Kitaaba Iyoobii3gax_twf

Iyoob Guyyaa Itti Dhalate Abaare

1Tanaan duuba Iyoob dubbatiisa jalqabe; inni guyyaa itti dhalate abaaree,2«Halkan ani itti dadame,guyyaan ani itti dhaladhelleka abaarame te'uu ti!4Guyyaan sun gara dukkanaa jijjiiramuu ti.Waaqi ol-gubba'aa isa hin yaadatin;ifille isa irratti hin ifin.5Dimimmisaa fi dukkanti dimmi,‹Ati keenna› isaan jedhanuu ti.Duumensi isa irratti bu'ee,dukkanti ifa isaa gollituu ti.6Halkan san dukkanti dimmi gollituu ti;guyyoota wogga'aa keessatti hin laakkowamin;laakkossa ji'aalle'etti hin galin.7Halkan sun maseena te'uu ti;ililleettiille hin dhage'amin.8Worri guyyaa abaaru,bineensa naacha fakkaatuka, ‹Lewaataan› jedhamu kakkaasiisaaf qophowellehalkan san abaaruu ti.9Bakkalchi bari'ii ka halkan sanii dukkanoottuu ti.Halkan sun addi'iin ifa eegatuu ti,ammoo hin dhaggatin;boruulle hin dayya'iniif.10Guyyaan sun rakkinna ila tiyya duraa dhossiisaaf,balbala gadaamessa haadha tiyyaa,waan hin cufiniif ka abaarame te'uu ti.
11«Ani maaf gadaamessa haadha tiyyaa keessatti hin du'in?Gadaamessa keessaa yennaa bayellemaaf hin badin?12Haati tiyya maaf gudeeda ifii irra keyatte?Harma ifiille maaf na hoositte?13Sila amma nageyaan irkadhee,rafee hin foorfadhaayyu.14Moototaa fi gorsitoota lafaaworra addee ifiif ijaarrataneeisaan duraa diigante woliin,15sooreyyii gugurdoo worra worqi'ii fi meeti'iinmana ifii guutatane woliin sila hin foorfadhaayyu.16Yookiin ani maafakka finna du'ee dhalatee awwaalamee,ka ijjumaa ifa hin dhagginii hin te'in?17Awwaala keessatti worri hamaanhammeenna ifii hin lakkisa;ka dadhabanelle achitti hin foorfatan.18Worri booji'ameachitti nageya dhaggatan;qoonqoo worra hunnaan isaan hujisiisuulle hin dhage'anu.
19«Worri didiqqa'aa fi gugurdaanaddee takka'atti dhaggaman.Garbootille goottota ifii jalaaachitti bilisa hin bayan.20Worra rakkoo hantuu keessa jiruuf ifi,worra le'iin itti hadhootteefjiruun maaf kennanti?21Worra du'a halchee,ka karra dhoffante qotee barbaadu caalaaka du'a barbaaduufjiruun maaf kennantii?22Worra awwaala bira yennaa gewu ilillisuufjiruun maaf kennanti?23Nama karaan duraa dhoffameef,ka Waaqi karaa itti cufeef,ifi maaf kennamaaf?24Gaddi kiyya akkuma sagale'ee naaf dhufa;aadiis kiyya akkuma bisaanii dhangala'a.25Wonni ani sodaadhe natti dhutte;wonni na naasiselle na irratti te'e.26Ani raafama maleenageyaa hin qabu, miira hin qabu,fooralle hin qabu» jedhe.