Waaqi Iyaasuu Ajaje
1Muuseen tajaajilaan Mootii Waan Maraa du'een duuba, Mootiin Waan Maraa qarqaarticha Muuse'ee Iyaasuu ilma Nuniitiin,2«Muuseen tajaajilaan kiyya du'eera. Amma atii fi kolbaan Israa'elii tun duudiin ka'a'aatii laga Yordaanosii bu'a'aatii, gara lafa ani kolbaa Israa'eliitiif kennu sanii dhaqa'a.3Ani akkuma Muuse'eef waadaa gale, addee faanti miila keessanii irra ijjattu duudii isiniif hin kenna.4Meessaan keessan lafa goomolee kibbaatii ka'ee haga gaara Libaanonii ka kaabaa, laga guddaa Efraaxiisiitii ka'ee, lafa Heetotaa duudii qabatee haga Abbaayaa Mediteraaniya'aa gara aduun seentuu hin te'a.5Iyaasu'u, bara jiruu teetii duudii nami ifi irraa si qabatuu dande'u hin jiru. Akkuma Muusee woliin jiraadhe si wolille'een jiraadha. Ani yennaa maraa si woliin jiraadha; ijjumaa si hin lakkisu.6Lafa ani isaaniif kenniisaaf abbootii isaaniitiif waadaa gale, akka dhaalanuuf, sooressa kolbaa tanaa waan teetuuf, jabaadhuu, jajjabaadhu.7Atummaan jabaadhuu, jajjabaadhu! Seera Muuseen tajaajilaan kiyya si ajaje duudi'iif ajajamuu keeti mirkaneeffadhu. Addee dhaxxu maratti wonni marti qajeelaan akka sii teetu Seera kana irraa gara middaatitti yookiin gara bita'aatitti hin gorin.8Kitaab Seeraa kun afaan keeti keessaa hin dhabamin. Waan isa keessatti barreeffame duudii akka muummessitu, halkanii fi guyyaa isa yaadadhu; yoo tana goote, wonni marti qajeelaan sii teeti.9Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, ‹Addee ati dhaxxu maratti si woliin waan jiruuf jabaadhuu, jajjabaadhu, hin sodaatin, hin nayinille'e!› jedhee si ajajee hin jiruu?» jedhe.Iyaasuun Kolbaa Ajaje
10Achiin duuba Iyaasuun sooreyyii kolba'aatiin,11«Addee quttumaa dhaqa'aatii kolba'aan, ‹Guyyaa sad keessatti laga Yordaanosii buutanee, lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isiniif kennu dhaxxanee akka dhaaltanu, galaa keessan qopheeffadha'a!› jedha'aan» jedhee isaan ajaje.12Iyaasuun, gosa Ruubeniitiin, gosa Gaadiitii fi gosa Minaase'ee gamisaan,13«Dubbii Muuseen tajaajilaan Mootii Waan Maraa, ‹Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan, lafa tana isiniif kennee isin foorfachiisa› jedhee isin ajaje qaabadha'a.14Dubartooti teessan, ijoolleen teessanii fi horiin keessan lafa Muuseen laga Yordaanosiitiin gara aduun baatutti isiniif kenne keessa turanuu ti; namooti keessan ka meya lolaa hidhatane duudiin ammoo, obboleeyyan ifii Israa'eloota qarqaariisaaf isaaniin dura bu'anuu ti;15Mootiin Waan Maraa akkuma isin foorfachiise obboleeyyan teessanille haga foorfachiisu, lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isaaniif kennulle haga fudhatanutti isaan qarqaara'a. Achiin duuba lafa teessan ta Muuseen tajaajilaan Mootii Waan Maraa laga Yordaanosiitiin gara aduun baatutti isiniif kennetti deebitanee hin qabattan» jedhe.16Isaanille Iyaasu'uun, «Waan ati nu ajajje mara hin goona; gara nu ergitu maralle hin dhandha.17Akkuma yennaa mara Muuse'eef ajajanne, si'iifille hin ajajanna; Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti callaan akkuma Muusee woliin jiraate, si wolille'een jiraatuu ti.18Nami ajaja keeti diduu fi dubbii teetiif hin ajajanne duudiin ijjeefamuu ti; atummaan jabaadhu, jajjabaadhu» jedhaneen.