Iyyoob38gaz_bib

Waaqayyo Ni dubbata

1Kana irratti Waaqayyo bubbee jabaa keessaa Iyyoobitti dubbate. Akkana jedhes:2“Namni dubbii beekumsa maleedubbatamuun karoora koo dukkanneessu kun eenyu?3Mee akka gootaa mudhii kee hidhadhu;ani sin gaafadha;ati immoo deebii naa kenni.
4“Yeroo ani hundee lafaa kaaʼetti ati eessa turte?Yoo hubatte mee natti himi.5Eenyutu balʼina ishee murteesse? Dhugumaan ni beektaa?Eenyutu ulee safaraa ishee irra harkise?6Hundeen ishee maal irra dhaabame?Yookaan eenyutu dhagaa golee ishee dhaabe?7Kunis yeroo bakkalchoonni barii walii wajjin faarfatanitti,yeroo ilmaan Waaqayyoos ililchanitti ture.
8“Yeroo galaanni cabsee garaa lafaa keessaa baʼettieenyutu balbala itti cufee ittise?9Yeroo ani duumessoota uffata isaa godheedukkana guddaan maretti,10yeroo ani daangaa isaa dhaabeebalbalaa fi danqaraa hojjedheefitti,11anis, ‘Ati hamma asiitti dhufta; garuu darbuu hin dandeessu;dambaliin of jajuu keetii illee asumatti dhaabata!’ jedheen.
12“Ati bara jireenya keetii barraaqa ajajjeeyookaan barii obborootti iddoo isaa argisiiftee beektaa?13Akka inni handaara lafaa qabateenamoota hamoo achi keessaa hurgufu gooteertaa?14Lafti akka suphee chaappaa jala jiruutti bifa geeddaratti;bifti ishees akka bifa uffataatti mulʼata.15Hamoonni ifa isaanii dhowwatamaniiru;irreen isaanii inni ol kaʼes cabeera.
16“Ati gara burqaa galaanaa gad buuteeyookaan tuujuba bishaanii seentee hundee isaa irra deemtee beektaa?17Karri duʼaa sitti mulʼifameeraa?Karra gaaddidduu duʼaas argiteertaa?18Balʼina lafaa guddaa sana hubatteertaa?Yoo kana hunda beekte dubbadhu.
19“Karaan iddoo ifni jirutti nama geessu kami?Dukkannis eessa jiraata?20Iddoo isaaniitti isaan geessuu dandeessaa?Daandii lafa jireenya isaaniitti geessu beektaa?21Ati dhugumaan ni beekta; yeroo sana dhalatteertaatii!Ati bara hedduu jiraatteerta!
22“Mankuusa cabbii seentee yookaan mankuusadhagaa cabbii argiteertaa?23Kan ani yeroo rakkinaatiif,guyyaa waraanaa fi lolaatiif ol kaaʼadhe argiteertaa?24Karaan iddoo ifni itti bittinnaaʼuttiyookaan gara iddoo bubbeen baʼaa itti lafa irra faffacaʼuutti nama geessu kami?25Eenyutu lolaadhaaf boʼoo,bakakkaadhaaf immoo daandii baasee,26lafa namni tokko iyyuu keessa hin jiraanne,gammoojjii namni tokko iyyuu keessa hin jirre bishaan obaasuuf,27lafa namni keessa hin jiraannee fi lafa onaa quubseemargas itti biqilchu eenyu?28Roobni abbaa qabaa?Copha fixeensaa eenyutu dhalche?29Cabbiin garaa eenyuutii baʼa?Qorra samii eenyutu dhala?30Bishaanonni akka dhagaa jabaatu,fuulli tuujubaas akka cabbii taʼa.
31“Urjiiwwan babbareedoo Torbii jedhaman hidhuu ni dandeessaa?Yookaan hidhaa Urjii Sadee jedhamuu hiikuu ni dandeessaa?32Tuuta urjiiwwanii waqtiilee isaaniitti fiduuyookaan urjii Amaaketa jedhamu ilmaan isaa wajjin bobbaasuu ni dandeessaa?33Seera samiiwwanii beektaa?Bulchiinsa isaanii lafa irratti hundeessuu ni dandeessaa?
34“Ati sagalee kee gara duumessaatti ol fudhattee,lolaa bishaaniitiin of haguuguu ni dandeessaa?35Ati bakakkaa daandii isaa irra erguu ni dandeessaa?Innis, ‘Kunoo ani asan jira’ siin jedhaa?36Eenyutu yaada garaatiif ogummaayookaan sammuudhaaf hubannaa kenne?37Eenyutu duumessoota lakkaaʼuuf ogummaa qaba?Eenyutu okkotee bishaan samii38yeroo biyyoon jabaattutti,yeroo supheen wal qabattutti jalʼisuu dandaʼa?
39“Ati leenca dhalaadhaaf nyaata adamsiteesaafela leencaas beela baaftee40yeroo isaan manʼee isaanii keessatti riphanittiyookaan yeroo isaan daggala keessatti riphaniiwaa eeggatanitti beela ni baaftaa?41Eenyutu yeroo ilmaan ishee gara Waaqaatti iyyan,yeroo isaan nyaata dhabanii jooranitti,arraagessaaf nyaata kenna?