Kitaaba Iyoobii7gax_twf

1«Nami elo'oon lafa irra jiraataa motii?Barri isaalle akka baranama qaxaramee hujuutii motii ree?2Akka garboolee gaaddisa jala foorfatiisa barbaadanuutii fiakka hojjatoota mindaa ifii eegatanuutii mootii?3Ji'ooti elo'oo naaf ka bu'aa hin qanne te'ane;halkan farraallenaaf kennamane.4Yennaa rafu ‹Yoom dammaqa?› jedhaa,halkan natti dheeratee,haga bariitutti asii fi achigara gaggala.5Nafi kiyya duudiincorroqoyee qonyonyaayeera;babbaqaqeelle maloweera.
6«Barri kiyya mooqaa harfa'aacaalaa ariifata;addii maleelle dhumata.7Ee Waaqa, jiruun tiyya akka hafuura baafatiisaa fi fudhatiisaa ti;ilti tiyya deebitee waan dansaa hin dhaggitu.8Ilti amma na dhaggitu,deebitee na hin dhaggitu;ati na hin barbaadda ani ammoo hin jiru.9Akkuma duumensi bittinnowee badu,nami du'ee awwaalamu deebi'ee hin ka'u.10Lammoo gara mana ifii hin deebi'u;worri isa beeku duudiin isa hin dedha.
11«Tanaaf ani hin cadhisu;laalaa ayyaana kiyyaa hin dubbadha;hadhaa lubbuu tiyyaa irraa ta kaate hin gunguma.12Ati akka na eeganuuf ka goote,ani abbaaya'a moo bineensa guddaa abbaaya'aa ti?13Taqeen tiyya na jajjabeessiti;addeen ani rafu dhibee tiyya irraa goonsitiyennaa jedhu,14ati ammoo oojju'uun na sodaachitta;mudhille'een na bararassita.15Jiruu farraa tanaa mannaasuruurraa ifitti dhoweedu'u naaf woyya.16Ani jiruu tiyya jibbeera;haga bara baraa le'iisa hin barbaadu;barri jiruu tiyyaa gabaabaa waan te'eefna lakkis.
17«Akka nama barbaachisaa te'e tokkootitti akka isa ilaaltuuf,akka guddoo isa yaadattuufille nami maan inni?18Ati ganama ganama isa hin ilaalta;yennaa mara isa hin qorqorta.19Haguma hancufa liqinsuila ana irra hin deebifattuu?20Waaqa namoota eeddu,ani yoo cubbuu huje maan si godhe?Maaf waan itti xiyyeeffattu na godhatte?Ani hagana mara ba'aa sitti te'ee?21Ati maaf balleessaa tiyya naaf hin araaramin?Maaf yakkaa tiyya ana irraa hin balleessin?Ani amma waan awwaalamuuf,ati na hin barbaadda,ani ammoo hin jiru» jedhe.