Kitaaba Iyoobii39gax_twf
1«Yennaa godaan gaaraa dhalu beettaa?Gadansi dhaluun dhaggitee beettaa?2Ji'a meeqa rimeyaan turanee,yoom akka dhalanu hin beettaa?3Isaan quphananee dhalan;foolata ifii irralle'ee hin furatan.4Ilmeen isaanii baddaa keessatti guddattee jabaatti;bayanee deemaneen duuba,gara haadha ifii hin deebi'anu.5«Harreen diidaa gara feete akka deentuka lakkise eennu?Hidhaana irraa ka isii hiike eennu?6Ani lafa goomole'ee mana isaanii,dirree sooddaalleaddee isaan le'anu godhee kenneef.7Isaan qachaa hoga'aa irraa fagaatanee le'an;nami isaan leenjisee hujisiisulle hin jiru.8Isaan dheedaaf gaarotatti bobba'an;waan magariisa mara barbaadatan.9«Gafarsi si tajaajiliisaaf fedhii hin qabaataa?Moonaa teeti keessalle hin bulaa?10Gafarsa waanjoo itti hiiteemoofara harkisaa akka qotu godhuu dandeettaa?11Jabeenni isaa guddaa waan te'eefisatti hin addattaa?Hujii teeti ulfaattuu isatti hin lakkittaa?12Inni midhaan keeti wolitti qabeegara eeddummee teetii akka si'iif fidu hin addattaa?13«Guchiin gammadaan koola ifii hargufatti;koollii isi'ii ammoo akka koola qonga'aatii moti.14Guchiin quuphaa ifii lafatti buutti;biyyeen akka itti o'ituufille achumatti lakkitti.15Isiin miilli akka caccassu,bineensotille akka irra ijjatanu hin yaadattu.16Akka waan ta isi'ii hin te'inii,cuucuu ifiititti gadhaa jabaatti;eloon isi'ii baddulle hin qortu.17Ka qarummaa isii dhoogge,ka hubantiille isi'iif hin kennin ana Waaqa.18Yennaa rukkisiisa jalqaddufardaa fi abbaa fardaatitti hin kolliti.19«Iyoob, fardaaf jabeenna ka kenne si'ii?Yookiin morma isaatittigama dhedheeraa ka uffise si'ii?20Akka korophiisaa kuruphisaa fooqqisaaakka inni nama bararassu ka godhu si'ii?21Fardi jabeenna ifiititti addatiisaankotte'een lafa qotaa himimmisee,loliisaaf hin baya.22Inni soda'atti kolla; womaa hin sodaatu;shallaagaa irralle'ee duubatti hin deebi'u.23Eboon balaqqittuu fi marcaansubba daayaa woliincinaacha isaatitti bubbu'ee qilillisa.24Fardi hollatee worraaqatee xinniqa;yennaa tultullaan afuufamu hin sawwaanata.25Inni yennaa tultullaan afuufamu hin fooqqisa;dhaadata abbootii duulaa,hoga'aa fi lola fago'ottuu foolee fuudha.26«Cululleen qarummaa teetiin koolaan kaateegara kibbaatitti koola ifii badhifattii?27Risaan ajaja keetiin gubbaa irra ka'aa?Allaattiin ajaja keetiinmana ifii gaara irratti ijaarrattii?28Isiin rassaa ol ka'e irra le'aaachitti mana ijaarratti;rassaan sun kushee isi'ii ti.29Isiin achi jiraattee waan nyaattu dooyatti;ilti isi'iille fago'otti waan gaadattu dhaggiti.30Ilmeen isi'ii dhiiga xuuxatti;isiille addee raqi jirutti dhagganti» jedhe.