Kitaaba Iyaasu'uu19gax_twf

Lafa Gosa Shimi'ooniitiif Kennante

1Hixaan lammeesso'oo akka maatii maatii isaaniititti gosa Shimi'ooniitiif bu'e. Latti isaanii haga lafa gosa Yihuda'aatiif kennantee gara keessaa seenteerti.2Tunille Bersheebaa, Shemaa, Molaadaa,3Hazaar-Shu'aal, Baalaa, Azem,4Eltolaad, Bet-Hul, Hormaa,5Siiqlaag, Bet-Markaboot, Hazaar-Susaa,6Bet-Labaa'otii fi Shiruheen: qachoota gugurdaa kudha sadii fi qachoota adaala sanii ti.7Ammalle Aayin, Rimoon, Taakaan, Eter fi Ashaan: qachoota gugurdaa afurii fi qachoota adaala sanii ti.8Kun qachoota adaala qachoota gugurdaa kanaa ka Ba'alaat-Be'erii irraa gara kibbaa jiru mara dabalata. Latti gosi Shimi'oonii akka maatii maatii isaaniititti fudhatane tana.9Latti gosa Yihuda'aatiif kennante haga isaaniif barbaachittu caalaa waan badhatteef, lafa isaanii irraa gosa Shimi'ooniitiif kennante.

Lafa Gosa Zebulooniitiif Kennante

10Hixaan sadeesso'oo akka maatii maatii isaaniititti gosa Zebulooniitiif bu'e. Latti isaan fudhatane haga Saariidititti deenti.11Meessaan isaanii karaa aduun seentuu gara Maaraalaa dhaqee, Dabesheetii fi laga Yaakne'aamii gara aduun baatuu tuqa.12Karaa dhibi'iin Saariid irraa gara aduun baatuu deebi'ee, haga meessaa Kislot-Taaborititti deemee, haga Daabera'aatii fi Yaafii'aa dhaqa.13Achille'ee karaa aduun baatutti gara Gaat-Heferii fi Iit-Kaaziinii deemee, gara Rimoona'aa dhaqee Ne'aahititti deebi'a.14Gara kaabaatiin Hanaatonitti deebi'ee, dhooqa Yiftaa-Elitti dhaabbata.15Kunille Kataat, Naahaalal, Shimroon, Yiiraalaa fi Betlihem: qachoota gugurdaa kudha lamaa fi qachoota adaala san jiru dabalata.16Qachoota gugurda'aa fi qachooti kun lafa gosi Zebuloonii akka maatii maatii isaaniititti fudhatane keessa jiran.

Lafa Gosa Yisaakoriitiif Kennante

17Hixaan arfeesso'oo akka maatii maatii isaaniititti gosa Yisaakoriitiif bu'e.18Latti isaanii Yizre'el, Kesuloot, Shuneem,19Haafara'iim, Shi'on, Anaharaati,20Rabit, Qiishon, Ebez,21Remet, En-Gaaniim, En-Hadiidii fi Bet-Phaazez.22Meessaan kun ammalle Taabor, Shaziima'aa fi Bet-shemeshi tuqee, laga Yordaanosiititti dhaabbata. Kunille qachoota gugurdaa kudha jaa fi qachoota adaala sanii dabalata.23Qachooti gugurda'aa fi qachooti kun lafa gosi Yisaakorii akka maatii maatii isaaniititti fudhatane keessa jiran.

Lafa Gosa Asheeriitiif Kennante

24Hixaan shaneesso'oo akka maatii maatii isaaniititti gosa Asheeriitiif bu'e.25Latti isaanii Helqaat, Haalii, Beteen, Akshaaf,26Alaamelek, Amaadii fi Miishaal; karaa aduun seentuun Qarmelii fi Shiihor-Liibnaat tuqa.27Achii ka'ee karaa aduun baatu deebi'ee gara Bet-daagonii dhaqee, karaa kaaba Bet-emekiitii fi Nii'eliitiin Zebuloonii fi dhooqa Yiftaa-Elitti tuqa. Achii ka'ee gara kaaba Kaabulii,28Abdoonii, Rehoobii, Haamonii fi Qaana'aa dhaqee haga Sidoonaa gudditti'ii deema.29Achiin duuba meessaan gara Raama'aa deebi'ee haga qachaa Xiiroosii ka dalleya dhaka'aa qabuu ti; achille'ee gara Hosaahii deebi'ee Abbaayaa Mediteraaniya'aatitti dhaabbata. Kunille Maahilaa, Akziib,30Umaa, Afeqii fi Rehoob: qachoota gugurdaa diddamii lamaa fi qachoota adaala sanii dabalata.31Qachooti gugurda'aa fi qachooti kun lafa gosi Asheerii akka maatii maatii isaanitti fudhatane keessa jiran.

Lafa Gosa Niftaalemiitiif Kennante

32Hixaan jayeesso'oo akka maatii maatii isaaniititti gosa Niftaalemiitiif bu'e.33Meessaan isaanii Helefii ka'ee haga qilxaa Zaa'anaaniim jiruu deemee, Adaamii-Neqebnii fi Yaabnii'el irra bayee haga Laquumii geyee laga Yordaanosiititti dhaabbata.34Achiin duuba gara aduun seentuun Aaznot-taaboriitti deebi'ee, gara Hoqonii deemee, gara kibbaatiin Zebuloon, gara aduun seentuun Asheer, gara aduun baatuun laga Yordaanosii tuqa.35Qachooti gugurdaan dalleya dhaka'aa qabanu Ziidiim, Zer, Haamaat, Raaqaat, Keneret,36Aadaamaa, Raamaa, Hazoor,37Qedeesh, Edraayi, En-Hazoor,38Yiroon, Migdaal-El, Horeem, Bet-anaatii fi Bet-shemeshi: qachoota gugurdaa kudhanii sagalii fi qachoota adaala sanii ti.39Qachooti gugurda'aa fi qachooti kun lafa gosi Niftaalemii akka maatii maatii isaaniititti fudhatane keessa jiran.

Lafa Gosa Daaniitiif Kennante

40Hixaan torbeesso'oo akka maatii maatii isaaniititti gosa Daaniitiif bu'e.41Latti isaanii Zoraa, Eshtaa'ol, Iir-Shemesh,42Sha'aalbiim, Ayalon, Iitlaa,43Eloon, Tiimnaa, Eqroon,44Elteqee, Giibetoon, Ba'aalaati,45Yehud, Azor Bene-Beraaq, Gaat-Rimoon,46Miiyaarqon, Raaqonii fi lafa fuullee Yophe'ee ti.47Kolbaa Daanii irraa latti yennaa fudhatante, gara biyya Laashemii dhaqanee lolanee, worra achi keessa le'u fixanee qachaa san qabatanee, ka ifii godhatane. Isaan achi qubatanee maqaa qachaa Laashemii jijjiiranee maqaa Abbaa ifii duriitiin, «Daan» jedhanee moggaasane.48Qachooti gugurda'aa fi qachooti kun lafa gosi Daanii akka maatii maatii isaaniititti fudhatane keessa jiran.

Lafa Dhuma Irratti Iyaasu'uuf Kennante

49Kolbaan Israa'elii lafa qoodanee yennaa fixane, Iyaasuu ilma Nuniitiifille lafa kennane50Akkuma Waaqi ajajetti qachaa Tiimnat-Seraa ka biyya koobittii Efreemii keessa ka Iyaasuun fudhatiisaaf gaafate, kennaneef. Inni achitti qachaa guddicha deebisee ijaaree itti qubate.51Hayyichi Ele'azaar, Iyaasuun ilmi Nuniitii fi sooreyyiin maatii gosa kolbaa Israa'elii Shiilo'otti fuula Waaqaatii fi Dunkaanii Woldeenna'aa duratti lafa tana hixaa buusanee qoodane. Isaan akka kanaan lafa qoodanee fixane.