Kitaaba Iyoobii28gax_twf

Wolaloo Marroo Qarumma'aa

1«Dhuguma boolli meetii keessaa qotanee baasanu,addeen worqii itti baqsiisanu jirti.2Sibiilli lafa keessaa dhaggama;sibiilli diimaalle biyyee albuudaa keessaabaqisiifamee dhaggama.3Namooti qilee lafaa keessa seenaneedukkana dimmaa keessa lixaneebiyyee albuudaa barbaadan.4Isaan lafa nami le'u irraa fagaatanee,addee miilli namaa ijjattee hin beenne geyan.Achitti boolla qilee qotaneewodaroo irratti rarra'aanama irraa fagaatanee qofuu ifii hujan.5Latti midhaan sagalee te'u baattu,keessi isi'ii ammoo ibiddaan baqee garagaggala.6Rassaa isi'ii keessaadhakaan gatii guddo'ooka ‹Safiiros› jedhamu dhaggama;biyyee isi'ii keessalle'ee worqiin hin dhagganti.7Karaa gara albuudaa geessu san risaan hin beeku;ilti jajju'uulle hin dhaggine.8Bineensi hamaan addee san hin ijjanne;neenqille karaa san hin dabarre.9Harki nama albuuda qotuurassaa jabaa hin caccassa;gaarotalle hundee irraa garaggaggalcha.10Isaan rassaa dhoosanee karaa hin baasan;ilti isaaniille waan gatii guddo'oo hin dhaggiti.11Madda lagaa hin kiphan;waan lafa keessatti dhokatelle ifatti hin baasan.
12«Ammoo qarummaan eessatti dhagganti?Addeen hubanti'ii eessa jirti?13Qarummaan lafa nami le'u keessatti hin dhaggantu;namille gatii isi'ii hin beeku.14Qileen abbaaya'aa,‹Qarummaan na keessa hin jirtu› jetti;abbaayaalle, ‹Qarummaan na bira hin jirtu› jetti.15Qarummaan worqii qullu'uun hin bitantu;gatiin isi'iille meeti'iin hin madaalantu.16Gatiin isi'ii worqii gatii guddo'ootiin,dhakaa ‹Sardoniikis › jedhamuunyookiin dhakaa, ‹Safiiros› jedhamuun wol hin qixxawu.17Worqi'ii fi daaw'itiille'eenwol hin qixxoottu.Dooqa worqii qullu'uulle'eenhin jijjiirantu.18Gatiin qarumma'aa dooqa gatii guddo'ootii fidhakaa gatii gudda'ootiin wol hin qixxoottu;elellaan diintuulle caalti.19Qarummaan dhakaa gatii guddo'oo ka Itoophiya'aa ,ka ‹Xophaaziyon› jedhamuun wol hin qixxoottu;worqii qulluu gatii guddo'oolle'een wol hin qixxoottu.
20«Eegasuu qarummaan eessaa dhutti ree?Addeen hubantiin jirtu eessa ree?21Isiin ila dada maraa duraa dhokatteerti;sinbirrootaayyuu dhokatteerti.22Badi'ii fi duuti,‹Nuuti oduu isi'ii qofagurra keennaan dhageenne› jedhan.23Waaqi karaa gara qarumma'aa geessu hin hubata;addee isiin jirtulle isa qofattuu beeka.24Inni qaccee lafaa duudii waan dhagguuf,waan ol-gubba'aan jala jiru mara dhagga.25Waaqi yennaa qilleensaaf hunna kenne,haga bisaaniille yennaa mike ,26Bokkeyaaf seera,balaqqeetti'iifille karaa yennaa baase,27achiin duuba qarummaa ilaalee,gatii isi'ii murteesse;inni isii qorqoree jabeessee isii dhaabe.28Achiin duuba inni namaan,‹Kunoo, Mootii Waan Maraa sodaatiis qarumma'a;waan hantuu irraa goriisille hubanti'i› jedhe» jedhe.