Kitaaba Iyoobii30gax_twf
1«Amma ammoo worri gannaan anaa gadii natti murga;ani abbootii isaanii saree tika hoolee tiyyaa eeddu woliinuuakka hin teenneef ta tuffadheeru.2Hunni isaanii waan dhumatteertuufmaan naa bayan?3Dhabaa fi beela irraa ta kaategoomolee nami keessa hin leenelafa godduu keessa halkaniin daaqane.4Isaan baala goomole'ee ka kuraawu guuratane;hidda muka hadhowuulle nyaatane.5Isaan kolbaa keessaa ari'amane;akkuma hattu'utti iyyanu namooti isaanitti iyyane.6Goda bowwaa keessaarassaa oddu'uu fi boolla lafa jalaa keessale'iis dirqama itti teete.7Isaan odduu tuse'eetii akka harre'ee baroodane;badda jalalle'etti wolitti qabamane.8Isaan worra bu'aa hin qanne, ka maqaa badeelafa irraa ari'ame.9«Isaan sirbaan natti murgan;odduu isaaniitille'etti ka mammaassaa te'eera.10Isaan na jibbanee na irraa fagaatan;itti qaanii malee fuula kiyyatti tufan.11Waaqi hunna tiyya laaffiseewaan gad na qabeef,akka farda bixaalli irraa bu'eewaan fedhane na godhane.12Gara midda kiyyaatiin worri nama jeequ ka'e;isaan miila kiyyaaf tiyyoo afaneebadii naaf qopheessane.13Isaan karaa natti cufaneena balleessiisa barbaadan;nami na qarqaarulle hin jiru.14Isaan akka lola'aa dalleya kiyya uranee seenane;waan mara caccassaa natti dhufane.15Ani guddoo sodaadheera;ulfinni kiyya akka waan qilleensi fudhateetittina irraa haxowameera;fayyinni kiyya akka duumensaa dabareera.16«Amma lubbuun tiyya na keessaa bayaarti;guyyooti farraalle na qabataneeran.17Halkan lafeen tiyya na bocci;dhukkubiin na boccu foora naa hin kennitu.18Waaqi hunna ifii guddo'oonwoyaa tiyya shuntuurachiiseera;akka woyaa morma dhipho'oo na hudheera.19Waaqi dhoqqee keessatti na gate;anille akka buku'uutii fi daadha'a te'e.20«Ee Waaqa, ani si waammadhe,ati ammoo naaf hin deebinne.Ani dhaabbadhee gara keeti daadimadhe;ati ammoo cadhittee na ilaalte.21Ati gadhaa natti jabaatteehunna teeti guddo'oon na miite.22Ati ol na fuutee qilleensa irra teessitte;bubbee keessa asii fi achi na hafarsite.23Gara du'aaaddee worri jiru duudiin du'ee itti galuttiakka ati na geessitu ani hin beeka.24«Ani akka mana jigee ti;eentu deebisee na ijaara ree?Adoo ani ijjumaa jigee hin badinWaaqi deebisee na hin ijaaruu ree?25Ani worra rakkateef hin boonnee ree?Worra hiyyeeyyi'iifille hin gaddinee ree?26Yennaa ani waan dansaa barbaaduwonni hantuun natti dhutte.Yennaa ani ifa eegadhulledukkanti natti dhutte.27Keessi kiyya raafamee nageya dhabe;guyyuma guyya'aan rakkadhe.28Nafi adu'uun adoo hin te'ingaddaan gurraachowee deema;yaa'ii keessatti dhaabbadheeqarqaarsaaf iyya.29Ani namaan adda bayee jeedalaaf obboleessaguchi'iif jaala te'eera.30Gogaan nafa kiyyaa gurraachowee solloqqoye;lafeen tiyyalle o'aan gubatte.31Kiraarri kiyya guddichi bowaafsuusulleen tiyyalle worwaanataaf teete.