Kitaaba Iyoobii33gax_twf

1«Iyoob, ammalle waan jedhu dhage'i;dubbii tiyya duudiille caqasi.2Ani afaan kiyya saaqadhee,arrabi kiyya dubbatiisaaf qophoweera.3Dubbiin tiyyaqajeelummaa gadhaa kiyyaa irraa dhutti;arrabi kiyyalle dhugaa dubbata.4Ayyaanni Waaqaa na dade;hafuurri Waaqa waan mara dande'uujiruu naa kenne.5Yoo dandeette deebii naa kenni;waan dubbattu qopheeffadhuutiina dura dhaabbadhu.6Kunoo, ani Waaqa duratti akkuma keeti;nuuti lamaanuu faara irraa dadanne.7Na sodaatiis si hin bararassin;harki kiyyalle si hin cunqursu.
8«Dhuguma ani si dhage'aaruun dubbatteerta;jecha afaan keeti keessaa bayelle dhage'eera.9Ati yennaa dubbattu, ‹Ani qulqullu'u,cubbuulle hin qabu;ani qullu'u,yakkaalle hin qabu.10Waaqi na adabiisaaf sababa na irratti barbaada;akka diina ifiille na laakkowa.11Inni miila kiyya jirma odduu galchee,tarkaaffii tiyya duudii eega› jetta.
12«Waaqi nama duudii waan caaluuf,ani ammoo tana irrattiakka ati sirrii hin te'in sitti hima.13Ati, ‹Waaqi iyyata namaa hin dhage'u› jettee,maaf isa aalatta?14Nami hin hubatu malee,Waaqi karaa adda addaatiin dubbata.15Namooti taqee ifii irra rafaneeranuun,hirriibi hamaan isaan yennaa qabuWaaqi oojju'uun, mudhii halkaniitiin dubbata.16Yennaa san inni gurra isaaniititti hin dubbata;ifi eeggachiisiisalle'een isaan bararassa.17Akka kanaan hujii hantuu irraa isaan deebisa;akka hin koorrelle isaan eega.18Lubbuu isaanii boolla irraa,jiruu isaaniille badii shallaaga'aa irraa hin hambura.19Yookiin akka nami taqee ifii gubba'atti dhukkubaan,dhukkuba hamaa ka yennaa mara lafee isaa bocuunakka adabamu hin godha.20Maarre jiruun isaa waan nyaataa,gadhaan isaalle sagalee guddoo dansa'aayyuu hin diqata.21Foon isaa dhumatee,lafeen isaa ta dur hin mudhanne yaatee mudhatti.22Lubbuun isaa gara boollaatittijiruun isaa gara ergantoota du'aa dhikaatteerti.
23«Karaa sirri'ii ka namaaf mudhisanu,ergantoota Waaqaa kuma keessaa tokkochigara isaa dhufee isa hin qarqaara fa'a te'a.24Ergamaan Waaqaalle isaaf mararee,‹Ani wodoo isaaf dhaggeera;akka inni gara boollaa gad hin buune godhi› jedhee du'a ajaja.25Achiin duuba nafi isaa deebi'eeakka nafa ijoolle'ee haareffama;akka yennaa dargaggumma'aalle te'a.26Inni Waaqa daadimata;daadimata isaalle Waaqi hin dhage'a.Inni fuula Waaqaa dhaggee hin ilillisa;Waaqille gara addee balchummaa isaatittiisa hin deebisa.27Innille namoota duratti faarfataa,‹Ani cubbuu hujeera;waan sirrii te'e daddasseera;Waaqi ammoo yakkaa tiyya natti hin laakkonne.28Inni lubbuun tiyya gara boolla awwaalaa akka hin buune wodeera;jiruun tiyyalle ifa hin dhaggiti› jedha.
29«Kunoo, Waaqi deddeebiseetana mara namaaf hin godha.30Inni ifa jiru'uu akka dhagguuflubbuu namaa deebisee boolla keessaa hin baasa.
31«Iyoob, waan ani sitti himu akka dansaa caqasi;ani hin dubbadha, ati cadhis.32Waan jettu yoo qabaatte naa deebis,ani waan bilisa si baasuuf dubbadhu.33Yoo waan jettu hin qabaatin,cadhisii na caqasi;anille qarummaa si barsiisa» jedhe.