Kitaaba Iyoobii34gax_twf

1Eliihuun ammalle dubbatee,2«Isin namoota qaro'o,dubbii tiyya dhage'a'a;isin worri beekkoleen na caqasa'a.3Akkuma arrabi mi'aa sagale'ee beekugurrille mi'aa dubbi'ii beeka.4Kowa'a waan sirrii te'e filanna;waan dansaalle woliin baranna.
5«Iyoob ifiin, ‹Ani yakkaa hin qabu;Waaqi ammoo haqa na dhooggate.6Ani adoo dhugaa irra jiruuakka dharaamessaa laakkowame;adoo yakkaa hin qabaatinmadaa hin fayyineen farriisatti jira› jedheera.7Nama attamiititti akka Iyoobiimurgoo akka bisaanii una ree?8Inni worra hantuu godhu woliin jaaloma;worra hamaaleyyii wolille'een oola.9Inni, ‹Waaqa gammachiisuunwomaa namaaf hin baatu› jedha.
10«Tanaaf isin worri hubattanu na caqasa'a!Hantuu godhiis Waaqa irraadokonkora hujiisilleWaaqa waan mara dande'u irraa fagaatuu ti.11Waaqi akka hujii namaatitti namaaf hin kaffala;akkuma ideensa isaatittiakka inni dhaggatu hin godha.12Waaqi waan mara dande'u hantuu hin huju;inni haqa hin dassu.13Lafa irratti eentu ajajaa isa godhe?Biyya lafaa duudii irrattieentu itti gaafatamaa isa godhe?14Waaqi ayyaana ifii deebisee yoo fudhate,hafuura ifiille gara ifii yoo deebifate,15sanyiin namaa duudiin adduma tokko baddeegara biyye'ee deebiti.
16«Nama hubatu yoo teete tana dhage'i;waan ani jedhulle caqasi.17Nami haqa jibbu bulchuu dande'aa ree?Ati Waaqa! Balchichaa fi hunnaamessattiyakkaa itti murtaa ree?18Mootichaan, ‹Ati woy hin baatu›,qondaaltotaan, ‹Isin worra hamaaleyyi'ii›ka jedhu eennu?19Isaan duudiin hujii harka isaa waan te'aneef,inni qondaaltotaaf hin rogu;dureessa hiyyeessa irra caalchisee hin ilaalu.20Namooti halkan wodhakkaa dedhuma du'uu dande'an;kolbaan raafantee dhumatti;worri hunnaameyyiinharki namaalle adoo isaan hin tuqin hin badan.
21«Ilti Waaqaa ideensa namaa ilaalti;inni tarkaaffii nama tokko tokkoolle hin dhagga.22Dimimmis yookiin dukkanti dimmiaddeen worri hantuu huju itti dhokatu hin jirtu.23Waaqi fuula isaa duratti mura'aaf akka dhikaatanubeellama hin qabatu.24Inni qorqortii malee hunnaameyyii baallii irraa kaasee,worra dhibii addee isaanii buusa.25Inni hujii isaanii mara waan beekuuf,halkan tokkotti baallii irraa isaan kaasee balleessa.26Inni addee nami duudiin dhagguttihammeenna isaaniitiif isaan adaba.27Sababa isaan isa hordofuu lakkisanee,isaaf ajajamuu dhabaneef inni tana godhe.28Iyyi worra hiyyeeyyi'iigara Waaqaa akka dhaxxu godhaneeran;Waaqille iyya isaanii dhage'eera.29Yoo inni cadhise ammooeentu isatti mura;yoo inni fuula ifii dhoffateeentu isa dhagguu dande'a ree?Inni nama irratti, gosa biyya adda addaa irralle'etti,30worra kolbaa gowwisiisanu keessaanama Waaqa malee jiraatu tokko mootii yoo godheeentu isa dhoogga ree?.
31«Nami tokko Waaqaan, ‹Ani yakkaamessa;ammoo deebi'ee hin yakku.32Waan ani hin dhaggine ati na barsiisi;yoo yakkee jiraadhe deebi'ee hin yakku› jedhe jiraa ree?.33Ati cubbuu irraa deebi'iisa didataartuunWaaqi akka yaada keetii deebisaa ree?San sittuu filata malee anaa moti;tanaaf waan beettu natti himi.
34«Worri hubatuu,worri qaroon na dhage'ulle anaan,35‹Iyoob beekkumsa malee dubbata;dubbiin isaalle ta gatii hin qanne› hin jedhan.36Deebiin Iyoobii ta akka worra hamootaa waan teeteefInni haga dhumaatittiqoramee adoo hin ilaallamuu!37Inni cubbuu ifii irratti finqila ede'a;inni odduu teenna tee'ee tuffi'iin harka dhowaadubbii moromaa ifii Waaqa irratti fakkansa» jedhe.