Kitaaba Iyoobii40gax_twf

1Ammalle Mootiin Waan Maraa Iyoobiin,2«Nami ana Waaqa waan mara dande'u morkeehin sirreessaa ree?Ka Waaqa moromu deebii kennuu ti» jedhe.

Iyoob

3Achiin duuba Iyoob deebisee Mootii Waan Maraatiin,4«Kunoo ani nami woy hin baane;afaan kiyya qabatiisa malee,maan si'iif deebisa ree?5Ani takkaa dubbadheera,waan deebisu hin qabu;lammeessoolle dubbadheera,haganaa achi itti hin dabalu» jedhe.6Achiin duuba Mootiin Waan Maraa hobonbolattii keessaa Iyoobitti dubbatee,7«Akka dhiiraa hidha keeti hidhadhu;ani si gaafadha;atille naaf deebis.
8«Ati anaayyuu dokonkora keessa galchitaa?Ati balchaa ifi godhiisaaf yakkaa natti murtaa?9Ati hunna akka hunna tiyyaa qaddaa?Qoonqoon teetille akka qoonqoo tiyyaa hin mandiitii?10Arnyaa fi guddinnaan ifi kuuladhu;ulfinnaa fi fudhatama dhaggatiisa uffadhu.11Worra kooru ilaaliitii qaanessi;aarii teetille isaan irratti dhangalaas.12Worra kooru duudii gad qabi;worra hamoota lafa isaan dhaabbatanetti butuchi.13Fuula isaan mariitiibiyya lafaa ta jalaatittimara isaaniituu wolumatti awwaali.14Achiin duuba akka ati hunnuma teetiin injifattu,anille dhugaa si'iif hin baya.
15«Roophii ta ani akkuma si dade, isiille dade ilaali;isiin akkuma qotiyyo'oo marra dheeddi.16Jabeenni isi'ii hidha isi'ii keessa,hunni isi'ii morgeya gadhaa isi'ii keessa jirti.17Eegeen isi'ii akka hindheensaa sooti'i;morgey miila isi'iille jaba'a.18Lafeen isi'ii akka uujjummee sageettu'uu ti;harkii fi miilli isi'ii akka ulee sibiilaa ti.19Isiin dada ani dade duudii keessaa ta qaraa ti;ana malee ka isii injifatu hin jiru.20Gaaroti bineensoti duudiin irra burraaqanu,marra isiin dheeddu baasaniif.21Isiin haxanxarii qore'ee jala ciittee,caffaa keessaodduu alladdu'uutitti dhokatti.22Haxanxariin qore'ee gaaddisa ifiitiin isii golliti;muki olaati'iille isii hin marsa.23Yennaa lagi guutee danbala'u hin sodaattu;lagi Yordaanosii guutulle hin rifattu.24Eennulle adoo ilti roophi'ii dhaggituu isii qabuu,yookiin malxaqqo'oon funnaan isi'ii uruu dande'a ree?