitti hin fida» jedhe; kolbaan Israa'elii marti Aakaanii fi maatii isaa dhaka'aan tumanee ijjeesanee, ibiddaan gubane.26Aakaanii gubame irratti tuulaa dhaka'aa guddoo itti tuulane; tuulaan dhaka'aa sun haga adhaalle jirti. Mootiin Waan Maraalle aaree gubatiisa lakkise. Tanaaf addeen sun haga adhaalle, «Dhooqa rakko'oo» jedhanti.