1Xiyoonitti tultullaa afuufa'a!Gaara Xiyoonii woyyicha irrattiqoonqoo dammassitu dhageessisa'a!Guyyaan Mootii Waan Maraa ariifatee waan dhufaaruuf,worri lafa san le'u marti hollatuu ti!2Guyyaan sun guyyaa dukkanaatii fi dimimmisaa,guyyaa duumensaatii fi dukkana duuddu'uu ti;akka boruun dayya'ee gaara irra babadhatu,awwaannisi baca'aa fi hunnaamessi lafa guuta.Wonni waan kana fakkaatu tanaan dura hin teene,haganaa achille ijjumaa hin teetu.3Dura isaaniitiin ibiddi gubaa deema;duuba isaaniille'een bobe'i gubaa deema;latti isaan bira hin geyin,oorruu Edenii fakkaatti;latti isaan bira dabarane ammoo,goomolee duwwaa fakkaatti;wonni isaan jalaa miliqu tokkolle hin jiru.4Isaan farda fakkaatan;akka farda lolaa gulufan.5Akka garreettaa fardaa hididdisaa,gaarota gubbaa utaalan;akka ibidda huura gubuu,waan mara guban;akka loltoota jajjaboo lolaaf qophowanee,gogeessaan yaa'an.6Yennaa isaan dhaggite, kolbaan hin bararaxxi;fuulli namaa soda'aan shankallowa.7Akka duultotaa lolan;akka loltootaa dalleya yaabanee dabaran;tarre'een gara duraa yaa'an;gara ifii yaa'anu irraa hin goranu.8Tokko tokkoon isaanii,tarre'een gara duraa yaa'an;woraanaa fi guubee diinaa caccassanee dabaran;wonni isaan dhooggu hin jiru.9Gara qacha'aa timan;dalleya qacha'aa irra fiigan;utaalaa mana yaaban;akka hattu'uu fodda'aan seenan.10Latti isaan duratti hin tachooti;gubbaalle hin raafanti.Adu'uu fi jiin dukkanowan;urjootille ifiisa hin lakkisan.11Mootiin Waan Maraa qoonqoo ifii ta akka mandiisu'uuloltoota ifii irratti dhageessisa;loltooti isaa attam attam heddu'u!Worri isaaf ajajamu bandalla'a;dhugumaan guyyaan Mootii Waan Maraa gudda'a;guddoo sodaachisaa waan te'eef,guyyaa san eentu dande'ee dhaabbata?12Mootiin Waan Maraa, «Ammumaayyuu, gadhaa keessan tokkochaan,laamaan, bowaa fi gaddaan gara kiyya deebi'a'a!» jedha.13Gadda keessan mudhisiisaaf,woyaa teessan tarsaasiis hin gewu;Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan arjaa, mararaa,mufi'iif ka hin ariifanne, ka jaalala bara baraa guddaa qabu,adabiisaafille ka hin ariifanne, waan te'eef,gara isaa deebi'a'a!14Akka wotoo, Mootiin Waan Maraa Waaqi keessanmufii irraa deebi'ee,eebba ifii isiniif hin kenna fa'a.Isinille Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif,kennaa midhaaniitii fi daadhii woyni'ii hin dhikeessitan.15Xiyoon keessatti tultullaa afuufa'a!Laama woyyicha lassa'a!Yaa'ii woyyittii waama'a!16Kolbaa wolitti qaba'aatii,yaa'ii woyyitti'iif qopheessa'a;jaarsolee waama'a;ijoolle'ee fi daa'immaan harmaalle wolitti qaba'a;waajibootinuu kolloo ifii lakkisanuu ti.17Hayyooti Mootii Waan Maraa tajaajilanu,seensuma Galma Waaqaatii fi addee ciinca'aa wodhakka'atti bowanuu ti.Isaan, «Mootii Waan Maraa, kolbaa teeti marari;gosi dhibiin, ‹Waaqi keessan meet?› jedhiisaan,akka nu tuffatanuu fi qaanessanu hin godhin» jedhanuu ti.
Deebii Waaqi Kolbaa Ifiitiif Kenne
18Mootiin Waan Maraa lafa ifiitiif hinaafee,kolbaa ifiille marare.19Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiif deebisee,«Kunoo, ani midhaan, daadhii woyni'iitii fi zayitii ejersaa,haga quuttanutti isiniif hin kenna;ani haganaa achi,gosa biyya adda addaa oddu'uttiakka qaanottanu hin godhu.20Awwaannisa gara kaabaatii isinitti dhufeisin irraa fageessa;gara goomole'eetii fi gara lafa urmaa isin irraa hin oofa;ka dura yaa'u gara abbaayaa baya adu'uu,ka duuba yaa'u gara abbaayaa seensa adu'uu hin oofa.Achitti reeffi isaanii shamee hin ajowa.Dhugumaan ani Mootiin Waan Maraawaan guddoo isiniif godheera.21«Ee lafa, hin sodaatin.ani Waaqi waan guddoo waan sii godheef,gammadii firinxiix!22Isinille bineensota hin sodaatina'a;marri itti bobbaatanu bisilee te'eera.Mukille midhaan buuseera;muki Harru'uutii fi muki woyni'ii midhaan bacaa buuseera.23«Isin kolbaa Xiyoonii!Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniingammada'aatii firinxiixa'a;inni yenna'aan,akkuma durii bokkeya dansaaka duraatii fi duubaa isiniif kenneera.24Eeddummeen midhaaniin ta guutante hin teeti;daadhiin woyni'iitii fi zayitiin ejersaaaddee itti cunfantu guuttee irraan dhangalaati.25Bara heddu'uuf akka loltoota guddo'oo ka ani isinitti ergee,midhaan awwaannisi gugurdaan,korophiis, ilmooleen awwaannisaatii fiawwaannisi dargaggeeyyiin isin irraa fixaneani isiniif hin deebisa.26Nyaattanee hin quuttan;ka waan baasaa hedduu isinii godheana Mootii Waan Maraa Waaqa keessan hin leellifattan;isin kolbaan tiyya haganaa achi hin qaanottanu.27Kolbaa tiyya! Ani akka odduu teessan jiru,Mootii Waan Maraa Waaqa keessan akka te'ee fiana malee Mootiin Waan Maraa dhibiin akka hin jirre hin beettan.Haganaa achi kolbaan tiyya deebitee hin qaanottu» jedhe.
Guyyaa Mootii Waan Maraa
28Ani Mootiin Waan Maraa, «Kanaan duuba, Ayyaana kiyyanama mara irratti hin dhangalaasa;ilmaanii fi ijoolleen durraa teessan raaga hin dubbatan;jaarsoleelle oojjuu hin oojjatan;dargaggootille mudhii hin dhaggan.29Yennaa san,ani tajaajiltoota tiyya dhiiraa fi dubartii irrattiAyyaana kiyya hin dhangalaasa.30«Gubba'aa fi lafa irratti, waan baasaa,dhiigaa fi ibidda, duumensa aaraalle hin mudhisa.31Guyyaan Mootii Waan Maraa gudda'aa fi sodaachisaanadoo hin dhufiniin dura,aduun hin dukkanootti; jiin dhiiga hin uffata.32Worri maqaa Mootii Waan Maraa waamu marti hin fayya;akkuma ani Mootiin Waan Maraa jedhe,worri ani waame gaara Xiyoonii irratti,Yerusaalem keessalle'etti hafee hin fayya» jedhe.