Kolbaan Israa'elii Laga Yordaanosii Gamatti Buute
1Iyaasu'uu fi kolbaan Israa'elii duudiin barii halkaniin ka'anee, lafa Shiixiimii lakkisanee gara laga Yordaanosii dhufanee, adoo gamatti hin bu'in achitti qubatane.2Guyyaa sadiin duuba sooressitooti addee quttumaa san keessa deddeentee,3kolba'aan, «Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa Ka Waaqa keessanii Lewwooti hayyooti ba'ataneeranuun yennaa dhaggitane, addee quttuma keessaniitii ka'a'aatii isaan faana deema'a.4Isin tanaan qara addee tana waan hin beenneef, karaa deentanu isaan isinitti hin mudhisan. Teetuu malee Saanduqa Gondooro'ootitti hin dhikaatina'a; isinii fi Saanduqa Gondooro'oo wodhakka'atti fageenni gara kiiloo meetira tokkoo jiraatuu ti» jettee ajajje.5Iyaasuun kolba'aan, «Mootiin Waan Maraa boru bilbaasota odduu teessanitti waan godhuuf, ifi qulleessa'a» jedheen.6Achiin duuba Iyaasuun hayyootaan, «Saanduqa Gondooro'oo fuudha'aatii kolba'aan dura deema'a» jedheen. Isaanille Saanduqa Gondooro'oo fuudhanee kolba'aan dura deemane.7Mootiin Waan Maraa Iyaasu'uun, «Muusee woliin akkuma jiraadhe si wolille'een jiraatuu kiyya Israa'elooti marti akka beettu, ani adha isaan duratti si guddisiisuu jalqaba.8Hayyoota Saanduqa Gondooro'oo ba'atanuun, ‹Yennaa qarqara laga Yordaanosii geettane, bisaan keessa seena'aatii dhaabbadha'a› jedhiin» jedhe.9Achiin duuba Iyaasuun kolbaa Israa'eliitiin, «Asi dhikaadha'aatii jecha Mootii Waan Maraa Ka Waaqa keessanii caqasa'a.10Akkuma isin gara duraa hiixxanuun, Waaqi jiraataan dhugumaan Kana'aanota, Heetota, Hiiwota, Pheriizota, Girgaashota, Amoorotaa fi Yibusoota isin duraa oofee baasiisaan, odduu teessan jiraatuu isaa beettan.11Saanduqi Gondooroo Goottaa lafa duudi'ii isiniin dura laga Yordaanosii gamatti hin bu'a.12Maarre amma gosoota Israa'elii tokko tokkooyyuu keessaa nama tokko tokko fila'aatii, nama kudhanii lama dhikeessa'a.13Hayyooti saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa goottaa lafa duudi'ii ba'atane, akkuma isaan faana miila ifii bisaan keessa keyaneen, lagi Yordaanosii yaa'iisa hin lakkisa; bisaan gaara irraa gad yaa'iisatti jirulle gargar citee, eelee tuulama» jedhe.14Yennaa kolbaan Israa'elii laga Yordaanosii bu'iisaaf addee qubatanee ka'ane, hayyooti Saanduqa Gondooro'oo ba'atanee isaaniin dura deemane.15Lagi Yordaanosii yennaa midhaan galchanu guutee danbala'a; hayyooti Saanduqa Gondooro'oo ba'ataneeranu laga Yordaanos geyanee akkuma faanti miila isaanii bisaan tuxxeen,16bisaan gaara irraa gad yaa'u dhaabbatee, fagaatee haga qachaa Adaamii ka qachaa Zaaretaanii biraatitti eelee tuulame. Bisaan gara Abbaayaa Arabaayii dabaree gara «Abbaayaa Sooddaa» jedhantuutitti yaa'u ijjumaa cite. Tanaaf kolbaan gara Yeriko'oo gamatti buute.17Israa'el duudiin lafa godduu irra deemaa yennaa bu'anu, hayyooti Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa ba'atteertu, haga kolbaan marti laga Yordaanosii buututti, laga Yordaanosii wodhakkaa lafa godduu irra dhaabbatteertiiyyu.