Kitaaba Iyaasu'uu24gax_twf

Iyaasuun Sheekemitti Kolba'atti Dubbate

1Iyaasuun gosa Israa'elii duudii Sheekemitti wolitti qabee, jaarsolee, sooreyyii, abbootii mura'aatii fi qondaaltota Israa'el waame; isaanille Waaqa duratti wolitti qabamane.2Iyaasuun kolbaa duudi'iin, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Bara durii abbootiin teessan ta laga Efraaxiisiitiin gama leetu waaqota dhibii waaqonfatte; isaan keessaa tokkochi Taaraanii abbaa Abrahaamiitii fi Naahorii ti.3Ani ammoo abbaa keessan Abrahaam laga Efraaxiisiitiin gamaa fuudhee, biyya Kana'aanii duudii keessa isa sooressee, sanyii hedduu isaaf kenne. Ani isaaf Yisihaq,4Yisihaqiifille Yaaqoobii fi Esaawuu kenne; Esaawuuf biyya koobittii Se'iir kenne; Yaaqoobii fi ijoolleen isaa ammoo gara biyya Gibxi'ii gad bu'ane.5Achiin duuba Muuse'ee fi Aaron gara biyya Gibxi'ii ergee, biyya Gibxi'ii irratti balaa guddaa buuse; isin ammoo achii baase.6Ani abbootii teessan ta durii biyya Gibxi'iitii yennaa baase, worri Gibxi'ii garreettaa fardaatii fi abbootii fardaatiin haga abbaayaa diintu'uu isaan ari'ane.7Abbootiin teessan ammoo akka ani isaan qarqaaruuf gara kiyya iyyane. Anille isaanii fi worra Gibxi'ii wodhakka'atti dukkana buusee, abbaayaa isaan irratti garagalchee akka lixanu godhe. Waan ani worra Gibxii irratti godhe ila teessaniin dhaggitaneertan; eega san isin yennaa hedduu goomolee keessa leetane.8Achiin duuba gara lafa Amoorota laga Yordaanosii irraa gara aduun baatuu jiranu isin fide. Isaan isin lolane; ani ammoo isaan harka keessanitti dabarsee kenne. Ani fuula keessan duraa isaan balleessee, lafa isaanii fudhattane.9Mootiin Mo'aabii ilmi Ziphoorii Balaaqi, isin loliisaaf yennaa ka'e, ilma Phe'orii Bala'aam akka isin abaaruuf erge.10Ani ammoo Bala'aamiif hin dhageenne; maarre inni isin eebbise; akka kanaan ani Balaaqi jalaa isin baase.11Isin laga Yordaanosii buutanee gara Yeriko'oo dhuttane. Worri Yeriko'oo, akkasuma worri Amoorotaa, Pheriizotaa, Kana'aanotaa, Heetotaa, Girgaashotaa, Hiiwotaatii fi Yibusootaa isin lolane; ani ammoo harka keessanitti dabarsee isaan kenne.12Akkuma mootota Amoorotaa lamaan irratti godhe, soonsa isin duraa isaan ari'u itti erge; kun shallaagaa yookiin guubee teessaniin waan te'ee moti.13Ani lafa isin ijjuma hin hujinii fi qachaa isin hin ijaarin isiniif kenneera. Amma isin midhaan muka woyni'iitii fi muka ejersaa hin dhaabin irraa nyaataa achi le'aartan› jedha» jedhe.14Iyaasuun ammalle kolba'aan, «Mootii Waan Maraa ulfeessa'a; dhuga'aa fi addatamumma'aan isa tajaajila'a; waaqota abbootiin teessan ta durii laga Efraaxiisiitii fi biyya Gibxi'iititti waaqonfatane irraa fagaadha'aatii, Mootii Waan Maraa qofa waaqonfadha'a.15Yoo isin isa waaqonfatiisaaf fedha hin qabaatin ammoo, waaqota abbootiin teessan ta durii laga Efraaxiisiitiin gamatti waaqonfatte yookiin waaqota Amoorotaa ka lafa isin amma keessa le'aartanuu waaqonfatiisaaf murteeffadha'a. Anii fi maatiin tiyya ammoo Mootii Waan Maraa hin waaqonfanna» jedhe.16Kolbaan deebittee, «Mootii Waan Maraa lakkinne waaqota dhibii ijjumaa hin waaqonfannu!17Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna, abbootii teennaa fi nu'u garbummaa biyya Gibxi'ii jalaa baaseera; bilbaasota inni godhelle dhaggineerra; kolbaa biyya adda addaa ta keessa dabarre duudii oddu'utti nageyaan nu eegeera.18Mootiin Waan Maraa kolbaa Amoorotaa ta lafa san keessa leetu duudii nu duraa ari'e. Inni Waaqa keenna waan te'eef, nuutille isa hin waaqonfanna» jette.19Iyaasuun kolba'aan, «Mootiin Waan Maraa Waaqa woyyichaa fi hinaatticha waan te'eef, isa tajaajiluu hin dandeettanu; inni yakka'aa fi cubbuu teessan hin araaramu.20Isin isa lakkittanee waaqota orma yoo waaqonfattane, inni dur dansaa isiniif te'ulle, waan hantuu isinitti fidee, isin hin balleessa» jedhe.21Kolbaan Iyaasu'uun, «Waawwo'o! Nuuti Mootii Waan Maraa waaqonfanna» jette.22Iyaasuun isaaniin, «Isin Mootii Waan Maraa waaqonfatiisa waan filattaneef isinuu ifiif dhugaa baatota» jedhe. Isaan, «Eeti'i! Nuuti dhugaa baatota» jedhane.23Achiin duuba Iyaasuun kolba'aan, «Waaqota orma ka odduu teessan jiranu gata'aatii, gadhaa keessan gara Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii deebifadha'a» jedhe.24Achiin duuba kolbaan Iyaasu'uun, «Nuuti Goottaa Waaqa keenna hin waaqonfanna; ajaja isaalle hin eeganna» jette.25Guyyuma san Iyaasuun Sheekemitti kolbaa woliin gondooroo godhee, seeraa fi qajeelfama ittiin bulanu isaaniif kenne.26Iyaasuun ajajjoota tana kitaaba Seera Waaqaa keessatti barreesse; achiin duuba dhakaa guddaa tokko fuudhee, addee woyyittii Mootii Waan Maraa bira qilxaa jalatti dhaabe.27Inni kolbaa duudi'iin, «Dhakaan kun waan Mootiin Waan Maraa nu'utti dubbate, duudii waan dhage'eef, nu irratti dhugaa hin baya; tanaaf yoo Waaqa mormattane dhakaan kun isin irratti dhugaa hin baya» jedhe.28Achiin duuba Iyaasuun kolbaa ifi irraa geegesse; nami martinuu gara lafa ifii deebi'e.

Du'a Iyaasu'uutii Fi Ele'azaarii

29Saniin duuba tajaajilaan Mootii Waan Maraa Iyaasuun ilmi Nunii, woggaa dhibbaa fi kudhanitti du'e.30Israa'elooti lafa isaa ta «Tiimnat-Seraa» jedhantu, biyya koobittii Efreem keessaa ta gaara Ga'aashiitiin gara kaaba jirtutti awwaalane.31Bara Iyaasuun jiru'uun jiru duudii kolbaan Israa'elii Waaqa waaqonfatte; du'a isaatille'een duuba, haga bara jaarsoleen waan Waaqi Israa'eliif godhe mara ila ifiitiin dhaggane jiranuutitti Waaqa waaqonfatane.32Lafeen Yoseefii ta Israa'elooti biyya Gibxi'iitii fidane, lafa diqqoo ta Yaaqoob ilmaan Hamoorii abbaa Sheekemii irraa meetii dhibba tokkoon bite, lafa sanyii Yoseefii keessatti awwaalante.33Ilmi Aaronii Ele'azaar du'ee, qachaa biyya koobittii Efreemii keessaa ka ilma isaa Fiinehaasiif kenname Giibe'atti awwaalame.