Kitaaba Iyaasu'uu6gax_twf

Jinnana Qachaa Yeriko'oo

1Sodaa Israa'elootaatiif, balbalti seensuma karra qachaa Yeriko'oo cufantee eegamaa turte. Nami tokkolle seenuu yookiin bayuu hin dandeenne.2Mootiin Waan Maraa Iyaasu'uun, «Ilaa, ani qachaa Yeriko'oo, mootii isaatii fi loltoota isaa woliin harka keetitti dabarsee kenneera.3Atii fi loltooti teeti haga guyyaa jaa, guyyaa keessatti yennaa tokko qachaa Yeriko'oo gogeessaan mara'a.4Hayyooti torba tultullaa gaafa korbeeyyii hoole'ee torba qabattee, Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraatiin dura deentuu ti. Guyyaa torbeesso'ootitti hayyooti tultullaa afuuttuun, atii fi loltooti teeti qachaa san yennaa torba cinaa mara'a.5Isaan qoonqoo tultulla'aa adoo wol irraa hin kutin, tultullaa yennaa afuufanuun dhageettane, kolbaan marti qoonqoo ol qabattee iyyituu ti. Achiin duuba dalleenni dhaka'aa ka qacha'aa hin jiga; kolbaan sun nami tokkoon tokkonuu fuula ifii duraan gara qacha'aa seenuu ti» jedhe.6Iyaasuun ilmi Nunii hayyoota waamee, «Saanduqa Gondooro'oo fuudha'aatii, isin hayyooti torba tultullaa gaafa korbeeyyii hoole'ee torba qabadha'aatii Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraatiin dura deema'a» jedhe.7Inni kolba'aan, «Deema'aatii, qachaa gogeessaan marsa'a; worri meya lolaa hidhate Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraatiin dura deemuu ti» jedhe.8Iyaasuun kolba'atti dubbateen duuba, hayyooti torba worri Mootii Waan Maraatiin dura tultullaa gaafa korbeeyyii hoole'ee torba qabatee deemu, tultullaa san afuufaa dura deemane; Saanduqi Gondooroo Mootii Waan Maraalle isaan gula deeme.9Worri meya woraanaa hidhateerulle, hayyoota tultullaa afuufanuun dura deeme; worri kuun ammoo, hayyooti adoo wol irraa hin kutin tultullaa afuuttuun, Saanduqa Gondooro'ootiin duuba deeme.10Iyaasuun ammoo, «Haga ani, ‹Iyya'a› jedhee isinitti himutti hin iyyina'a; qoonqoon teessan hin dhage'amin, dubbiin takkaalle afaan keessan keessaa hin bayin» jedhee jara ajaje.11Maarre Iyaasuun Saanduqi Gondooroo Mootii Waan Maraa yennaa tokko qachaa akka maru godhe. Achiin duuba isaan addee quttumaatitti deebi'anee achi bulane.12Iyaasuun barii halkan ka'e; hayyootille Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa ba'atte.13Hayyooti torba worri tultullaa gaafa korbeeyyii hoole'ee torba qabateeru, adoo woli irraa hin kutin tultullaa afuufaa Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa dura deemane. Worri meya woraanaa hidhateeru isaaniin dura deeme; worri kuun ammoo Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraatiin duuba deemane.14Guyyaa lammeesso'oo yennaa tokko gogeessaan qachaa maranee, addee quttumaatitti deebi'ane; haga guyyaa jaa akkasuma godhane.15Guyyaa torbeesso'ootitti barii yennaa boruun dayya'u ka'anee, akkuma qaraa yennaa torba qachaa marane; guyyaan isaan yennaa torba gogeessaan qachaa cinaa marane gaafa kana qofa.16Martoo torbeesso'ootitti yennaa hayyooti tultullaa afuuttu, Iyaasuun kolba'aan, «Mootiin Waan Maraa qachaa kana waan isiniif kenneef iyya'a!17Qacha'aa fi wonni qachaa keessa jiru marti akka woreegamanuuf, Mootii Waan Maraatiif murteeffamaneeran; Rahaabiin sagaagaltittiin dootuu nuuti erganne waan dhossiteef, isi'ii fi worri isii woliin mana isi'ii keessa jiru callaan hafanuu ti.18Isin ammoo quttuma Israa'elootaatitti rakko'oo fi badii akka hin finne waan ijjumaa balleeffamuu qabu fudhatiisa irraa ifi eeggadha'a.19Meeti'ii fi worqiin, mey sageettu'uu fi sibiila irraa hujame marti Mootii Waan Maraatiif ka woyyoomane waan te'aneef addee karra Mootii Waan Maraatitti maffamuu qaban» jedhe.20Maarre hayyooti tultullaa afuutte. Kolbaan akkuma tultullaa dhageetteen, qoonqoo guddo'oon iyyite; dalleenni qacha'aalle jige. Achiin duuba kolbaan sun nami tokko tokkonuu fuula ifii duraan gara qacha'aa seenee qabate.21Isaan waan qachaa san keessa jiru duudii dhiiraa fi dubartii, dargaggootaa fi jaarsolee, loon, hoole'ee fi harree shallaaga'aan ijjeesiisaan Mootii Waan Maraatiif murteessane.22Iyaasuun achiin duuba dootuu lamaaniin, «Gara mana namittii sagaagaltuu sanii dhaqa'aatii, akkuma isi'iif kakattanetti isi'ii fi worra isii woliin mana isi'ii keessa jiru baasa'a» jedhe.23Maarre isaan deemanee abbaa isi'ii, haadha isi'ii, obboleeyyan isi'iitii fi worra isii woliin jiru mara baasane; maatii isi'iille mara fidanee quttuma Israa'elootaatiin ala qubachiisane.24Achiin duuba isaan meetii, worqii, meya sageettu'uu fi sibiila irraa hujame addee karra Mootii Waan Maraa keyanee, qacha'aa fi waan isa keessa jiru mara ammoo ibiddaan gubane.25Iyaasuun ammoo Rahaabiin sagaagaltittiin ergantoota qachaa Yeriko'oo dooyiisaaf ergamane san dhossitee waan baatteef, isii, maatii isi'iitii fi worra isii woliin jiru mara du'a irraa hambure. Sanyiin isi'ii haga adhaa biyya Israa'elii keessa jirti.26Yennaa san Iyaasuun,«Nami qachaa Yeriko'oo deebisee ijaariisaaf ka'uMootii Waan Maraa durattika abaarame hin te'a.Nami hundee isaa buusuilma angaficha ifii hin dhaba;nami karra dalleyaa dhaabuilma maandhicha ifii hin dhaba»jedhee jabeessee isaan kakachiise.27Maarre Mootiin Waan Maraa Iyaasuu woliin jiraayyu; gurri isaalle lafa san duudii keessatti dhage'ame.