Iyyoob
26
/
gaz_bib
Iyyoob
1
Iyyoob akkana jedhee deebise:
2
“Ati nama humna hin qabne hammam gargaarte!
Irree laafes hammam jajjabeessite!
3
Nama ogummaa hin qabneef gorsa akkamii kennite!
Beekumsa guddaa akkamiis argisiifte!
4
Akka ati dubbii kana dubbattuuf eenyutu si gargaare?
Hafuura eenyuutu afaan kee keessaa dubbate?
5
“Warri duʼan, warri bishaanii gadiitii fi
kanneen bishaan keessa jiraatan hundii ni hollatu.
6
Duuti fuula Waaqaa duratti qullaa jira;
badiisnis waan isa dhoksu hin qabu.
7
Waaqni iddoo duwwaa irra samii kaabaa diriirsa;
lafas iddoo duwwaa irratti rarraasa.
8
Inni duumessa isaatiin bishaanota hidhee qaba;
duumessi sunis bishaanota jalatti hin dhoʼu.
9
Inni duumessoota isaa itti uffisuudhaan
fuula jiʼaa ni haguuga.
10
Inni fuula bishaanotaa irratti,
ifaa fi dukkana gidduu daarii dhaabe.
11
Utubaawwan samii ni hollatu;
dheekkamsa isaatiinis ni rifatu.
12
Inni humna isaatiin galaana ni raasa;
ogummaa isaatiinis Raʼaabin ni ciccira.
13
Hafuura baafatuun samiiwwan qulqulleesse;
harki isaas bofa shawwisaa waraane.
14
Wantoonni kunneen hojii isaa keessaa qarqaruma qofa;
hasaasni nu waaʼee isaa dhageenyu hammam xinnaa dha!
Yoos kakawwee humna isaa eenyutu hubachuu dandaʼa ree?”
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
share
Share
chevron_right
Next Chapter