Iyyaasuu12gaz_bib
Maqaa Mootota Moʼatamanii
1Warri Kunneen mootota Israaʼeloonni moʼatanii biyyoota isaanii jechuunis gama baʼa Arabbaa hunda dabalatee, baʼa Yordaanos, Sulula Arnooniitii hamma Tulluu Hermoonitti irraa fudhatanii dha:2Sihoon mootiin Amoorotaa, Heshboon keessa taaʼee Aroʼeer ishee qarqara sulula Arnoonitti argamtu sanaa jalqabee hamma Laga Yaaboq kana daarii Amoonotaatti bulchaa ture; kunis walakkaa Giliʼaad dabalata.3Akkasumas baʼa Arabbaa Galaana Kinereetiitii jalqabee hamma Galaana Arabbaa yookaan Galaana Soogiddaatti, hamma Beet Yashiimootitti, achii immoo karaa Kibbaatiin hamma tabba Phisgaatti bulchaa ture.4Oogi mootichi Baashaan kan sanyii Refaayim keessaa isa dhumaa taʼe sun Ashtaarotii fi Edreyii bulchaa ture.5Innis Tulluu Hermoon, Salkaa, guutummaa Baashaan hamma Geshuurotaattii fi Maʼakaataatti, walakkaa Giliʼaad immoo hamma daangaa Sihoon mooticha Heshboonitti bulchaa ture.6Museen garbichi Waaqayyootii fi Israaʼeloonni isaan moʼatan. Museen garbichi Waaqayyoo biyya isaanii Ruubeenotaaf, gosa Gaadiitii fi walakkaa gosa Minaaseetiif dhaala godhee kenne.7Mootonni biyya Iyyaasuu fi Israaʼeloonni Yordaanosiin gama lixa biiftuutti moʼatanii kanneenii dha: biyyi isaaniis Baʼaal Gaad Sulula Libaanoon keessa jirtu sanaa jalqabee hamma Tulluu Halaaq kan gara Seeʼiir lafa Iyyaasuun akkuma gosa gosa isaaniitti dhaala godhee Israaʼelootaaf kenne sanaatti ol kaʼuu dha.8Biyyoonni kunneenis biyya gaaraa, biyya karaa lixaa, Arabbaa, tabba tulluu, lafa alootii fi Negeebi jechuunis biyyoota Heetotaa, Amoorotaa, Kanaʼaanotaa, Feerzotaa, Hiiwotaatii fi Yebuusotaa ti.Mootonnis kanneenii dha:9Mootii Yerikoo, tokko mootii Aayi kan Beetʼeel biraa, tokko10mootii Yerusaalem, tokko mootii Kebroon, tokko11mootii Yarmuut, tokko mootii Laakkiish, tokko12mootii Egloon, tokko mootii Geezir, tokko13mooticha Debiir, tokko mootii Gaadeer, tokko14mootii Hormaa, tokko mootii Aaraad, tokko15mootii Libnaa, tokko mootii Adulaam, tokko16mootii Maqeedaa, tokko mootii Beetʼeel, tokko17mootii Tafuuʼaa, tokko mootii Heefer, tokko18mootii Afeeq, tokko mooticha Lashaaroon, tokko19mootii Maadoon, tokko mootii Haazoor, tokko20mootii Shimroon Meroon, tokko mootii Akshaaf, tokko21mootii Taʼanaak, tokko mootii Megidoo, tokko22mootii Qaadesh, tokko mootii Yoqeniʼaam kan Qarmeloos jiraatu, tokko23mootii Door kan tabba Door irra jiraatu, tokko mootii Gooyim kan Gilgaal keessaa jiraatu, tokko24mootii Tiirzaa, tokko.
Isaanis walumatti mootota soddomii tokko turan.