Yoonaas
2
/
gaz_bib
Kadhannaa Yoonaas
1
Yoonaas garaa qurxummii keessaa Waaqayyoon Waaqa isaa kadhate.
2
Innis akkana jedhe:
“Ani rakkina koo keessatti Waaqayyoon waammadhe;
innis deebii naaf kenne.
Ani gargaarsa barbaacha garaa siiʼool keessaa nan iyye;
atis iyya koo naaf dhageesse.
3
Ati tuujubatti,
garaa galaanaatti gad na darbatte;
lolaanis na marse;
dambalii fi dhaʼaan kee
hundinuu narra garagalan.
4
Anis, ‘Kunoo ani fuula kee duraa balleeffameera;
taʼus ani deebiʼee gara mana qulqullummaa keetii
qulqulluu sanaan ilaala’ nan jedhe.
5
Bishaanonni na haguugan;
tuujubni immoo na marse;
aramaan galaanaas mataatti na marame.
6
Ani gara hundee tulluuwwaniittin gad liqimfame;
balballi lafa jalaas bara baraan natti cufame.
Yaa Waaqayyo Waaqa ko,
ati garuu lubbuu koo boolla keessaa ol baafte.
7
“Yaa Waaqayyo, yeroo lubbuun koo dadhabdetti
ani sin yaadadhe;
kadhannaan koos gara kee
gara mana qulqullummaa kee qulqullichaatti ol baʼe.
8
“Warri waaqota tolfamoo faayidaa hin qabnetti cichan
araara Waaqaa irraa garagalu.
9
Ani garuu faarfannaa galataatiin
aarsaa siif nan dhiʼeessa.
Ani wareegan wareege sanas nan baasa.
Anis, ‘Fayyinni Waaqayyo biraa dhufa’ ” nan jedha.
10
Waaqayyos qurxummii sana ajaje; qurxummiin sunis lafa gogaa irratti Yoonaasin tufe.
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
share
Share
chevron_right
Next Chapter