Yooʼeel2gaz_bib

Raayyaa Hawwaanisaa

1Xiyoon keessatti malakata afuufaa;gaara koo qulqulluu irratti sagaleeakeekkachiisaa dhageessisaa.Guyyaan Waaqayyoo dhufaa jiraatii;warri lafa irra jiraatan hundi haa hollatan.Guyyaan sun dhiʼaateera;2guyyaan dukkanaatii fi dimimmisaa,guyyaan duumessaatii fi dukkana hamaa ni dhufa.Sabni guddaa fi jabaan tokkoakkuma ifa ganama tulluuwwan irratti baʼuutti ni dhufa;wanni akkasii takkumaa bara durii keessa taʼee hin beekuyookaan dhaloota dhufuuf jiru keessatti illee hin taʼu.
3Fuula isaanii duraa ibiddi ni barbadeessa;dugda isaanii duubaan immoo arraba ibiddaatu bobaʼa.Fuula isaanii duraan lafti iddoo biqiltuu Eeden fakkaata;dugda isaanii duubaan immoo lafti akkuma gammoojjii onee ti;wanni tokko iyyuu isaan duraa hin miliqu.4Isaan bifa fardeenii qabu;akkuma fardeen lolaas ni gulufu.5Isaan sagalee akka gaarii waraanaatiinfiixee tulluu irra utaalu;akkuma ibidda yeroo qarmii gubutti xaaxaʼuu,akkuma waraana jabaa lolaaf baʼe tokkoo ti.
6Saboonni jara arginii dhiphatu;fuulli nama hundaas ni gurraachaʼa.7Isaan akkuma namoota jajjaboo fiigu;akkuma loltootaa dallaa yaabbatanii seenu.Hundi isaanii tarree galanii deemu;isaan keessaa tokko iyyuu daandii isaa irraa hin jalʼatu.8Isaan wal hin dhiiban;hundi isaanii qajeelanii fuula duratti deemu.Utuu toora isaanii hin dhiisinittisa cabsanii seenu.9Isaan magaalaa keessa asii fi achi fiigu;dallaa irra fiigu.Isaan mana yaabbatu;akkuma hattuus foddaadhaan ol seenu.
10Fuula isaanii duratti lafti ni sochooti;samiin ni raafama;aduu fi jiʼi ni dukkanaaʼu;urjiiwwan deebiʼanii hin ibsan.11Waaqayyo fuula loltoota isaa durattisagalee dhageessisa;loltoonni isaa akka malee baayʼee dha;warri ajaja isaa eegan jajjaboo dha.Guyyaan Waaqayyoo guddaa dha;guyyaan sun akka malee nama sodaachisa.Eenyutu dura dhaabachuu dandaʼa?

Cubbuu Irraa Deebiʼaa

12“Amma iyyuu garaa guutuudhaan,soomaan, booʼichaa fi gaddaangara kootti deebiʼaa” jedha Waaqayyo.
13Isin utuu wayyaa keessan hin taʼingaraa keessan tarsaasaa.Gara Waaqayyo Waaqa keessaniitti deebiʼaa;inni arjaa fi gara laafessaatii;inni dafee hin aaru; jaalalli isaa baayʼee dha;inni badiisa erguu irraa of qusata.14Maaltu beeka? Tarii inni deebiʼee gaabbeeeebba, kennaa midhaaniitii fi kennaa dhugaatiikan Waaqayyo Waaqa keessaniif taʼuisiniif hambisa taʼa.
15Xiyoon keessatti malakata afuufaa;sooma qulqulluu labsaa;waldaa qulqulluu waamaa.16Saba walitti qabaa;waldaa sana qulqulleessaa;maanguddoota walitti fidaa;ijoollee walitti qabaa;daaʼimman harma hodhan illee hin hambisinaa.Misirrichi kutaa isaa keessaa haa baʼu;misirrittiinis diinqa isheetii haa baatu.17Luboonni fuula Waaqayyoo dura tajaajilangardaafoo fi iddoo aarsaa gidduutti haa booʼan.Isaan akkana haa jedhan; “Yaa Waaqayyo saba kee baraari.Handhuuraa kee waan qoosaa,saboota gidduuttis waan kolfaa hin godhin.Isaan maaliif namoota gidduutti,‘Waaqni isaanii eessa jira?’ jedhu?”

Deebii Waaqayyo Kenne

18Waaqayyo biyya isaatiif ni hinaafa;saba isaatiifis garaa laafa.19Waaqayyo akkana jedhee deebii kennaaf:“Ani midhaan, daadhii wayinii haaraa fi zayitii ejersaakan isin quubsu isiniif nan erga;ani lammata saboota gidduuttiwaan qoosaa isin hin godhu.
20“Ani loltoota kaabaa isin duraa balleesseegara lafa gogaa fi duwwaatti isaan ariʼa;loltoonni fuula duraan yaaʼan galaana baʼa biiftuu,kanneen dugda duubaan yaaʼan immoogalaana gama lixa biiftuu seenu.Reeffi isaanii ni xiraaʼa;xiraan isaaniis ol baʼa.”Dhugumaan inni waan guddaa hojjeteera!21Yaa biyya Yihuudaa, hin sodaatin;gammadiitii ililchi.Waaqayyo dhugumaan waan guddaa hojjeteera!22Yaa bineensota bosonaa, isinis hin sodaatinaa;dirreen dheedaa gabbachaa jiraatii.Mukkeen ija naqachaa,harbuu fi wayiniinis ija kennaa jiru.23Yaa uummata Xiyoon gammadi;Waaqayyo Waaqa keetti gammadi;inni qajeelummaadhaanrooba arfaasaa siif kenneeraatii.Inni akkuma durii bokkaa baayʼee,rooba arfaasaa fi kan birraa siif erga.24Oobdiin midhaaniin guutama;boolli itti wayinii cuunfanis daadhii wayinii haaraa fizayitiidhaan guutamanii dhangalaasu.
25“Ani waan bara hawwaannisni nyaate,waan hawwaannisni gurguddaa fi xixinnaan nyaate,waan hawwaannisni kaanii fi tuunni hawwaannisaajechuunis loltoonni koo jajjaboon ani gidduu keessanitti erge sun nyaataniddoo isiniif nan buusa.26Isin waan hamma quuftanitti nyaattan baayʼee ni qabaattu;maqaa Waaqayyo Waaqa keessaniikan waan dinqii isiniif hojjete sanaa ni galateeffattu;uummanni koo lammata hin qaaneffamu.27Ergasii isin akka ani Israaʼel keessa jiruakka ani Waaqayyo Waaqa keessan taʼe,akka ana malee Waaqni biraa hin jirre ni beektu;uummanni koo lammata hin qaaneffamu.

Guyyaa Waaqayyoo

28“Anis kana booddee,Hafuura koo nama hunda irratti nan dhangalaasa.Ilmaanii fi intallan keessan raajii dubbatu;jaarsoliin keessan abjuu abjootu;dargaggoonni keessan mulʼata argu.29Bara sana keessa, garboota koowarra dhiiraa fi dubartii irratti illeeHafuura koo nan dhangalaasa.30Ani ol samii irratti dinqii,gad lafa irrattis dhiiga,ibiddaa fi hurrii aaraa nan argisiisa.31Utuu guyyaan Waaqayyoo inni guddichii fisodaachisaan sun hin dhufin dura,aduun dukkanatti geeddaramti;jiʼi immoo dhiigatti geeddarama.32Namni maqaa Waaqayyoo waammatuhundinuu ni fayya;akkuma Waaqayyo dubbatettisTulluu Xiyoon irraa fiYerusaalem keessa, furamatu jiraata;hambaa gidduuttis warri Waaqayyoisaan waame ni argamu.