Kitaaba Iyaasu'uu15gax_twf

Lafa Gosa Yihuda'aatiif Kennante

1Gosa Yihuda'aatiif akka maatii maatii isaaniititti latti haga lafa meessaa Edoomii, gara goomolee Ziiniitiin haga dhuma meessaa kibbaa jirtu kennanteef.2Meessaan Yihuda'aa ka kibbaa dhuma kibba Abbaayaa Sooddaa irraa jalqabee,3Qiiqqee makkaatiin gara Ziiniititti dabaree, Qaadesh-Barne'aa irraa gara kibbaatitti deemee, Hezronitti dabaree haga Hadarii geyee, gara Qarqa'aa deebi'a.4Gara Azmooniille dabaree haga laga Gibxi'ii deemee, Abbaayaa Mediteraaniya'aa geyee dhaabbatta. Meessaan gosa Yihuda'aa gara kibbaatiin kana.5Karaa aduun baatuun meessaan lafa isaanii dhuma Abbaayaa Sooddaa irraa ka'ee, haga dhuma laga Yordaanosii ti. Meessaan gara kaabaa, hullufa Abbaaya'aa dhuma laga Yordaanosii irraa jalqabee,6gara Bet-Hoglaa ol dhaqee kaaba Bet-Arabaa irra bayee, haga dhakaa Bohanii ilma Ruubenii deema.7Akkasuma dhooqa Akorii irraa haga Deebirii dhaqee, karaa kaabaatiin gara Giilgalii kibba fuullee Adumiimii dhooqa Akorii irraa gara kibbaa dhaggantutti deebi'a. Ittille dabalee laga En-Shemeshii irra bayee laga En-Rogeeliititti dhaabbata.8Achiin duuba meessaan kun dhooqa ilma Hiinomii keessa bayee gara goodda kibbaatiin, qachaa Yibusootaa Yerusaalemiin baya; achii ka'ee kooba Hiinomii irraa gara aduun baatuu gubbaa bayee, haga dhuma kaaba dhooqa Refaamii ti.9Kanaan duuba gubbaa koobaa irraa gara laga Nefto'aa, achi irraa gara qachoota gaara Eferonii bira dhufee gara Baalaa ka Kiriiyat-Ya'ariim jedhamuutitti deebi'a.10Baalaa irraa gara aduun seentuun gara kooba Se'iirii marfata; gara kaabaatiin goodda gaara Ya'ariimii ka Kesaalon jedhamu irraa gara Bet-shemeshii dhaqee Tiimna'atti dabara.11Gara kaabaatille'een gara goodda Eqroonii dhaqee gara Shiqeroonii deebi'ee, gara gaara Baalaa dabaree Yaabnel dhaqee, Abbaayaa Mediteraaniya'aatitti dhaabbata.12Meessaan gara aduun seentuu irga Abbaayaa Mediteraaniya'aa ti. Kolbaan Yihuda'aa akka maatii maatii isi'iititti meessaa kana keessa leete.

Kaaleb Kebroonii fi Deebir Qabate

13Akkuma Waaqi ajaje Iyaasuun, lafa kolbaa Yihuda'aa keessaa kiriiyat-Arbaa ta «Kebroon» jedhantu, Kaalebii ilma Yofune'eetiif kenne. Arbaan abbaa Aanaaqotaa ti.14Kaaleb sanyii Aanaaqota sad Sheshaay, Ahimaanii fi Talmaayin Kebroon keessaa ari'e.15Achii ka'ee worra Deebirkeessa le'u loliisaaf dhaqe.16Kaaleb, «Nama qachaa Seferii lolee qabatuuf intala tiyya ta ‹Aksaa› jedhantu isa hin heerumsiisa» jedhe.17Otnii'el ilmi Qenazii obboleessi Kaalebii qachaa san lolee qabate; Kaalebille intala ifii Aksaa isa heerumsiise.18Otnii'el gaafa fuudhaa fi heeruma isaanii akka isiin abbaa ifii irraa fichaa gaafattu itti gorse.Yennaa isiin harree irraa baatee Kaaleb, «Maan feeta?» jedhee isii gaafate.19Isiin deebittee, «Latti ati naaf kennite biyya gammoojji'ii keessa waan teeteef, baleessa bisaaniille akka naaf kennitu barbaada» jette. Maarre Kaaleb baleessa bisaanii ka oliitii fi ka gadii kenneef.

Qachoota Yihuda'aa

20Latti gosi Yihuda'aa akka maatii maatii isaaniititti fudhatane ta asii gad jirtu.21Qachooti gosa Yihuda'aa gara kibbaatiin dhuma meessaa Edoomiititti aananee jiranu, Kabze'el, Eder, Yaagur,22Qiinaa, Diimonaa, Araadaa,23Qedeesh, Hazoor, Iitnaan,24Ziif, Telem, Ba'aalot,25Hazoor-Hadootaa, Keriyot-hezron kun «Hazoor» jechu'u;26Amaam, Shemaa, Molaadaa,27Hazaar-Gadaa, Heshimon, Bet-phaalex,28Hazaar-shu'aal, Bersheebaa, Biziyutiiyaa,29Ba'aalaa, Eyim, Azem,30Eltolaad, Kesil, Hormaa,31Siiqlaag, Madmaanaa, Sansanaa,32Lebaa'ot, Shilhim, En-Rimoon; wolumatti qachoota gugurdaa diddamii sagalii fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata.33Qachooti gugurdaan kooba jalaa Eshtaa'ol, Zoraa, Ashnaa,34Zaano'aa, En-Gaaniim, Taafu'aa, Enaam,35Yarmuut, Adulaam, Sokoo, Aazeqaa,36Sha'araayim, Adiitaayim, Gederaa, Gederotaayim, wolumatti qachoota gugurdaa kudhanii afurii fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata.37Akkasuma Zenaan, Hadashaa, Migdaal-Gaadi,38Dil'aan, Miisphaa, Yaaktii'el,39Laakiishi, Bozqaat, Egloon,40Kaabon, Lamaas, Kiitliishi,41Gederot, Bet-Daagon, Na'aamaa fi Maakedaa, wolumatti qachoota gugurdaa kudha jaa fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata.42Akkasuma Liibnaa, Eter, Ashaan,43Yiftaa, Ashnaa, Neziib,44Qeyilaa, Akziibii fi Maareshaa, wolumatti qachoota gugurdaa sagalii fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata.45Eqroon, qachootaa fi olloota ifii woliin;46Qachoota Ashoodi biraa duudii, ka Eqroon irraa haga Abbaayaa Mediteraaniya'aa jiranu, qachoota gugurda'aa fi olloota adaala isaanii woliin;47Ashidoodii fi Gaazaa, qachootaa fi olloota isaanii woliin haga meessaa laga Gibxi'iitii fi irga Abbaayaa Mediteraaniya'aa.48Biyya koobittii keessa Shaamiir, Yaatiir, Sokoo,49Daanaa, Kiriiyat-Sanaa ka «Deebir» jedhamu,50Anaab, Eshtemo'aa, Aniim,51Gooshen, Holoonii fi Giloo, qachoota kudha tokkoo fi qachoota adaala sanii wolitti qabata.52Araba, Dumaa, Esh'an,53Yaanum, Bet-taafu'aa, Afeqaa,54Humtaa, Kiriiyaat-araba ta Hebroon jedhantu, Zi'or qachoota gugurdaa kudhanii fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata.55Maa'on, Qarmelos, Ziif, Yutaa,56Yizre'el, Yarke'am, Zaano'aa,57Qaayin, Giibe'aa fi Tiimnaa, qachoota gugurdaa kudhanii fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata.58Halhul, Bet-Zuur, Gedoor,59Maaraat, Bet-Anoot, Elteqon, qachoota gugurdaa jaa fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata.60Kiriiyaa-Ba'aal ka «Kiriiyat-Ya'ariim» jedhamu, Raabaa, qachoota gugurdaa lamaa fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata.61Goomolee keessa ammoo Bet-Arabaa, Mediin, Sekaakaa,62Nibishaan, qachoota gugurdaa sooddaa fi En-Gedii, qachoota gugurdaa jaa fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata.63Kolbaan Yihuda'aa ammoo Yibusoota Yerusaalem keessa le'anu ari'uu hin dandeenne. Worri Yibusootaa haga ammaa Yerusaalem keessa jiran.