Kitaaba Iyoobii42gax_twf
1Achiin duuba Iyoob Mootii Waan Maraatiif deebisee,2«Ati waan mara godhuu akka dandeettu,karoora keetille ka gufachiisuakka hin jirre ani hin beeka.3Ati, ‹Beekkumsa maleekaroora kiyya ka dhossu eennu?› jetteerta.Dhugumaan ani waan hin hubatin,waan beekiisaaf guddoo maadee natti teete dubbadheera.4«Ati, ‹Na caqasi; ani hin dubbadha;ani si gaafadha,atille naaf deebis› jetteerta.5Ani marroo teeti dur gurra qofaan dhage'e;amma ammoo iluma tiyyaan si dhagge.6Tanaaf ani waan dubbadhetti fokkifadhee,buku'uu fi daadhaa irra te'eecubbuu tiyya irraa deebi'a» jedhe.