Kitaaba Iyoobii22gax_twf

Eliifaaz

1Achiin duuba Eliifaaziin Temaanichi deebisee,2«Nami Waaqaaf bu'aa qabaatuu dande'aa ree?Nami qaroolle bu'aa ifumaaf buufata.3Ati balchaa yoo teete, balchummaan teetiWaaqa waan mara dande'u maan gammachiitti?Karaan keeti ka komii hin qanne yoo te'e,inni woy dhaggataa ree?
4«Ati Waaqa waan sodaattuufinni si xixee muraa si irratti fidee ree?5Tun sababa hammeenni keeti guddatee,cubbuun teeti bacatteefii motii ree?6Ati sababa malee obboleeyyan teeti irraaqaddii fudhatteerta;namoota irraa woyaa mulqitee,qullaa hamburteerta.7Ati worra dheebotee dadhabeefbisaan hin kennine;worra beelowelle sagalee dhooggatteerta.8Latti ta worra hunnaameyyi'ii ti;worra ulfinna qabutti isii irra le'a.9Haadhotii hiyyeessaaharka duwwaa gad lakkitteerta;ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanneelle cunqursiteerta.10Tanaaf tiyyoon si marsitee,dedhuma sodaan si bararassite.11Akka ati dhagguu hin dandeennedukkanti si qaddee,lolaan si liqinse.
12«Waaqi ol-gubbaa olii keessa le'aa motii ree?Urjoota ol fagoo jiranulle,gad ilaalaa motii ree?13Ati ammoo, ‹Waaqi maan beeka?Dukkana dimmaatiin gara kaan jiraateenatti muruu dande'aa?14Inni gonbobittii ol-gubba'aa irra yennaa deddeemuduumensi hurrantaan waan isa golluufdhagguu hin dande'u› jetta.15Ati karaa durii ka worri hamaan irra deddeemehordofaartaa ree?16Isaan adoo yennaan isaanii hin geyiinuu qoomamaneeran;hundeen isaanii lola'aan haxowanteerti.17Isaan Waaqa waan mara dande'uun, ‹Nu irraa fagaadhu;maan nuu godhuu dandeetta?› jedhane.18Te'uu malee isumattuu mana isaaniiwaan dansa'aan guute;tanaaf ani yaada worra hama'aa hin fudhadhu.
19«Balchooti badii worra hamootaa dhagganee hin gammadan;worri yakkaa hin qanne murgo'oof itti kollaa,20‹Dhuguma diinni keenna badeera;waan isaan irraa hafelle ibiddi fixeera› jedhan.
21«Iyoob, Waaqaan wolii galiitiiisa woliin nageya qabaadhu;karaa kanaan waan dansaa hin dhaggatta.22Qajeelcha inni sii kennu fudhadhu;jecha isaalle gadhaa keetitti qabadhu.23Ati gara Waaqa waan mara dande'uu yoo deebite,akka duriititti hin deebita;hammeenna dunkaanii teeti keessaa yoo fageessite,24worqii akka buku'uutitti,worqii gatii guddo'oolleakka rassaa bisaan keessaatitti yoo ilaalte,25Waaqi waan mara dande'uworqi'ii fi meetii gatii guddo'oo siif hin te'a.26Achiin duuba atiWaaqa waan mara dande'uun hin gammadda;isalle'etti addattee hin leeta.27Ati gara isaa hin daadimatta,innille si'iif hin dhage'a;atille waadaa keeti isaaf hin galchita.28Wonni ati murteeffatte siif hin teeti;ifille karaa keetitti hin ifa.29Waaqi worra kooru gad qaba;worra ifi gad qabu ammoo hin fayyisa.30Sababa ati yakkaa hin qanneef,Waaqi worra yakkaameyyi'iiyyuuadabbii jalaa hin baasa» jedhe.