1Achiin duuba Iyoob deebisee,2«Ani iyyaa aadulledhowichi isaa waan natti jabaateef,haga ammaa gadhaan kiyyagadda hama'aa fi gungussu'uun guutameera.3Addee isa itti dhaggu adoo beeke,gara addee inni le'uu dhaqee,4silaa iyyata kiyya isatti dhikeeffadhee,afaan kiyya guutadhee isatti hin dubbadhaayyu.5Waan inni naaf deebisusila hin beekaayyuwaan inni naan jedhullesila hin hubadhaayyu.6Waaqi hunna ifii guddo'oonna morminnaa laati?Waawwo'o! Inni naaf hin dhage'a.7Achitti nami qajeelaan haajaa ifiiWaaqa duratti dhikeeffata;Waaqi abbaan mura'aa kiyyallehaga bara baraa bilisa na hin baasa.8«Ani gara aduun baatu yoo dhaqeinni achi hin jiru.Gara aduun seentulle yoo deebi'e,isa dhagguu hin dandeenne.9Yennaa inni gara kaabaatiin hujuani isa dhagguu hin dande'u.Yennaa inni gara kibbaallee deebi'uuani isa dhagguu hin dande'u.10Inni ammoo karaa ani deemu mara hin beeka;yennaa inni haga na ilaaluakka worqi'ii qulqulluu te'eeruun na dhagga.11Miilli kiyya faana isaa gula deema;karaa isaa irraa asii fi achi hin goru.12Ajaja afaan isaatii bawu irraa,ani hin fagaanne;jecha isaalle gadhaa kiyyatti qabadheera.13«Waaqi hin jijjiiramu;eennulle isa mormuu hin dande'u;inni waan fedhe godha.14Inni waan naaf yaade mara hin muummessa;wonni hedduun akkasii qalbii isaa keessa jirti.15Tanaaf ani isa duratti hin bararaqa;yennaa waan kana mara hedu isa sodaadha.16Waaqi na sodaachise;ka waan mara dande'u na bararasse.17Te'uu malee ani dukkanaan,dukkana dimma fuula kiyya gollite saniin hin cadhinne.