Kitaaba Iyoobii29gax_twf

Dubbii Iyoobii Ta Dhumarraa

1Iyoob ammalle dubbatee,2«Le'iin tiyya ta ammaata akka yennaa Waaqi dur na eegeeadoo teete ani attam fedhaayyu!3Yennaa ifi isaa mataa kiyya irratti ife,dukkana keessa ani ifa isaatiin ideeme.4Yennaa bara qananummaa tiyyaayennaa eeddoon Waaqaadunkaana tiyya irra jirtu,5yennaa Waaqi waan mara dande'u na woliin jiru,yennaa ijoolleen tiyya na marsiteertu,6yennaa ani aananiin miila kiyya dhiqadhe,yennaa rassaan zayitii ejersaa naaf madde,7yennaa ani gara seensuma karra qacha'aa dhaqe,yennaa ani addee wolgeyi'ii san tee'e,8dargaggooti na dhagganee karaa irraa gorane;jaarsoleelle kaatee dhaabbatte.9Sooreyyiin kolba'aalle dubbatuu lakkittee,afaan qabatte.10Qoonqoon qondaaltotaa cadhittee,arrabi isaaniille laagadaa isaaniititti maxxane.11Ka na dhage'e duudiin na jaje;ka na dhaggelle duudiin na galateeffate.12Sababille ani worra hiyyeeyyii iyyu,rakkoo jalaa baasee,ijoollee abba'aa fi haadha hin qannelle qarqaareera.13Worri du'iisaaf dhikaate na eebbiseera;qarqaarsi ani godhe,gadhaa haadhotii hiyyeessaa gammachiiseera.14Ani balchummaa akka woya'aa uffadhe;muraa dhuga'aalle akka geella'aa uffadhee,akka marata mata'aalle maradhe.15Ani worra balla'aaf ila,worra naafafille miila te'eeraayyu.16Ani hiyyeeyyi'iif akka abba'aa te'ee,alaga'aafille wobii te'eeraayyu.17Ani a'oo nama hama'aa cassee,waan inni butatelle afaan isaa irraa buuseera.
18«Achiin duuba ani,‹Barri kiyya akka maansaa bacatee,manuma kiyya keessatti hin du'a.19Ani akka muka hidda gara bisaanii yaafatee,halkan guutuulle fixeensi damee isaa irra jiruu ti.20Ulfinni kiyya yennaa mara haareya te'ee hin jiraata;Hunni tiyyalle yennaa mara guubee haareya› jedhe.
21«Namooti miidhassanee na caqasane;gorsa kiyyalle dhage'iisaaf cadhisane.22Ani dubbadheen duuba,isaan deebi'anee hin dubbanne;dubbiin tiyya gurra isaaniititti coxxe.23Isaan akka nama bokkeya eegatuu na eegatane;akka nama bokkeya furmaataa eegatuuafaan ifii bananee dubbii tiyya eegatan.24Yennaa isaan ifi addii dhabaneani isaanitti seeqadhe;ifi fuula kiyyaalle isaan jajjabeesse.25Ani karaa isaaniif fileebulchaa isaaniif te'e.Akka mooticha loltoota ifii odduu le'uu,odduu isaanii le'e.Akka nama worra gadde jajjabeessuu,isaan jajjabeesse.