Kitaaba Iyoobii21gax_twf

Iyoob

1Iyoob deebisee,2«Waan ani dubbadhu miidhassa'aa caqasa'a;kun akka na jajjabeesitanetti isiniif laakkowamuu ti.3Ani hin dubbadhaa naaf ossadha'a;achiin duuba akka feetane murguu dandeettan.
4«Ani nama komadhaa ree?Maaf ossa hin dhanne ree?5Ana ilaala'aatii maadeffadha'a;afaan keessanille qabadha'a.6Ani waan kana yennaa yaadadhu hin bararaqa;nafi kiyyalle hin hollata.7Worri hamaan maaf le'a?Maaf ganna dheeraa le'ee dullooma?maaf hunnaan ittuma jabaataa deema?8Ijoolle'ee fi akaakoti isaanii adoo isaan jiraranuufuula isaanii duratti guddatanee itti tolteen dhaggan9Isaan mana ifii keessa sodaa malee nageyaan le'an;Waaqi isaan hin adabu.10Horiin isaanii rakkoo tokko malee hora;loon isaaniille rimeya gadha'aa hin gatanu.11Ijoollee ifii akka tika hoole'ee bobbaasan;daa'immaan isaaniille hin burraaxxi.12Isaan dibbe'ee fi maseenqo'oonqoonqoo suusulle'eetiingammadanee hin sirban.13Isaan qananumma'aan bara ifii fixatan;farra malee du'an.14«Isaan Waaqaan,‹Nuuti karaa keeti beekuu hin feenu;nu irraa fagaadhu.15Nuuti akka isa waaqonfannuufka waan mara dande'u eennu inni?Isa yoo daadimannebu'aa maan dhagganna?› jedhan.16Qananummaan isaaniiharkuma isaanii keessa jirtii motii ree?Maarre ani yaada worra hama'aa hin fudhadhu.
17«Issaan worra hama'aayennaa mara attam attam bada?Farri yennaa maraa attam attam isaanitti dhutti?Isaan yennaa mara adabbii mufii ifiitiinattam attam farrane?18Isaan akka huura qilleensa dura jiruutii motii ree?Akka cidii bubbe'een fudhatantuutii motii ree?19Isin ‹Waaqi yakkaa abbooti'iitiifijoollee hin adaba› jettan;te'uu malee yakkaameyyiinyakkaa ifii akka beekanuuf,isaanunti adabamanuu ti.20Cubbaaleyyiin yakkaa ifiitiif adabamanuu ti;Waaqi waan mara dande'umufii ifii isaanitti buusuu ti.21Nami du'een duubamarroo ijoollee ifiitiifmaanti isa dhiba?
22«Waaqa worra gugurda'attuu murunami beekkumsa isa barsiisuu dande'aa ree?23Nami gariin adoo hunna qabuule'iin itti toltee nageyaan adoo jiruu,24nafi isaa adoo gabbinna qabuu,lafee isaa keessa dhuki guuttee adoo jirtuu du'a.25Nami dhibiin ammoo jiruun itti hadhoottee,waan dansaa adoo hin dhaggin du'a.26Isaan lamaanuu du'anee awwaalamaneecorroxxille itti duuddi.
27«Kunoo, ani yaada keessan,mala isin na miidhiisaaf maltanellemiidhassee beeka.28Isin, ‹Manni nama guddaa sanii meet ree?Dunkaaniin worra hama'aa keessa meet ree?› jettan.29Isin worra karaa yaa'u hin gaafannee ree?Waan isaan jedhanelle hin fudhannee ree?30Nama hamaa balaan yennaa dhufumiidhaan isa hin dhaqqabu;guyyaa mufii Waaqaalle jalaa hin baya.31Nama hamaa amala isaa ka isa duratti komatu,hujii hantuu isaatiifille ka isa adabu eennu ree?32Yennaa inni du'e gara awwaalaa hin geessan.Irreensi isaalle hin eegama.33Biyyeen dhooqa keessaaisatti hin tolti.Namooti bacaan isa duubaan deeman;kolbaan bindillaalle isa dura deenti.
34«Deebiin isin naaf kennitanu soba;attamiin dubbii woy hin baaneenna jajjabeessiisaaf wodhaantan ree?» jedhe.