Kitaaba Iyoobii20gax_twf

Zofaarii Naa'imaaticha

1Achiin duuba Zofaariin Naa'imaatichi deebisee,2«Iyoob, ani deebii akka kennuufyaadi kiyya na dirqansiisa;tanaaf dubbatiisaaf ariifadha.3Arraffama ittiin salphadhe dhage'adheera;hubatiis kiyyaakka ani deebii kennu na godheera.
4«Bara durii duriiyennaa nami biyya lafaa irratti dadameen jalqabee,dubbii akkasii tana beettaa ree?5Qaca'iis worra hama'aa,haguma diqqa'a.Gammadi worra Waaqa malee le'uullehaga lipheettii ilaa ti.6Isaan haga ol-gubba'aa ifi ol ol qabanulle,mataan isaanii duumensa tuqulle,7isaan akkuma faalowa ifii hin badan;worri dur isaan dhaggeeru,‹Isaan meet ree?› hin jedhan.8Isaan akka oojju'uu waan badanuufhin dhaggamanu;akka mudhii halkaniille hin badan.9Ilti tanaan dura isaan dhaggite,deebitee isaan hin dhaggitu;isaan addee le'anu irralle'ee hin badan.10Ijoolleen isaaniiwaan abbootiin isaanii hiyyeeyyii irraa saantesossobataa hin deebitti.11Nafi isaanii ka hunna dargaggumma'aatiin guutameisaan woliin biyyee hin te'a.
12«Hammeenni afaan isaanii keessatti mi'owee,arraba ifiitiin jalatti dhossanee,13afaan ifii keessaa baasuu jibbanee,afaan ifii keessatti qabatanulle,14sagaleen isaanii gadhaa isaanii keessattigara hadha'aatitti hin jijjiiranti;akka hadhaa dhudhuufa'aalle hin teeti.15Isaan karra nyaatane hin tufan;Waaqi waan isaan nyaataneakka diddiganu hin godha.16Wonni isaan nyaatanuhadhaa dhudhuufa'aa itti hin teeti;hadhaa buuti'iille itti teetee isaan hin ijjeetti.17Isaan bisaanii fi lagaka dammaa fi itittuu woliin yaa'u hin dhagganu.18Waan ifii itti elowaneadoo hin nyaatin deebisanee hin kennan;bu'aa daldalanee dhaggatanelle'etti hin gammadanu.19Isaan hiyyeeyyii cunqursanee duwwaa hamburanee,mana ifii hin ijaarinille waan fudhataneef tun teete.
20«Joljolummaan isaanii foora isaan dhooggiteerti;qabeenni isaanii isaan baasuu hin dande'u.21Isaan waan qabanu nyaatanee hin fixan;tanaaf qabeenni isaanii dafee hin dhumata.22Qabeenna hedduu qabaatanulle,deegi isaanitti hin bu'a;rakkoon jadduulle isaan hin dhaqqaddi.23Isaan nyaatanee yennaa quufanu,Waaqi aarii ifii isaan irratti bobeessee,balaa ifii akka bokkeyaaisaan irratti hin roobisiisa.24Shallaagaa sibiilaa jalaa yoo miliqedaaya sageettu'uutiin hin woraanama.25Daayi sun woraanee duddaan isa fulla'a;qacceen calalaxxuun arfii saniitiruu isaanii keessa baati;naasuulle'een hin qabaman.26Qabeenni isaanii duudiindukkana dimmaa keessatti bada;ibiddi hin dhaanne isaan hin guba;waan dunkaana isaanii keessa hafellemuxuq godha.27Ol-gubbaan yakkaa isaanii hin mudhitti;lattille diinumma'aan isaan irratti hin kaati.28Guyyaa mufii Waaqaaqabeenni mana isaanii lola'aan hin fudhatama.29Qoodi Waaqi worra hama'aaf kennu,gatiin isaaniille tana» jedhe.