Kitaaba Iyoobii32gax_twf

Eliihuun Jaalota Iyoobii Xixe

1Iyoob, «Ani nama balcha'a» waan ifiin jedheef, jarri tun sadiin deebii isaaf deebisuu lakkisane.2Eliihuun ilmi Baaraakelii Buzichaa ka maatii Raamii te'e, sababa Iyoob Waaqa caalaa ifi balchoonseef guddoo aare.3Jaaloti Iyoobii sadiin deebii quussitu Iyoobiif waan hin deebisiiniif, deebiin isaanii tun akka Waaqi dokonkora hujeeru waan gooteef, Eliihuun isaan irralle'etti aare.4Isaan duudiin angafoota isaa waan te'aneef, haga isaan dubbatanee fixatanutti, Eliihuun Iyoobitti dubbatiisaaf eegateeyyu.5Afaan jara sadiinii tana keessa deebiin akka hin jirre yennaa dhagge, Eliihuun aare.6Maarre Eliihuun ilmi Baaraakelii Buzichaa deebisee,«Ani ijoolle'e;isin nama gugurda'a;tanaaf sodaadhee waan beeku himiisaaf isinitti hin gamne.7Ani, ‹Nami gugurdaan qara dubbatuu ti;qarummaa bara heddu'utti dhaggatane barsiisanuu ti› jedhe.8Ammoo ka nama keessa bulee hubantii namaaf kennuayyaana Waaqa waan mara dande'uu ti.9Qarummaan guddatane'eefii moti;waan sirrii te'e hubatiisille dulloomane'eefii moti.
10«Tanaaf na caqasa'a;anille waan beeku isinitti hima.11Kunoo, ani haga isin dubbatanee fixxanu eegadhe;jechoota filataa yennaa dubbattanumiidhassee caqase.12Ani akka dansaa isin caqase;ammoo isin keessaa nami tokkolleballeessaa Iyoobii mirkaneesseedubbii isaatiif deebii ka kenne hin jiru.13Isin, ‹Nuuti qarummaa dhagganneerra;ka Iyoobiif deebii kennuWaaqa malee namaa moti› hin jedhina'a.14Iyoob isin morme malee na hin mormine;anille moromaa akka keessaniitiin isaaf hin deebisu.
15«Isaan rifatanee waan deebisanu dhabaneedubbiin isaan duraa badde.16Kunoo, sababa isaan hin dubbanneef,waan isaan deebii deebisanu dhabanee dhaabbataneefani isaan eeguu qabaa ree?17Anille deebii tiyya hin deebisa;waan beekulle hin mudhisa.18Ani waan dubbadhu hedduu waan qabuuf,cadhisuu hin dande'u.19Keessi kiyya daadhii woyni'ii ta cuqqaalantee,akka qalqalluu daadhii woyni'ii haareyaaka dho'iisa geyee ti.20Akka furadhuuf dubbatuu qaba;afaan kiyya banadhee deebii kennuu qaba.21Ani nama tokkoofille hin rogu;nama tokkolle hin kukuulu.22Ani nama kukuuliisa waan hin beenneef,silaa ka na dade dafee na balleessaayyu.