Iyyoob4gaz_bib

Eliifaaz

1Eliifaaz namichi Teemaan sun akkana jedhee deebise:2“Yoo namni tokko sitti dubbachuu yaale, ati ni komattaa?Garuu eenyutu dubbachuu dhiisa?3Ati akka nama baayʼee barsiifte,akka harka dadhabaa illee jajjabeessite yaadadhu.4Dubbiin kee warra gatantaran gargaaree dhaabeera;atis jilba laafe jabeessiteerta.5Amma garuu rakkinni sirra gaʼe; atis abdii kutatteerta;rakkinni si miidheera; atis rifatteerta;6Waaqa sodaachuun kee irkoo kee,qajeelinni karaa keetiis abdii kee mitii?
7“Ammas yaadadhu; namni qulqulluun takkumaa badee beekaa?Qajeelonni eessatti badanii beeku?8Akka ani hubadhetti warri waan hamaa qotatan,kanneen waan hamaa facaasanis isuma haammatu.9Isaanis hafuura Waaqni isaanitti baafatuun badu;hafuuraa dheekkamsa isaaniitiinis ni barbadeeffamu.10Leenci ni aada; ni gururiʼas;ilkaan leenca saafelaa garuu ni caccaba.11Leenci jabaan waan adamsu dhabee ni duʼa;ilmaan leenca dhaltuus ni bittinnaaʼu.
12“Dubbiin tokko icciitiidhaan naa fidame;gurri koos asaasa isaa dhagaʼe.13Abjuu halkanii sodaachisaa keessa,yommuu hirribni cimaan nama qabatutti,14sodaa fi hollachuun na qabateelafee koo hunda raase.15Hafuurri luffi jedhee fuula koo dura darbe;rifeensi dhagna koos kaʼee dhaabate.16Innis ni dhaabate;ani garuu inni maal akka taʼe hubachuu hin dandeenye.Fakkiin tokko ija koo dura dhaabate;anis sagalee tasgabbii kan akkana jedhu tokkon dhagaʼe:17‘Namni duʼa hin oolle, Waaqa caalaa qajeelaa taʼuu dandaʼaa?Namni Uumaa isaa caalaa qulqulluu taʼuu dandaʼaa?18Waaqni tajaajiltoota isaa hin amanatu;ergamoota isaas balleessaa isaaniitiin ni gaafata;19yoos warri manneen suphee keessa jiraatan,warri hundeen isaanii biyyoo taʼe,warri bilii caalaa burkutaaʼan immoo akkam haa taʼan ree?20Isaan ganamaa fi galgala gidduutti burkutaaʼu;tasumas bara baraan ni badu.21Akka isaan ogummaa malee duʼaniiffunyoon dunkaana isaanii hin luqqifamnee?’