Kitaaba Iyaasu'uu18gax_twf

Qoodama Lafa Hattee

1Israa'elooti injifatanee lafa qabataneen duuba, wolde'i gumii Israa'elii duudiin Shiilo'otti wolitti qabamee, dunkaana itti Waaqa wolde'anu dhaabane.2Kolbaa Israa'elii keessaa gosi torba haga ammaalle qooda lafa ifii ka hin dhaggatin jiraniiyyu.3Maarre Iyaasuun kolbaa Israa'eliitiin, «Lafa Goottaan Waaqi abbootii teessanii isiniif kenne seentanee qabatiisaaf haga yoomii eeddan?4Gosa duudii keessaa nama sad sad naa fila'a. Isaan dhaqanee biyya keessa deddeebi'anee, lafa gosi isaanii qoodamu'uu malte ilaalanee akka gara kiyya deebi'anu hin erga.5Isaan lafa san addee torbatti qoodan. Worri Yihuda'aa lafa ifii ta kibbaa keessa, worri Yoseefiille lafa ifii ta kaabaa keessa le'an.6Latti torba sun maan akka fakkaattu barreessa'aatii naa fida'a. Ani Goottaa Waaqa keenna duratti hixaa isiniif buusa.7Te'uu malee worri Lewwi'ii qoodi isaanii hayyoota te'anee Waaqa tajaajiliisa waan te'eef, isin keessaa isaan qooda lafaa hin dhaggatanu. Gosi Gaadii, Ruubenii fi gamisi gosa Minaase'ee, lafa ifii ta Muuseen tajaajilaan Waaqaa isaaniif kenne ta laga Yordaanos irraa gara aduun baatuu duruu fudhataneeran» jedhe.8Namooti lafa qorqoriisaaf adoo hin deeminiin dura, Iyaasuun, «Gara lafa duudi'ii dhaqa'aa ilaala'aatii, maan akka fakkaattu barreessa'aatii gara kiyya deebi'a'a. Anille Waaqa duratti as Shiilo'otti hixaa isiniif buusee hin qooda» jedhe.9Maarre namooti lafa duudii dhaqanee, qachoota galmeessanee lafa addee torbatti attam akka qoodane barreeffamaan keyane. Achiin duuba quttuma Shiilo'ootitti gara Iyaasu'uu deebi'ane.10Iyaasuun Waaqa duratti hixaa isaaniif buuse. Worra Israa'elii ka hafanelle'eef akka gosa gosa isaaniititti lafa qoode.

Lafa Gosa Beniyaaminiitiif Kennante

11Hixaan duraa akka maatii maatii isaaniititti gosa Beniyaaminiif bu'e; latti isaanii wodhakkaa gosa Yihuda'aatii fi Yoseefii ti.12Gara kaabaatiin meessaan isaanii laga Yordaanosiitii ka'ee, gara goodda kaaba Yeriko'oo ol bayee, karaa aduun seentu biyya koobitti'iin haga goomolee Bet-Aweenii ti.13Achii ka'ee gara goodda kibba Luzii ka «Bet'el» jedhamu dhaqee, gaara kibba Bet-horoonii jalaa irra bayee, gara Ataarot-adaariititti gad bu'a.14Achiin duuba karaa dhibi'iin gaaruma kana gara aduun seentuun gara kibbaa deebi'ee, gara qachaa gosa Yihuda'aa Kiriiyat-Ba'aaliik ka Kiriiyat-Ya'ariim jedhamuu deema. Meessaan gara aduun seentuu kana.15Meessaan gara kibbaa irga Kiriiyat-Ya'ariimii irraa jalqabee karaa aduun seentu gara madda Nefto'aatitti deema.16Meessaan sun gara gaara jalaa ka fuullee dhooqa Ben-henoomii irga dhooqa dhuma kaaba Refaa'otaatitti gad bu'a. Achii ka'ee gara qachaa dhooqa Hiinomii gad bu'ee, gara kibba goodda qachaa Yibusootaa dhaqee, gara En-Rogeelii deema.17Achiin duuba kaabatti deebi'ee karaa En-Shemeshiitiin, Geliilotii fuullee Abdumiimii irra bayee, gara dhakaa Bohanii ilma Ruubeniititti gad bu'a.18Gara kaabaatiin goodda dhuma fuullee dhooqa laga Yordaanosiititti gad bu'ee,19gara kaabaatiin dhuma Bet-Hoglaa irra bayee, addee lagi Yordaanosii itti dhumatu kaaba hullufa Abbaayaa Sooddaatitti dhaabbata. Meessaan kibbaa kana.20Meessaan gara aduun baatuu laga Yordaanosii ti. Meessaan maatiin gosa Beniyaaminii akka lafa ifiititti fudhatte kana.21Qachooti maatiin gosa Beniyaamii fudhatte Yerikoo, Bet-Hoglaa, Emek-Keziiz,22Bet-Arabaa, Zemaaraayim, Bet'el23Awiim, Faaraa, Ofraa,24Kefaar-Amoonii, Ofnii fi Geba'a: qachoota gugurdaa kudha lamaa fi qachoota adaala isaanii ti.25Akkasuma Giibe'on, Raamaa, Be'erot26Miisphaa, Kefiiraa, Mozaa,27Reqem, Irphii'el, Taraalaa,28Zelaa, Eeleef, qachaa worra Yibusootaa, Giibe'aa fi Kiriiyat-Ya'ariim: qachooti gugurdaan kudha afurii fi qachooti adaala sanii ka maatii gosa Beniyaamii akka lafa ifiititti fudhatte kana.