Kitaaba Iyaasu'uu4gax_twf

Soodduu Dhaabane

1Kolbaan Israa'elii marti laga Yordaanosii buuteen duuba Mootiin Waan Maraa Iyaasu'uun,2«Gosa tokko tokkooyyuu keessaa, nama kudhanii lama filiitii,3laga Yordaanosii wodhakkaa addee miilli hayyootaa dhaabbateeruun dhakoota kudhanii lama fuudhanee, addee edana bultanutti akka dhaabanu ajaji» jedhe.4Achiin duuba Iyaasuun namoota kudhanii lama ka file san waamee,5isaaniin, «Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa Ka Waaqa keessaniitiin dura tara'aatii, haga laga Yordaanosii wodhakka'aa deema'a. Akka laakkossa gosoota Israa'eliititti tokko tokkoon keessan dhakaa tokko tokko fuudha'aatii, gurmuu teessan irratti kaafadha'a.6Dhakooti kun odduu teessanitti beessisa te'a. Hegeri ijoolleen teessan, ‹Dhakooti kun maan godha?› jettee yennaa isin gaafattu,7isin, ‹Saanduqi Gondooroo Mootii Waan Maraa laga Yordaanosii yennaa bu'e, bisaan Yordaanosii gargar cite; tanaaf dhakooti kun kolbaa Israa'eliitiif haga bara baraa yaadannoo hin te'a› jettanee itti hintan» jedhe.8Maarre Israa'elooti akkuma Iyaasuun isaan ajaje godhane. Akkuma Mootiin Waan Maraa Iyaasuu ajajetti isaan akka laakkossa gosa Israa'eliititti dhakaa kudhanii lama odduu laga Yordaanosiitii fuudhanee, gara quttuma ifii geessanee achitti dhaabane.9Iyaasuulle dhakoota kudhanii lama laga Yordaanosii wodhakka'atti addee miilli hayyoota Saanduqa Gondooro'oo ba'atane dhaabbatetti dhaabe. Dhakooti sun haga adhalle achuma jiran.10Akka kolba'aaf himu Mootiin Waan Maraa akkuma Iyaasuu ajajetti, wonni marti haga muummottutti hayyooti laga Yordaanosii wodhakkaa dhaabbattee turte. Wonni Muuseen Iyaasuu ajajelle tanuma. Kolbaalle ariiti'iin lagaan gamatti buute.11Isaan martinuu gamatti bu'anee cullaneen duuba, hayyooti Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa ba'atteertu gamatti buutee kolba'aan duratti tarte.12Worri adhi'iif qophowe Ilmaan Ruubenii, ilmaan Gaadiitii fi gamisi gosa ilmaan Minaase'ee, akkuma Muuseen isaan ajajetti meya woraanaa hidhatanee kolbaa Israa'eliitiin dura bu'ane.13Namooti gara kuma afurtamaa meya lolaa hidhatanee qajeelcha Mootii Waan Maraatiin lolaaf gara Diida Yeriko'oo gamatti bu'ane.14Gaafa san Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii duudii duratti Iyaasuu guddise. Isaanille akkuma Muusee ulfeessane, bara jiruu isaa mara isa ulfeessane.15Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Iyaasu'uun,16«Hayyooti Saanduqa Gondooro'oo ba'atteertu laga Yordaanosii keessaa akka bayanu ajaji» jedhe.17Tanaaf Iyaasuun hayyootaan, «Laga Yordaanosii keessaa baya'a» jedhee ajaje.18Hayyooti Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa ba'atteertu laga Yordaanosii keessaa baatee, miilli isaanii lafa godduu irra yennaa ijjate, lagi Yordaanosii addee ifiititti deebi'ee, akkuma durii guutee danbala'e.19Kolbaan Israa'elii ji'a matoomaa guyyaa kudhaneesso'ootitti laga Yordaanosiitii ol bayanee, meessaa Yeriko'oo gara aduun baatuun Giilgalitti qubatane.20Iyaasuun dhakaa kudhanii lama ka laga Yordaanosii keessaa fuudhame Giilgalitti dhaabee,21kolbaa Israa'eliitiin, «Hegeri yennaa ijoolleen teessan, ‹Dhakaan kun maan?› jettee abbootii ifii gaafattu,22isin, ‹Kolbaan Israa'elii laga Yordaanosii kana keessa lafa godduu irra buute.23Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan haga nuuti buunutti Abbaayaa Diintuu nuuf gosse; isinille'eef haga isin buutanutti Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan bisaan Yordaanosii gosse.24Waan kanaaf kolbaan lafa irra jirtu duudiin hunni Mootii Waan Maraa attam guddoo akka teetee hin beetti; isinille Mootii Waan Maraa Waaqa keessan haga bara baraa hin ulfeessitan› jedha'aan» jedhe.