Ajajama Dhabuu Yoonaasii
1Gaafa tokko jechi Mootii Waan Maraa gara Yoonaasii ilma Amiitaayii dhufee,2«Ka'ii, gara Nanawwee qachaa gudda'aa dhaqi; hammeenni namootaa guddatee na bira waan geyeef itti lallabi» jedhe.3Yoonaas ammoo, fuula Mootii Waan Maraa duraa baqatee gara ollaa Tarshiishii deemiisaaf ka'ee, ollaa Yoopheetitti gad bu'ee hoboloo guddittii gara Tarshiishii deemaartu dhaggate; inni gatii ittiin deemu kaffaleen duuba, fuula Mootii Waan Maraa duraa gara Tarshiishii baqatiisaaf hoboloo guddittii yaabbatte.4Mootiin Waan Maraa ammoo bubbee jadduu abbaayaa irratti kaase; danbaliin jadduun abbaayaa irratti waan kaateef, hoboloon guddittiin caccabiisaaf dhikaatte.5Worri hoboloo san oofu duudiin guddoo sodaatanee, nami marti tokko tokkoon isaatuu gara waaqota ifii iyye. Akka itti sallatuuf meya hoboloo guddittii keessa jiru gara abbaaya'aa gad gatane; Yoonaas ammoo kolloo hoboloo sanii keessa gad bu'ee, addee irkatetti hirriiba hamaa keessa jiraayyu.6Ajajaan hoboloo gudditti'ii gara isaa dhikaatee, «Attam akkana ifi gattee ratta? Ka'ii waaqa keeti waammadhu, takki nuu nayee badii irraa nu hambura fa'a» jedheen.7Worri hoboloo san oofu, «Wonni hantuun tun sababa eennuutiif akka nu irra geette beekiisaaf, kowa'a hixaa buufanna» woliin jedhane. Isaan hixaa buusanee hixaan Yoonaasitti bu'e.8Maarre isaan, «Wonni hantuun tun sababa eennuutiif nu irra geette? Hujiin teeti maan? Eessaa dhutte? Biyyi teeti eessa? Gosii maan? Nutti himi» jedhanee isa gaafatane.9Inni deebisee, «Ani nama gosa Ibraawi'ii ti; ani Mootii Waan Maraa Waaqa ol gubba'aa ka lafaa fi abbaayaa dade Waaqonfadha» jedhe.10Inni marroo ifii dursee isaanitti waan himeeruuf, akka inni Mootii Waan Maraa duraa baqataaru beekane; tanaaf guddoo sodaatanee, «Wonni ati goote kun maan?» jedhanee isa gaafatane.11Danbaliin ittuma jabaataa waan deenteef, isaan, «Akka danbaliin sarmitu maan si goona?» jedhaneen.12Yoonaas deebisee, «Rakkoon danbali'ii tun sababa kiyyaaf akka teete hin beeka. Abbaayaa gudditti'itti na gata'a; yoos danbaliin hin sarmiti» jedheen.13Jarri ammoo hoboloo guddittii gara lafaa baasiisaaf, haga hunna ifii laaqane; ammoo danbaliin ta qaraa caalaa ittuma waan jabaatteef, hin dandeenne.14Maarre isaan bowanee, «Maganne'e Mootii Waan Maraa, sababa lubbuu namicha kanaatiif nu hin balleessin, akka worra nama yakkaa hin qanne ijjeesuutitti nu hin laakkowin; ee Mootii Waan Maraa, ati waan jaalattu gooteerta» jedhane.15Achiin duuba Yoonaas fuudhanee abbaaya'atti gatane; danbaliille takkumaan sarmite.16Wonni kun jara guddoo waan sodaachitteef, ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikeessanee, isa tajaajiliisaaf waadaa galane.17Ajaja Mootii Waan Maraatiin qurxummiin guddoon takka Yoonaas liqinsitee, innille guyyaa sadii fi halkan sad gadhaa qurxummi'ii keessa bule.