Kitaaba Iyoobii26gax_twf

Iyoob

1Achiin duuba Iyoob deebisee,2«Ati nama hunna hin qanneattam attam qarqaarte!Nama dadhabaalleattam attam jabeessite!3Ati nama qaroo hin te'inattam attam gorsite!Beekkumsalle attam attam kenniteef!4Tana akka dubbattu ka si qarqaare eennu?Ayyaana eennuutitti afaan keeti keessaa dubbate?
5«Ekeraan abbaaya'aan jalattirorommiisatti jirti.6Addeen worri du'e jiruWaaqa duratti guutumatti mudhatti;wonni takkaalle isii hin gollitu.7Waaqi gubbaa gara kaabaa addee duwwaa irratti diriirse;lafaalle womaa adoo jala hin jiraatin rarraase.8Waaqi duumensa keessatti bisaan kipha;duumensille ulfaatiisa bisaaniitiin hin tarsa'u.9Inni barcumaa mootummaa ifiiduumensa ifii diriirsee hin golla.10Waaqi ifaa fi dukkana gargar baasiisaaf,bisaan irratti naannessee meessaa godheera.11Yennaa inni xixuutubooti ol-gubba'aa soda'aan hin raafaman.12Inni hunna ifiitiinabbaayaa hin sarmisiisa,qarummaa ifiitiin bineensa guddaa abbaayaa keessaa ka, ‹Rahaab› jedhamu hin kukkuta.13Inni hafuura ifiitiin ol-gubbaa qulqulleessee,harka ifiitille'een jawwee lowiisatti jirtu woraane.14Kun duudiin waan Waaqi huju keessaa diqqo'o;nuuti hasaassaa isaa qofa dhageenna;mandiisuu hunna isaa eentu hubatuu dande'a ree?» jedhe.