Kitaaba Iyoobii25gax_twf

Biildaad

1Achiin duuba Biildaad nami biyya Shu'aa deebisee,2«Mootumma'aa fi sodaatamuun ta Waaqaa ti;inni ol-gubbaa oliititti nageya hin buusa.3Laakkowamuu dandeettii ree?Ifi isaa eennu irratti ifuu dhaba ree?4Nami attam Waaqa durattibalchaa te'uu dande'a ree?Nami nama te'ee dhalateattam qulqulluu te'uu dande'a ree?5Kunoo, ji'inuu isa duratti akka dansaa hin ifu;urjootille isa duratti qulqullu'uu moti.6Ilmi namaa ka akka raammo'oo fa'a,attam attam caalaa diqqaata ree!» jedhe.