Yooʼeel
1
/
gaz_bib
1
Dubbii Waaqayyoo kan gara Yooʼeel ilma Phetuuʼeel dhufe.
Weerara Hawwaannisaa
2
Yaa maanguddoota, waan kana dhagaʼaa;
warri biyyattii keessa jiraattan hundinuu dhaggeeffadhaa.
Wanni akkanaa takkumaa bara keessan keessa
yookaan bara abbootii keessanii keessa taʼee beekaa?
3
Isin waan kana ijoollee keessanitti himaa;
ijoolleen keessanis ijoollee ofii isaaniitti haa himan;
ijoolleen isaanii immoo dhaloota itti aanutti haa dabarsan.
4
Waan tuunni hawwaannisaa dhiise,
hawwaannisni guddaan fixe;
waan hawwaannisni guddaan dhiise,
hawwaannisni xixinnaan nyaatee fixe;
waan hawwaannisni xixinnaan dhiise immoo
hawwaannisni biraa dhufee nyaate.
5
Yaa machooftota, kaʼaatii booʼaa!
Isin warri daadhii wayinii dhugdanhundinuu wawwaadhaa;
sababii daadhii wayinii haaraatiifwawwaadhaa;
inni afaan keessan irraa butameeraatii.
6
Sabni jabaan akka malee baayʼeen tokko
biyya koo weerareera;
inni ilkaan leencaa,
qarriffaa leenca dhalaa qaba.
7
Inni muka wayinii koo onsee
harbuu koos barbadeesseera.
Inni qola isaanii irraa quncisee lafatti gatee
dameelee isaanii duwwaa hambise.
8
Isin akkuma durba wayyaa gaddaa uffattee
dhirsa ijoollummaa isheetiif gaddituutti booʼaa.
9
Kennaan midhaaniitii fi dhibaayyuun
mana Waaqayyoo irraa citaniiru.
Luboonni fuula Waaqayyoo dura tajaajilan
booʼaa jiru.
10
Lafti qotiisaa oneera;
laftis gogeera;
midhaan barbadaaʼeera;
daadhiin wayinii haaraan dhumeera;
zayitiinis dhabameera.
11
Yaa qonnaan bultoota, isin raafamaa;
warri wayinii dhaabbattan booʼaa;
sababii midhaan lafa qotiisaa keessanii
barbadaaʼeef qamadii fi garbuudhaaf booʼaa.
12
Wayiniin gogeera;
harbuunis coollageera;
roomaaniin, meexxii fi hudhaan,
mukkeen lafa qotiisaa hundinuu goganiiru.
Dhugumaan gammachuun ilmaan namaa
irraa badeera.
Waamicha Qalbii Jijjiirrachuu
13
Yaa luboota, wayyaa gaddaa uffadhaatii booʼaa;
isin warri iddoo aarsaa dura tajaajiltan wawwaadhaa.
Isin warri fuula Waaqa koo dura tajaajiltan
kottaatii wayyaa gaddaa uffadhaa bulaa;
kennaan midhaaniitii fi dhibaayyuun
mana Waaqaa irraa hambifamaniiruutii.
14
Sooma qulqulluu labsaa;
waldaa qulqulluu waamaa.
Maanguddootaa fi
warra biyyattii keessa jiraatan hunda
gara mana Waaqayyoo Waaqa keessaniitti waamaatii
Waaqayyootti booʼaa.
15
Badne kaa! Guyyaan sun dhiʼaateera.
Guyyaan Waaqayyoo gaʼeeraatii;
inni akkuma badiisaattiWaaqa Waan Hunda Dandaʼu biraa dhufa.
16
Ijuma keenya duratti
nyaanni cite;
ilillee fi gammachuunis
mana Waaqa keenyaa irraa hin cinnee?
17
Sanyiin lafa keessatti
tortoree hafe.
Mankuusni diigameera;
gombisaan caccabeera;
midhaan gogee hafeeraatii.
18
Loon akkam marʼatu!
Karri loonii sababii waan dheedu dhabeef
asii fi achi joora;
bushaayeenis dhiphataniiru.
19
Yaa Waaqayyo ani sin waammadha;
ibiddi lafa dheedaa barbadeessee
arrabni ibiddaa immoo mukkeen diidaa hunda gubee fixeeraatii.
20
Bineensonni bosonaa sitti gaggabu;
lagni bishaanii gogeera;
ibiddis dirree dheedaa gubee balleesseera.
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
share
Share
chevron_right
Next Chapter