Kitaaba Iyoobii24gax_twf
1«Waaqi waan mara dande'uguyyaa mura'aa maaf hin murteessin?Worri isa beekanuguyyaa mura'aa san maaf hin dhaggin?2Worri hamaan beessisa meessa'aa balleessa;isaan hoolee hatane bobbaafatan.3Harree ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanneeoofatanee deeman;qotiyyoo haadha hiyyeessaaqaddi'iif fudhatan.4Isaan hiyyeeyyii karaa irraa hin ari'an;hiyyeeyyiin lafa irraa martiisaan duraa hin baqatan.5Hiyyeeyyiin akka harree diidaa goomolee keessaijoollee ifiitiif sagalee barbaassalafa goomole'ee keessa daddaaqan.6Isaan fichaa nama dhibi'ii keessaaokeya hin haammatan;oorruu woyni'ii ta worra hama'aa keessalle'eewoxoo qocatan.7Halkan guutuu qullaa bulan;boojji'iif'ille waan ifi irra buufatanu hin qabanu.8Bokkeya gaara irra roobuun hin tortoran;waan jalatti qophatanu dhabaneerassa'atti maxxananee bulan.9Worri hamaan daa'ima abbaa hin qanneharma irraa butanee garboonfatan;daa'ima hiyyeessaa qaddii godhatan.10Hiyyeeyyiin woyaa malee qullaa ifii deeman;isaan laddee hin ba'atan ammoo hin beelowan.11Tarree fichaa worra hamoole'ee oddu'uttizayitii ejersaa hin cunfan;unkuruura woyni'ii irralle'eedaadhii woyni'ii hin cunfan;isaan ammoo hin dheebotan.12Qachoota gugurdaa keessaa worri du'u hin aadan;worri madowanelle qarqaaramiisaaf hin iyyan;Waaqi ammoo daadimata isaanii hin caqanne.13«Worri ifa jibbu,worri karaa ifaa hin beenne,yookiin daandii ifaa irralle hin turre jiran.14Nami nama ijjeesu fuullee bari'iitiin ka'ee,hiyyeeyyi'ii fi worra rakkate hin ijjeesa;halkanille akka hattu'uu hata.15Nami gaarayyeeffatu lafa dhiitu eegata;eennulle akka isa hin dhaggineeffuula ifii hin hagooggata.16Hattuun halkan qottee seenti;guyyaa ammoo dhokaata oolti;ifaan waan tokkolle godhuu hin barbaaddu.17Dukkanaan bararassiisi waan isaan gammachiittuuf,dukkanti dimmi isaaniif ganama.18«Worri hamaan akka hoomacha bisaan irraa,yennaa diqqoo qofaaf mudhatan.Qoodi lafa isaanii ta abaarante waan teeteef,namuu gara fichaa woynii isaanii hin dhaqu.19O'ii fi caamidhakaa bokkeyaa ka baqe akkuma balleessuqileen awwaala jalaalle cubbaaleyyii akkasuma gooti.20Haadhotiin isaanii isaan hin deeti;corroxxille isaan hin nyaatti;namuu isaan hin qaabatu;worri hamaan akka mukaa hin caccaba.21Isaan dubartii deya hin qanne hin cunqursan;haadha hiyyeessaatiifille waan dansaa hin godhanu.22Waaqi ammoo hunna ifiitiinworra hunnaameyyii hin balleessa.Le'iin isaanii ta tolte fakkaatulle,jiruu addachiittu hin qabanu.23Waaqi akka isaan nageyaan le'anu lakkisulle,karaa isaan deemanu hubatee hin ilaala.24Worri hamaan yennaa diqqo'oof hin jajaman;achiin duuba ammooakkuma daraara'aa qooranee hin badan;akka midhaaniille hin haamaman.25«Yoo akkas hin te'inani dharaamessa akka te'ee fiwonni ani dubbadhe sirrii akka hin te'inka mirkaneessu eennu ree?» jedhe.