Kitaaba Iyoobii6gax_twf

Iyoob Deebii Kenne

1Achiin duuba Iyoob deebisee,2«Farri tiyya adoo madaalantee,gaargalli kiyya duudiinmadaallii irra adoo keyamee jiraatee,3maansa irga abbaaya'aa caalaa ulfaataayyu;tanaaf jarjariisaan dubbatiis kiyyasi hin baaseffachiittu.4Waaqi waan mara dande'udaaya ifiitiin na woraanee,hadhaan isaallenafa keessa na faca'eera.Bararaqiisi Waaqaa na marseera.5Harreen diidaa yennaa marra dheeddu,Yookiin qotiyyoon yennaa okeya nyaattuhin baroodii ree?6Sagalee hin mi'oonnesoodda malee nyaatanii ree?Yookiin bisaan quupha'aahin mi'owaa ree?7Ani sagalee akkasii tuqiisalle hin jibba;yoo nyaadhelle akka dhibamu na gooti.
8«Maaloo waan gaafadheadoo dhaggadhee,Waaqi halchaa tiyyaadoo naaf guutee!9Fedha isaa teetee adoo na caccassee,harka ifii diriirsee adoo na balleessee,10tun silaa naaf jajjabeenna.Ani jecha Waaqa woyyichaawaan hin mormatiniif,dhibeen natti fakkantulleani silaa gammadaan hin utaalaayyu.
11«Jiru'uun le'iisaafjabeenna maan qaba ree?Eega addii hin qabaatiniimaaf le'a ree?12Jabeenni kiyya jabeenna dhaka'aatii ree?Foon kiyya sageettu'uu ree?13Dhugumaan ifi qarqaariisaaf hunna hin qabu;hunni tiyya duudiin na irraa fudhatanteerti.
14«Nami jaala ifii ka rakkatteef marartii dhabu,Waaqa waan mara dande'u sodaatiisa lakkiseera.15Isin obboleeyyan tiyya ammoo,akka laga yennaa roobi hin jirree goguuna soddane.16Lagi sun ji'a gannaadhakaa roobaatiin guutama.17Yennaa o'aa ammoo lagi sun hin dhabama;yennaa bonaa hin goga.18Daldaltooti bisaan barbaadata karaa irraa miliqanee,goomolee keessa daaqaa badan.19Daldaltooti Teema'aabisaan hin barbaadatan;daldaltooti Sheebaalle bisaandhaggatiisaaf addii godhatan.20Lagi isaan addatanu waan gogeefaddii hin kutatan;addee san yennaa geyanuhin bilinjoyan.21Isinille akkuma laga goge saniinatti teetane;farra tiyya dhaggitanee sodaattane.22Ani ‹Woy naaf kenna'a!Karra teessaniin na woda'a!23Yookiin harka diinaa jalaa na baasa'a;yookiin harka worra na cunqursuu jalaana woda'a!› jedheeraa?
24«Ani hin cadhisa,isin na barsiisa'a;dokonkora kiyyalle natti hima'a.25Dubbiin dhuga'aaattam attam hunnaametti'i!Komiin teessan ammoo bu'aa hin qaddu.26Isin dubbii tiyyasirreessuu barbaaddanii?Dubbii ana nama addii kutateelleakka qilleensaatitti laakkottanii ree?27Ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne irratti,hixaa buufattan;jaalota teessanille gurguriisaaf gadhassiittan.
28«Amma ammoo, maganne'ee gara kiyya ilaala'a!Ani fuula keessan duratti dhara hin dubbadhaa?29Deebi'a'a; worra muraa dharaa muru hin te'ina'a;ammalle deebi'a'a;ani dhugaa irra jira.30Arraba kiyya irra dokonkorri hin jiraa?afaan kiyya waan hantuuaddaan baasuu hin dande'uu ree?