Kitaaba Iyoobii9gax_twf

Iyoob

1Achiin duuba Iyoob deebisee,2«Dhuguma tun dhugaaakka teete hin beeka.Ammoo nami attam Waaqa durattibalchaa te'uu dande'a ree?3Nami tokko Waaqaan falmuuyoo barbaade,gaaffii kuma keessaa takkattiilledeebisee hin dande'u.4Waaqi qaro'o; hunnaamessalle'e;ka isa moromee,hin injifatamin eennuu?5Inni dedhuma gaara tatachoosee,aarii ifiitiin isaan hin balleessa.6Waaqi lafa addee isi'ii irraa hin tachoosa;utuboota lafaalle hin raasa.7Inni aduun akka hin baane hin ajaja;urjootille ifa akka hin kennine hin dhoogga.8Inni qofuu ol-gubbaa diriirse;danbalii bisaanii irralle hin ideema.9Tuuta urjootaa ka bineensa, ‹Doobbaa › jedhamu fakkaatu,tuuta urjootaa ka, ‹Sadee › jedhamu,tuuta urjootaa ka, ‹Torbii › jedhamuu fituuta urjoota gara kibbaalle isatti dade.10Waan maade'ee ta qorqoranee bira hin geenne,bilbaasota laakkonnee hin dhaqqanne hin godha.11Yennaa inni na biraan dabaru,ani isa hin dhaggu;yennaa inni cinaa tiyya ideemu,ani isa hin hubadhu.12Yoo inni butee ideeme,eentu isa dhoogga?Eentu isaan, ‹Ati maan godhiisatti jirta?› jedha.13Waaqi mufii ifii duubatti hin deebisu;worri bineensa guddaa abbaayaa keessaaka, ‹Rahaab› jedhamu qarqaaruuyyuu isaaf hin sagadan.
14«Ani attamdeebii isaaf kennuu dande'a ree?Ani isa woliin falmiisaaf,attamiin jechoota filatuu dande'a ree?15Ani yakkaa qabaatuu yoo dhabelle,abbaa mura'aa kiyyaakka naaf mararu gaafadha malee,deebii isaaf kennuu hin dande'u.16Ani maqaa isaa waammadheeinni naaf yoo deebiselle,akka inni qoonqoo tiyya dhage'u hin dhugeeffadhu.17Inni bubbe'een na butucha;sababa malee madaa natti baceessa.18Inni hadha'aan na guuta malee,hafuura na hin fudhachiisu.19Marroo jabeennaa yoo teete,inni jaba'a.Marroo mura'aa yoo teete,gara addee mura'aa sanka isa waamuu dande'u eennu?20Ani yakkaa qabaatuu dhabulleafaan kiyyaayyuu natti mura;ani ka komii hin qanne te'ulle,‹Daba'a› anaan jedha.
21«Ani ka komii hin qanne te'ullemarroo mataa kiyyaa hin beeku;jiruu tiyyalle hin jibba.22Martinuu tokkuma;tanaaf ani, ‹Waaqi worra komii hin qannee fiworra hamaaleyyii hin balleessa› jedhe.23Yennaa balaan nama yakkaa hin qannededhuma ijjeesuWaaqi isatti hin qacifata.24Yennaa latti harkaworra hamaaleyyi'iititti kennantu,Waaqi ila abbootii mura'aata lafa sanii hin golla.Isa yoo hin te'in,tana ka godhe eennu ree?
25«Barri kiyya nama rukkisu caalaa ariifata;adoo waan dansaa hin dhagginuu dabara.26Akka hoboloo ariifattu'uu ,akka risaa waan nyaatu butatiisaaf irii gad xinniquu dabara.27Ani, ‹Gungunsuu tiyya hin dedha;nyaara guuruu lakkisee,hin seeqadha› yoo jedhe,28akka nama yakkaa hin qanneetittiakka ati na hin ilaallewaan beekuuffarra tiyya duudii hin sodaadha.29Yakkaan eega natti murantu teete,maaf toluma dadhaba ree?30Nafa kiyya saamunaan,harka kiyya haraanja'aanyoo dhiqadhelle,31ati boolla haraa itti gatanu keessattina gatta;woyaan tiyyaayyuu na jibbiti.
32«Ani isa woliingara kora mura'aa dhaqeedeebii isaaf kenniisaaf,inni akka kiyya nama foon uffatee moti.33Nami anaa fi Waaqa wolitti araarsiisaafwodhakkaa teennatti murtee kennuadoo hin jiraatuu!34Akka ani hin bararandheef,adoo Waaqi na adabuu dhabe,35ani sodaa malee,silaa isa woliin hin dubbadhaayyu;amma ammoo dubbatuu hin dandeenne.