Kitaaba Iyaasu'uu11gax_twf

Moototi Kaaba Kana'aanii Injifatante

1Yaabiin mootiin Hazoorii kolbaan Israa'elii akka injifatte yennaa dhage'e, gara Yobaabii mootii Maadonii, gara mootota Shimrooniitii fi Akshaafii,2gara mootota biyya koobittii kaabaa, gara mootota dhooqa laga Yordaanosii kibba Abbaayaa Galiila'aa jiranuu, gara mootota kooba jalaatii fi mootota biyya koobittii Door jedhantuu, ta gara aduun seentuun cinaa abbaaya'aatitti dhaggantuu dhaansa erge.3Akkasuma gara Kana'aanota baya adu'uutii fi seensa adu'uu jiranuu, gara Amoorotaa, gara Hiiwotaa, gara Pheriizotaa, gara Yibusootaatii fi Hiiwota worra biyya Miisphaa keessa kooba Hermoon jala jiranuu dhaansa erge.4Isaan loltoota ifii worra akka maansa irga abbaaya'aa hedduu, fardo'oo fi garreettaa fardo'oon harkifamu hedduu woliin dhufane.5Moototi tun duudiin loltoota ifii wolitti gurmeeffatanee, Israa'eloota loliisaaf bisaan Meromii bira qubatane.6Waaqille Iyaasu'uun, «Isaan hin sodaatin. Ani boru yennaa tana isaan mara harka Israa'elootaatitti dabarsee kennee, akka qalamanu godha. Ati mogolee fardoo isaanii mogolchiitii, garreettaa isaanii ka fardoole'een harkifamulle ibiddaan guggubi» jedheen.7Maarre Iyaasu'uu fi loltoota isaa duudiin dedhuma bisaan Meromii biratti isaan lolane.8Waaqille harka Israa'elootaatitti dabarsee isaan kenne. Israa'elooti isaan lolanee haga Sidoonii gudditti'ii, haga Misrefot-Maayimii, karaa aduun baatu haga dhooqa Miispha'aa ari'ane. Nyaapha isaanii keessaa nami tokkolle adoo hin hafin fixane.9Iyaasuun akkuma Waaqi isa ajaje godhe; inni fardoo isaanii mogolchee, garreettaa isaanii ka fardo'oon harkifamulle guggube.10Yennaa san Iyaasuun gara duubaatitti deebi'ee qachaa Hazoorii qabatee, mootii qachaa saniille shallaaga'aan ijjeese. Qachaan Hazoorii dur mootummaa san duudi'iif qachaa guddicha.11Isaan worra achi keessaa duudii shallaaga'aan ijjeesane; nami tokkolle hin hanne; qachaan Hazoorii gubate.12Akkuma Muuseen tajaajilaan Waaqaa ajaje, Iyaasuun qachoota sanii fi mootota qachaa sanii duudii qabatee, namoota duudii shallaaga'aan ijjumaa balleesse.13Ammoo qachaa Hazoorii ka Iyaasuun gube qofa malee, Israa'elooti qachoota addee dur diigame irratti ijaaramane keessa tokkolle hin gunne.14Israa'elooti waan bu'aa qabu duudi'ii fi horii qachaa san keessaa duudii fudhatanee ka ifii godhatane. Namoota qachaa san keessa jiranu duudii ammoo shallaaga'aan ijjeesane; nami tokkolle hin hanne.15Waaqi Muusee tajaajilaa ifii akkuma ajaje, Muuseen Iyaasuu ajaje; Iyaasuulle ajajameef. Iyaasuun waan Waaqi Muusee ajaje mara huje malee, tokkolle hin hamburre.

Biyya Iyaasuun Qabate

16Iyaasuun lafa duudii biyya koobittii, biyya kooba jalaa, biyya goomolee kibba Kana'aanii, biyya Gooshenii duudii, biyya gammoojjittii, dhooqa laga Yordaanosii, biyya koobittii Israa'eliitii fi gammoojjii isi'ii qabate.17Iyaasuun gaara Halaakii ka gara Se'iiriiol ka'u irraa haga Ba'aal-Gaadii gaara Hermooniitiin jala, dhooqa Libaanonii keessaa qabatee, mootota isaanii duudii shallaaga'aan ijjeese.18Iyaasuun mootota tana duudii yennaa hedduu loleera.19Hiiwota worra qachaa Giibe'onii keessa le'u malee, qachaan tokkolle Israa'elootaan wolii galtee nageyaa hin qabu. Worri dhibiin marti lolaan injifatamanee qabamane.20Akka isaan Israa'eloota woliin wol lolanu, Waaqi mataa jabeeyyii isaan godhe; tanaaf ijjumaa akka badanu isaanitti murantee marartii malee ijjeefamane; kun ajaja Waaqi Muuse'eef kenne.21Iyaasuun yennaa san biyya koobittii, Kebroonii, Deebirii, Aanaabii, biyya koobittii Yihuda'aa maraa fi biyya koobittii Israa'elii maralle dhaqee Aanaaqota bibbineeyyii qachoota isaanii woliin ijjumaa balleesse.22Aanaaqota garii qofatti Gaazaa, Gaatii fi Ashidood keessatti hafe malee, lafa Israa'elootaa keessatti Aanaaqoti tokkolle hin hanne.23Iyaasuun akkuma Waaqi Muusee ajaje, lafa san guutumatti qabatee, akka qooda gosa gosa isaaniititti Israa'elootaaf dhaala godhee kenne. Achiin duuba kolbaan woraana irraa foorfatte.