Iyyoob28gaz_bib
1Dhugumaan iddoon meetiin keessaa qotamu,lafti warqeen itti baafamee qulqulleeffamu jira.2Sibiilli lafa keessaa baafama;sibiilli diimaan immoo dhagaa albuudaa irraa baqfama.3Namni hamma dhuma dukkanaatti deema;moggaa akka malee fagoo dhaqees,dukkana hamaa keessa dhagaa albuudaa barbaada.4Inni lafa namoonni jiraatan irraa fagaateeiddoo miilli namaa ejjetee hin beeknetti boolla qota;namoota irraa fagaatee ni rarraʼa; asii fi achis ni raafama.5Lafa irraa garuu nyaatatu argama;jala isheetiin immoo akka waan ibidda taateetti geeddaramti;6dhagaan isaa burqaa sanpeerii ti;biyyoon isaas warqee qaba.7Allaattiin tokko iyyuu karaa dhokfame sana hin beeku;iji culullees karaa sana hin argine.8Bineensonni sodaachisoon irra hin ejjenne;leencis karaa sana hin darbine.9Harki namaa dhagaa jabaa cabsa;hundee tulluuwwanii immoo ni gaggaragalcha.10Inni kattaa keessaan karaa baasa;iji isaas waan gatii guddaa hunda arga.11Madda lageenii ni sakattaʼa;waan dhokfames ifatti ni baasa.12Ogummaan garuu eessaa argamti?Hubannaanis eessa jiraata?13Namni gatii isaa hin beeku;inni biyya jiraattotaa keessatti hin argamu.14Tujubni, “Inni na keessa hin jiru” jedha;galaannis, “Inni na bira hin jiru” jedha.15Warqeen qulqulluun isa bituu hin dandaʼu;gatiin isaas meetiidhaan hin madaalamu.16Warqee Oofiiriitti, dhagaa gatii guddaa sardooniksiittiyookaan sanpeeriitti hin tilmaamamu.17Warqee fi dhagaan akka bilillee calaqqisu ittiin hin qixxaatu;inni faaya warqee qulqulluutiin hin geeddaramu.18Elellaanii fi dooqni akka waan gatii qabaniitti hin hedaman;gatiin ogummaa lula diimaa caala.19Tophaaziyooniin Itoophiyaa itti qixxaatu;warqee qulqulluudhaanis bitamuu hin dandaʼu.20Yoos ogummaan eessaa dhufti ree?Hubannaanis eessa jiraatti?21Isheen ija uumama hundaa jalaa dhokatteerti;simbirroota samii jalaas baddeerti.22Badiisnii fi Duuti, “Nu oduu ishee qofagurra keenyaan dhageenye” jedhu.23Waaqa qofatu daandii gara ishee geessu hubatee,lafa inni jiraatus beeka;24inni handaara lafaa ni ilaala;waan samii jala jiru hunda ni argaatii.25Inni yommuu bubbeedhaaf humna kenneebishaanota safaretti,26yommuu bokkaadhaaf seera dhaabeebakakkaaf immoo daandii baasetti,27inni ogummaa ilaalee madaale;jabeessee dhaabee ishee qorate.28Ergasii ilmaan namaatiin,“Gooftaa sodaachuun ogummaa;waan hamaa irraa fagaachuunis hubannaa dha” jedhe.