Yo'elii Raagichaa3gax_twf

Mootiin Waan Maraa Gosa Biyya Adda Addaatitti Hin Mura

1Mootiin Waan Maraa,«Bara sanii fi yennaa sanitti,boojuu Yihuda'aatii fi Yerusaalemiiyennaa deebisu,2gosa biyya adda addaa mara wolitti qabee,dhooqa Yoshaafaaxiititti hin geessa;sababa isaan kolbaa tiyya Israa'elbiyya ormaatitti bittinneessanee,lafa tiyya qoqoodataneef,achitti isaanitti mura.3Kolbaa tiyya ta booji'ante qoodamiisaaf,hixaa buufataneeran;ilmaan dhiiraadubartii woliin sagaagalaneef gatii kennanee,ijoollee durraa daadhii woyni'iititti gurgurataneeittiin unane.4«Isin worri Xiiroosii fi Sidoonii, adaala Filisxeemotaa keessa worri jirtanu maraayyuu, maan ana irraa qaddan? Ana haluu bayiisaaf teetanii? Yoo akkas teetanu te'e, ani hujii teessan ariifadhee mataa keessanitti hin deebisa.5Meeti'ii fi worqii tiyya, akkasuma meya kiyya ka gatii guddoo qabu fudhattanee galma keessan keessa keyattaneertan.6Namoota Yihuda'aatii fi Yerusaalemii biyyaa isaanii irraa fageessiisaaf, worra Giriikootaatitti gurgurtaneertan.7Amma ani addee isin isaan itti gurgurtane san lakkisanee akka ka'anu isaan hin godha. Waan isin isaan gootane, anille isin hin godha.8Ani ijoollee teessan ta dhiiraatii fi ta durraa namoota Yihuda'aatitti akka gurguramanu hin godha; isaanille dabarsanee namoota Saaba'aa, ka biyya fago'ootitti isaan hin gurguratan.
9«Lassii tana gosa biyya adda addaatitti lassa'a;lolaaf qophowa'a;loltoota kakkaasa'a;loltooti teessan martinuu as dhikaatanee lolanuu ti.10Qottoo teessan shallaagaa,haantuu teessan eboo tunsiifadha'a;nami dadhabaalle, ‹Ani jaba'a› jedhuu ti.11Isin gosi biyya adda addaa duudiin,dafa'aa baya'aatii,dhooqatti wolitti dacha'a'a!» jedha.Ee Mootii Waan Maraa loltoota teeti gad ergi.12Gosi biyya adda addaa martinuu ka'anee,gara dhooqa Yoshaafaaxii dhaqanuu ti;ani Mootiin Waan Maraa,gosa biyya adda addaa ta adaala saniititti muriisaaf,achi hin tee'a.13Hammeenni isaanii guddoo bacateera;akka midhaan geye haantu'uun haamanu isaan haama'a;akka unkuruura woyni'ii addee itti cunfanutti guutanee dhiitanu dhiita'a!14Guyyaan Mootiin Waan Maraa dhooqa mura'aa keessatti muru dhikaateera;tanaaf gumiin bindillaan dhooqa mura'aa keessatti wolitti qabanteerti.15Adu'uu fi ji'i hin dukkanowan;urjootille ifa hin kennanu.16Mootiin Waan Maraa Xiyoon keessaa akka neenqaa dhangaa dhowa;Yerusaalem keessalle'ee hin mandi'a;gubba'aa fi latti hin raafaman;Mootiin Waan Maraa ammoo kolbaa ifii Israa'eliif,addee itti baqatanu kushee hin te'a;

Waaqi Kolbaa Ifii Hin Eebbisa

17Tanaaf kolbaa isaatiin, «Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan,Waaqa keessan akka te'e hin beettan;Gaara woyyicha kiyya Xiyoon irra hin le'a;Yerusaalemille qachaa woyyicha hin teeti;ormi deebi'ee ijjumaa isii hin qabatu.
18«Guyyaa sanitti gaarri duudiin muka woyni'ii hin uffata;kooba irratti loon aanan mirganu hin dhaggaman;lagi Yihudaa keessa jiru duudiin bisaaniin guutama;Galma Waaqaa keessaa bisaan hin burqa;dhooqa muka gololchaa hin obaasa.
19«Sababa namooti Gibxi'iitii fi namooti Edoomii Yihudaa irratti hammeennaan ka'anee,biyya isaanii keessattidhiiga nama balleessaa hin qannee dhangalaasaneef,biyyi Gibxi'ii goomolee hin teeti;Edoomille goomolee ona hin teeti.20Ammoo biyya Yihuda'aa keessa kolbaan haga bara baraa hin leeti; Yerusaalem keessalle dhalootaa haga dhalootaatitti hin leeti;21Haluu dur namoota Yihuda'aatii fi namoota Yerusaalemiitiif hin baasin ture,amma hin baasaaf.Ani Mootiin Waan Maraa gaara Xiyoonii irra hin le'a» jedheera.