Kitaaba Iyoobii27gax_twf

Iyoob

1Ammalle Iyoob dabalee,2«Dhugaa Waaqa jiraataa waan mara dande'uuka haqa kiyya na dhooggatee,jiruu tiyya natti hadheessee,3haga lubbu'uun jiruhafuurri Waaqi na keessa keye haga na keessa jiru,4hantuun afaan kiyya keessaa hin baatu;arrabi kiyyalle soba hin dubbatu.5Ani ijjumaa isiniin sirri'i hin jedhu;haga du'a tiyyaatitti yakkaa malee le'uu irraa hin goru.6Balchummaa tiyyatti hin jabaadha'a;gad hin lakkisulle'e;bara le'ii tiyyaawodanaan kiyya waan kanatti hin gaabbu.
7«Diinni kiyya akka worra hama'aa,worri na mormuakka worra balchaa hin te'inii te'uu ti.8Yennaa Waaqi isaan balleessuyennaa inni lubbuu isaan keessaa baasuaddiin worra Waaqa malee le'uumaan te'itti laati?9Yennaa rakkinni isaanitti dhufuWaaqi iyya isaanii hin dhage'aa ree?10Isaan Waaqa waan mara dande'uttihin gammadanii ree?Yennaa mara Waaqa hin waammatanii ree?
11«Ani marroo hunna Waaqaa isin barsiisa;karoora Waaqa waan mara dande'uulleani isin hin dhossu.12Isin martinuu tana dhaggitaneertan;eegasuu waan bu'aa hin qanne maaf dubbattan ree?13Qoodi nami hamaanWaaqa irraa dhaggatu,dhaalli nami nama cunqursuWaaqa waan mara dande'u irraa fudhatu,ka asii gad jiru:14Ijoolleen isaa yoo heddattelleshallaaga'aan dhumatti;sanyiin isaalle sagalee quuttee nyaattu hin qabaattu.15Worri baraareen hafe dhukkubaan dhumata;haadhotiin hiyyeessaa isaaniilleisaaniif hin boottu.16Worri hamaan meetii akka biyye'ee tuulee,woyaalle akkuma faara biyye'eewol irra naquu dande'a fa'a.17Waan isaan tuulatane san ammoo,worra balcha'attuu uffata;worri yakkaa hin qannelle meetii hin qoqoodaman.18Manni isaan ijaaranu akka mana saaphuphu'uutii fiakka gosee nama midhaan eeguu ti.19Worri hamaan dureessa te'ee hin rafa,ammoo itti hin deebi'anu;yennaa isaan dammaqanu,karri isaanii marti baddeerti.20Bararaqi akka lola'aa isaan irra yaa'a;halkan hobonbolattiin isaan fudhattee deenti.21Qilleensi gara aduun baatuuisaan fuudhee deema;isaanille hin dhaggamanu;addee isaanii irraa haxowee isaan balleessa.22Isaan hunna qilleensa sanii jalaa bayiisaaf wodhaananulle,marartii malee bira itti dabara.23Qilleensi isaan irratti harka dhoweeaddee jiru irralle'ee isaanitti siissa .