Kitaaba Iyoobii37gax_twf
1«Bokkeenni bubbe'ee sungadhaa kiyya hollachiisee, sheephisiise.2Qoonqoo isaa ta akka mandiisu'uu,gungunsuu afaan isaa keessaa baatulle caqasa'a.3Inni gubba'aan jala duudi'ittibalaqqeettii ifii haga qaccee lafaatitti gad lakkisa.4Achiin duuba harqiis qoonqoo isaa hin dhage'anti;inni qoonqoo ifii ta sodaachittuakka mandiisu'uu hin dhageessisa;yennaa qoonqoo ifii dhageessisubalaqqeettiille duubatti hin hamburu.5Waaqi qoonqoo ifii ta bilbaasaatiin hin mandi'a;waan gugurdoo hubantii teennaan olii hin huja.6Inni dhakaa bokkeyaatiin, ‹Lafa irratti bu'i›,tiifuu bokkeyaatille'een, ‹Bokkeya jabaa te'i› hin jedha.7Nami inni dade duudiin hujii isaa beekuuf,nami martinuu hujii ifii akka dhaabu hin godha.8Yennaa san bineensotigara goda ifii keessatti hin qubatan;mandhee ifii keessalle'etti dhokatan.9Hobonbolattiin gara kibbaatii hin dhutti;qilleensi boojji'ii gara kaabaatii dhufa.10Hafuurri Waaqaa dhakaa bokkeyaa fida;bisaan badhaalle ititee dhakaa bokkeyaa te'a.11Inni duumensi akka bisaan ba'atu hin godha;balaqqeettii ifiille duumensa keessaa balaqqisiisa.12Duumensi waan inni ajaje muummessiisaaf,qajeelcha isaatiin lafa duudii irraasii fi achi mara.13Waaqi namoota adabiisaaflafa ifii jiisiisaafyookiin jaalala ifii mudhisiisaaf bokkeya fida.14«Iyoob, tana dhage'i;me lakkisiitii hujii Waaqaa ta maade'eeyaadaan hubadhu.15Waaqi duumensa attam akka toowatubalaqqeettii duumensa ifiilleattam akka balaqqisiisu ati hin beettaa?16Duumensa gubba'atti ka rarraasuu fihujii maade'ee tanata Waaqa beekkumsa dhidhuu hin qannee hin beettaa?17Yennaa latti qilleensa gara kibbaatiin o'itee,ati ka woyaan teeti keessatti fuurtu,18ol-gubbaa akka daaw'itiisageettuu baqisiifante irraa hujantee jabaattu,yennaa Waaqi diriirsu ati isa qarqaaruu dandeettaa?19«Waan Waaqaan jennu nutti himi;nuuti womaa waan hin beenneefhaajaa keenna dhikeeffatiisa hin dandeennu.20Akka ani dubbatu'uu jirunami isatti himiisa barbaachisaa ree?Nami tana dubbatiisaaf yaadu dhuguma hin bada.21Qilleensi duumensa haxoweegubbaa irraa qulqulleesseen duuba,nami tokkolle aduu midhatee ilaaluu hin dande'u.22Inni ulfinna akka worqi'ii calalaquungara kaabaatiin hin dhufa;Waaqi arnya sodaachisa'aan hin dhufa.23Waaqi waan mara dande'u hubantii teennaan ol;hunnaan gudda'a;inni abbaa muraa dhuga'aatille'e.24Tanaaf nami marti isa sodaata;inni worra ifiin qaroo jedhu hin tuffata» jedhe.