Kitaaba Iyoobii31gax_twf

1«Ani ila halcha'aatiin gara durraa akka hin ilaalleila tiyya woliin gondooroo gondooradheera.2Gubbaa irraa Waaqa biraa qoodi namaa maan?Ka waan mara dande'u ka addee oli aantuu jiru biraadhaalli namaa maan?3Balaan worra hama'aafbadiin worra dokonkora hujuufii motii ree?4Waaqi karaa kiyya hin dhagguu ree?Tarkaaffii tiyya duudiille hin laakkowuu ree?
5«Sobaan yoo deemee jiraadhemiilli kiyya sobiisaaf yoo ariifatee jiraate,6akka ani komii hin qanne akka beekuWaaqi kiiloo sirri'iitiin na madaaluu ti.7Faanti tiyya karaa irraa yoo gortee jiraattegadhaan kiyya waan ilti tiyya dhaggiteeyoo hordofee jiraateharki kiyyalle cubbu'uun yoo battowee jiraate,8waan ani facaase nami dhibiin nyaatuu ti;midhaan kiyya duudiille buqqa'ee baduu ti.
9«Gadhaan kiyya dubarti'iin sossobamee,balbala ollaa kiyyaa duratti ripheehaadha manaa isaa eegadhee yoo jiraadhe,10haati manaa tiyyanama dhibi'iif midhaan daattuu ti;nami dhibiille isii woliin rafuu ti.11Wonni kun yakkaa guddooseera duratti adabbii namatti fiddu.12Cubbuun tun akka ibiddaa guddee balleessiti;ani adoo tana godhee jiraadhekarra tiyya mara hin balleessitiiyyu.
13«Tajaajiltooti tiyya ta dhiiraatii fi ta durraanatti iyyatanuun,iyyata isaanii dhage'iisa yoo dhabee jiraadhe,14yennaa Waaqi mura'aaf ka'uani maan godhu'uu jira ree?Yennaa inni na gaafatuani maan deebisu'uu jira ree?15Gadaamessa haadha tiyyaa keessatti na dadee,tajaajiltoota tiyyalle ka dade isaa motii ree?Nu mara gadaamessa keessatti ka dadeisumaa motii ree?
16«Waan Hiyyeeyyiin halchiteijjumaa dhooggadhee hin beeku;haadhotii hiyyeessaalle jajjabeessiisa hin lakkinne.17Ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne beelottuunsagalee tiyya qofi hin nyaanne.18Ammoo dargaggummaa tiyyaa jalqabeeakka abba'aa isaaniif te'eera;bara jiruu tiyyaa marahaadhotii hiyyeessaa qarqaareera.19Nama daare tokkoyookiin hiyyeessa qullaa jiru tokko dhaggee,20woyaa rifeensa hoolee tiyyaa irraa hujante,itti uffiseeruun o'ifateeyennaan inni na hin eebbisin hin jirtu.21Kora mura'aa durattifudhatama dhaggatiisa kiyya beekeeijoollee hadhaa fi abbaa hin qanneyoo miidhee jiraadhe,22harki kiyya gurmuu tiyya irra buqqa'u;mitikaan harka kiyyaalle caccabu.23Badii Waaqi na irratti fidu waan sodaadheef,sodaachisuu arnya isaa irraa ta kaatewaan akkasii godhuu hin dandeenne.
24«Ani worqi'itti addii godhadhee hin beeku;yookiin worqii qulluulle'etti hin addanne.25Karri tiyya guddoo waan teeteef,yookiin durummaan tiyya waan bacatteefgammadee yoo jiraadhe,26ifa adu'uu, yookiin ji'a ulfinnaan deemuilaalee yoo jiraadhe,27gadhaan kiyya dhossa'aan sobamee,ifa adu'uutii fi dansummaa ji'aatiifharka kiyya sunqatiisaanisaan waaqonfadhee yoo jiraadhe,28ani Waaqa ol-aana'aaf addatamuu waan dhabeef,tun cubbuu du'a namatti mursiittu.
29«Ani badii worra na jibbuutitti hin ilillinne;hantuun yennaa isaan dhaqqaddelleani hin gammanne.30Jiruun diina kiyyaa akka baddu abaaree,afaan kiyya cubbuu akka dubbatu hin goone.31Nami mana kiyyaa‹Sagalee isaa nyaatee ka hin quufin eentu jira?›jedhan.32Ani worra karaa deemuufbalbala tiyya waan baneefkeessummaan karaa keessa hin bulle.33Ani yakkaa tiyya gadhaa kiyya keessatti dhoffadhee,akka worra dhibi'ii cubbuu tiyya hin gollanne.34Kolbaa bindillaa sodaatiisaantuffiin maati'ii na bararassiteemana keessaa adoo hin bayincadhisee mana keessa hin teenne.
35«Maalo'o, nama naa dhage'u adoo qabaadhe!Akka dhugaa dubbadhe mudhisiisaafmallattoon tiyya kunoo ti.Waaqi waan mara dande'u naaf deebisuu ti;Ka na himatu himata ifii tarre'een barreeffateeadoo hin dhikeeffatuu!36Silaa ani dhugumaan himata sangurmuu tiyya irratti hin kaafadhaayyu;akka kallachaalle mataa kiyya irratti hin keyadhaayyu.37Ani laakkossa tarkaaffii tiyyaa duudii isatti hima;akka sooressa guddaa tokkoolle isatti dhikaadha.
38«Worra lafa qabu cunqurseelafa isaaniille hunnaan fudhadhee qotee yoo jiraadhe,39midhaan isaanii kaffaltii malee nyaadhee,akka isaan du'anu godhee yoo jiraadhe,40lafa san irratti addee qamadi'ii qoreenaddee garbu'uu jigidaan ajowu latuu ti» jedhe.Dubbiin Iyoobii as irratti dhumatte.