Kitaaba Iyoobii36gax_twf
1Eliihuun ammalle ede'ee Iyoobiin,2«Ani ammalle marroo Waaqaatiifwaan dubbadhu waan qabuuf,diqqoo naa ossadhu.3Ani beekkumsa kiyya fagoo irraa hin fida;Waaqi na dade balchaa akka te'eani hin mudhisa.4Dhugumaan dubbiin tiyya dharaa moti;ani nami si woliin jirubeekkumsa dhidhinna hin qanne akka qabu beeki.5«Dhugumaan Waaqi hunnaamessa;Inni eennulle hin tuffatu;hunni hubantii isaa guddoo jaddu'u.6Inni worra hamaa jiru'uun hin leesisu;worra cunqurfameef ammoo haqa isaanii hin kenna.7Inni ila ifii balchoota irraa hin kaasu;mootota woliinbarcumaa mootumma'aa irra isaan hin teessisa;haga bara baraalle ol ol isaan hin qaba.8Namooti wodaroo sibiilaatiin yoo hidhamaneyookiin wodaroo rakkinnaatiin yoo qabamane,9balleessaa isaan koora ifiitiin hujaneinni isaanitti hima.10Qajeelfama akka dhage'anuufgurra isaanii hin bana;cubbuu ifii irralle'ee akka deebi'anuufisaan hin ajaja.11Isaan Waaqaaf ajajamanee isa yoo tajaajilanebara isaanii ka hafedurumma'aa fi gammadaan fixatan.12Isa dhage'uu yoo didane ammoo,shallaaga'aan hin badan;Waaqa beekiisa waan didaneef hin du'an.13«Worri Waaqa malee le'uaarii gadha'atti qabatan;yennaa inni isaan adabulleqarqaarsa dhaggatiisaaf hin daadimatanu.14Isaan dhiira Galma Waaqaa keessattiwol bukkoonsitu oddu'uttiijoollumma'aanuu du'an.15Waaqi worra rakkatanu rakkoo keessaa hin baasa;inni akka isaan rakkatanu godhaa isaan barsiisa.16«Inni ammalle farra hantuu keessaa,gara addee badhoo wol rakkisuun hin jiretti si baasa;qoriin teetille sagalee dansa'aan hin guutanti.17Amma ammoo muraan nama hama'aaf maltewaan sitti muranteef,adabbii si'iif malte fudhatiisatti jirta.18Eennulle durumma'aan akka si hin sonne,Safuu guddoolle'een akka hin sobanne ifi eegadhu.19Karri teeti yookiin jabeenni hunna teetiirakkinna hamaa keessaa si baasuu dande'anii ree?20Ati halkan kolbaan addee ifii irraa badduakka dhufu hin halchin.21Farriisaan irra hantuu hujiisa waan filatteef,gara hammeennaa akka hin deebine ifi eegadhu.22«Kunoo, Waaqi hunna ifiitiin ol ol jedheera;barsiisaan akka isaa eennu ree?23Waan Waaqi huju eentu itti himuu dande'a?yookiin eentu, ‹Ati dokonkorteerta› isaan jedha ree?24Hujii isaa ta nami faaru'uun leellifatuatille akka leellifattu yaadadhu.25Nami duudiin hujii isaa dhaggeera;nami martinuu fagoo irraa daaw'ata.26Dhugumaan Waaqi gudda'a;inni hubantii teennaan oli;laakkossi bara isaalle qorqoramuu hin dande'u.27«Bisaan lafa irraa ol fuudheegara copha bokkeyaa ka deebisu Waaqa.28Inni bokkeya duumensa keessaa gad hin roobisiisa;namoota irralle'etti hin danbalaasa.29Inni attam akka duumensa diriirsugalma guddaa ifii keessaa attam akka mandi'ueentu hubatuu dande'a ree?30Kunoo, Waaqi adaala ifiitittibalaqqeettii attam akka bittinneessuhundee abbaaya'aalle dukkanaan akka gollu ilaali.31Inni akka kanaan gosa biyya adda addaa bulcha;sagalee bacaalle isaaniif kenna.32Inni balaqqeettii harkatti qabateelafa itti murteessetti akka dhoottu hin ajaja.33Mandiisuun bokkeenni bubbe'ee akka dhufaaru beessitti;horiille dhufiisa isi'ii hin beekan.